Lafti wayita kirkiru maal gochuutu gorfama?

Nama daa'ima lubbuu baraaru

Madda suuraa, Reuters

Kirkirri lafaa reektar iskeelii 7.8 Tarkii fi Siiriyaatti Wixata darbe mudate waggoota kudhan keessatti kirkira lafaa lubbuu namoota danuu galaafate isa hamaadha.

Biyyoota lamaan keessatti balaa kanaan lubbuu namoota 15,000 oliitu darbe.

Tarkiin biyya balaa kirkira lafaaf saaxilamtedha.

Bara 1900 irraa kaasee hanga yoonaatti namoota 90,000 olitu kirkira lafaa 76 ta’aniin lubbuu isaanii dhabe.

Isaan keeessaa walakkaan isaanii bara 1939 fi 1999 giddutti lubbuu isaanii kan dhabanidha.

Waggoota 20’n darban keessatti kirkirri lafaa hamaan lubbuu namoota hedduu galaafate kan biraan Heyitii keessatti bara 2021 mudate.

Balaa kanaan namoota 2,200 ol ta’anitu lubbuu dhabe. Akkasuma bara 2018 Indoneeziyaa keessatti kirkirri lafaa lubbuu namoota 4,300 dabarse.

Bara 2017 ammoo biyya Iraan keessattis namoonni 400 kirkira lafaatiin du’an.

dubartii dhaabbattee gamoo burkutaa'e ilaaltu

Madda suuraa, Reuters

Kirkira lafaa raaguu

Saayintistonni otoo iddoo kirikirri lafaa itti mudatu beekuun danda’amee, yeroo dacheen kirkirtu ykn hoollattu beekuurraa ammayyuu fagoo jirra jedhan.

Kanaafuu, kirikira lafaa raaguun danda’amaa laata?

‘’Baayyee gaddisiisaadha, hin danda’amu’’ jedhan Seesimolojistiin Kolleejjii Impeeriyaal Landan Dr Istiivan Hiiksi.

‘’Haa ta’u malee, kirkirri lafaa umamuu danda’usaa adda baasuuf ni hojjanna. Tarii uumamu akka malu ni akeekna'' jedhan.

‘’Ameerikaa iddoo akka Kaaliforniyaa, fi Jaappaan kirkira lafaa raaguun baayinaan hojiirra oolaa jira,’’ jedhan.

Kirkira lafaaf of qopheessuu

Kirkirri lafaa yeroo mudatu raaguun salphaa ta’uu baatullee, ogeeyyiin yeroo hunda of qopheessuu akka qabnu gorsu. Kana jechuun karoora kirkira lafaa qabaachuu qabda jedhu.

‘’Naannoo kirkirri lafaa baayyinaan itti mudatu jiraatta taanaan, manakee keessaa waan akka saanduqaa yeroo muddamaatti keessatti miliqxu mana keessaa qabaachun gaariidha,’’ jedhan Dr Hiiksi.

Bakki kun bishaan dhugaatii, baatirii, meeshaalee deeggarsii lubbu-baraarsaa ittiin kennamanii fi soorata muraasa qabaachuu qaba jedhu.

Akka Waldaan Qaxxaamura Diimaa jedhutti, bakka meeshaaleen deeggarsa yeroo muddamaa kaa’amutti maallaqa dabalataa fi ragaalee odeeffannoo dhuunfaafi dawaa fudhachaa jirtu ofirraa qabu kaa'utu gorfama.

Balaa kirkira lafaa Tarkiitti mudate hordofuun gamoo jijjige

Madda suuraa, Reuters

Yoo gamoon kessa jirtu nagaa ta’e, bakkuma jirtu turi

Akka qorannoon dhaabbata qorannoo Ji’oolojii Ameerikaa fi Ejensiin Saayinsii Ameerikaa jedhutti, yoo idduma jirtu turte carraa miidhamuuf qabdu xiqqaadha.

Kanaafuu, yeroo kirkirri lafaa wayita mudataa jirutti gara alatti fiiguuf hin yaaliiin ykn kutaa biraatti fiiguuf hin yaaliin jedhanii gorsu.

‘’Gadi taa’i, haguuggadhu, achuma turii’’ himni jedhu dhaadannoo ogeeyyiin nageeenyaaf waan raawwachuu qabdu jedhanii gorsani.

Wayita ofirra quphantu akkaata harkaa fi miilakee waantota gadi sitti kufaniirraa eeguu akka danda’utti quphanii jedhu.

Otoo kirkirri lafaa dhaga’amaa jiruu minjaala ykn teessoo jala yoo seente, dawoon keessa seentu kan biraa yoo hin jiraanne achuma turuutu gorfama.

Yoo mana dullumaa ta’e keessa jiraatta ta’e minjaala jala seenu gorsu ogeeyyiin.

Gamoon yeroo jiguuf ka’u foddaa fi fuulduree gamoo gara alaatti argamutu dursa jijjiga.

Kanaafuu iddoowwan kanarraa fagaachutu gorfama.

Yeroo manaa bahuun danda’amutti gadi bahi

Kirkirri lafaa battaluma dhaabatetti dirree gara alaatti bahi, tarii gamoon ati keessa jiraattu yoo jige.

Kana hunda gochuun kan sirra jiraatu yoo manatti ugguramtedha.

Otoo ala jirtuu yoo kirkirri lafaa mudate maal gochuu qabda?

‘’Idduma jirtu turi,’’jedhu ogeeyyiin. Gamoo, shiboo elekirikii, boolla balfi iti garamu, gaazii booba’aa fi ujummoo gaazii irraa fagaachuttu gorfama.

Gara dirree, bakka mukti, mukti ibsaa fi gamoon namatti jigu hin jirretti bahuutu gorfama.

Balaarraa fagaachuu

Wayita kirkirri lafaa mudatu waanti nama ajjeesanii fi madeessan waantota namarratti jigan kan akka TV, daawwitii manaa fa’aati.

Waanti balaaf nama saaxilu kan biraan ujummoon gaazii boba’aa kirikiraa lafaa hordofee cabuudhaan gaazii dhangalasu fa'aati.

Dr Hiiksi akka fakkeenyaatti kan kaasan bara 1906 Firaansiskootti kirkira lafaa hordofee lubbuu namoota 3,000 ta’anitu darbe.

‘’Namoonni baayyeen kan du’an gamoon urgufamuu caalaayyu, ujummoon gaazii dho’uu isaatiinii ture,’’ jedhan.

Kanaafuu waan boba’uurra fagaachuu gorsan.

Dr Hiiksi akka gorsanitti, biyyoota kaan keessatti otoo kirkirri lafaa hin mudatiin dursa maal gochuu akka qaban namoonni shaakalu/qo’achuu qabu jedhan.