Kirkira lafaa Tarkiifi Siriyaa mudateen namoonni 2,000 ol ta'an du'an

Gamoo jijjige

Madda suuraa, Reuters

Kirkira lafaa cimaa Tarkii fi Siriyaa mudateen wal qabatee namoonni 2,000 ta'an du'un gabaafame.

Tarkiitti kirkira cimaa har'a mudateen namoonni lubbuunsaaanii darbe 1,000 ol darbuun gabaafame.

Gama Siriyaatinis kirkira lafaa gama daangaa Tarkiitti mudateen hanga ammaatti namoonni 783 du'uu dhaabbanni mirga namoomaa Siriyaa UK'tti bu'uureeffate hime.

Kanaafu, ragaa hanga ammaatti argameen waliigalatti namoonni 2,000 ol ta'an sababii balaa kirkira lafaa kanaan du'aniiru.

Pirezidanti Erdogaan yoo xinnaate Tarkii keessatti namoonni 5,383 yoo madaa'aniiru. Siriyaa keessattis namoonni baay'een madaa'utu gabaafame. Kunis dabalaa akka deemu tilmaamameera.

Ganama keessa maaltu jedhame ture?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kirkira lafaa kbba baha Tarkii gama daangaa Siriyaatti, mudateen namoonni hedduun lubbuun darbe kaan ammoo danqamu ganama keessa gabaafame.

Dhaabbanni Qo'annoo Ji'oogiraafii Ameerikaa akka jedhetti, kirkirri lafaa maagnitiyuudii 7.8tu akka sa'aatii biyyaatti sa'aa 04:17 irratti dhiheenya magaalaa Gaazi'aanteepiitti mudate.

Bakki kirkirrii baay'ee olaanaa jedhame kun itti mudatees gadi fageenya km 17.9 akka qabu himameera.

Qondaaltoonni Tarkii akka mirkaneessaniitti yoo xinnaate namoonni 500 du'aniiru. Akkasumas Siriyaa keessattis namoonni 50 ol lubbuun darbuutu gabaafamaa jira.

Lakkoofsi namoota du'anii sa'aatiiwwan itti aanan keessatti dabalu akka danda'u sodaatameera.

Gamoowwan hedduun kan jijjigan yoo ta'u, kanneen lubbuun hafan baraaruuf gareen lubbuu baraartotaa iddichatti bobbaafamaniiru.

Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Tarkii, Suleeyiman Sooyluu, maagaaloonni biyyattii kudha ta'an balaa kirkira lfaa kanaan miidhamaniiru.

Gaazexeessaan BBC Tarkish kan kaaba-baja Gaazi'aantep keessaa, magaalattii keessatti gamoon gabaa guddaan jiguu gabaaseera.

Akkasumas kirkirri kun Siriyaa, Liibaananiifi Saayipirasittiis dhagahameera.

''Osoon waa barreessaa jiruu akkuma tasaatti gamoon hundi kirkiruu eegale. Dhuguma maal akka natti dhagahame hin beeku'' jedha Mohaammad El Chaamaa, barataan magaalaa guddoo Liibaanan Beeruuti keessaa BBCtti dubbate.

''Foddaatti aanee waanan tureef, tarii ni cacabaa laata jedhee sodaadheen ture. Taateen kunis daqiiqaawwan afurii-shanii kan ture yoo ta'u, baayyee sodaachisaa ture. Baayyee sammuu namaatiin ol ture'' jedhe.

Jijjigaa gamoowwanii

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY VIA GETTY IMAGES

Gaazaa irraa qopheessaan BBC Rushdi Abualouf, mana inni keessa ture keessatti kirkira sakandiiwwan 45f ture itti dhagahamu hime.

Qorattoonni kirkira lafaa (seismologists ) Tarkii kirkirrii kun kan ture maagnitiudii 7.4 akka ta'u tilmaaman.

Akkasumas daqiiqaa tokkoon booda kirkirrii biraa naannicha mudacuu dubbatan.

Tarkiin zoonii kirkirrii lafaa si'oomaan addunyaa kanaa itti argamu keessaa tokkoo bakka ta'eetti argamti.

Bara 1999 keessas, erga kirkirrii cimaan kaaba lixa biyyattii keessatti mudateen booda namoonni 17,000 ol ta'an lubbuun darbee ture.

Badii kirkira lafaa kanaan qaqabee

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY VIA GETTY IMAGES