Tarkiitti roobni cimaan namoota sababa kirkira lafaan miidhaman baraaruu danqe

Madda suuraa, Getty Images
Lubbuu baraartonni kirkira lafaa kibba baha Tarkitti mudaterraa hafan lubbuun baasuuf tattaafatan rooba cabbii qabu wajjin rakkachaa jiru.
Hamma yoonaa balaa kirkira lafaa kanaan namoonni 4,300 tahan Tarkiifi Siiriyaatti lubbuun darbeera. Kanneen 15,000 tahan immoo madaa'aniiru.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa lakkoofsi namoota kirkira lafaa kanaan miidhaman dabaluu mala jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni naannoo kirkirri lafaa dhalate jiran gara gamoowwaniitti deebi’uu sodaachaa jiru.
Kirkirri lafaa kuni maagnitiyuudii 7.8’n kan qabu yoo tahu, Wiixata naannoo magaalaa Gaaziyaanteep jedhamtutti, gadi fageenya kiloomeetira 17.9 tahuun dhagahameera jedhe Dhaabbatni Ji’oolojii Ameerikaa.
Seemisolojistoo(ogeessonni waa’ee caasaa lafaa qo’atan) kirkirri lafaa akkas guddaa tahe Tarkiitti mudachuun kan jalqabaati. Kirkirri lafaa kuni hollannaa daqiiqaa lamaa booda dhaabbate jedhan namoonni balaa kanarraa hafan.
Kirkirri lafaa biraa boodarra naannoo Elbistaan jedhamutti mudate immoo maagniitiyuudii 7.5 qaba ture.
Kirkirichi dhaabbachuun booda lubbuu baraartonni caccaabaa keessa namoonni lubbuun hafan yoo jiraatan barbaadaa turan.
Magaalaa Tarkii Osmaaniyee jedhamutuufi kirkirri lafaa kuni akkaan dhahe keessa roobni cimaan roobuun lubbuu baraartota caccabaa keessa harkaan sassaaqaa namoota lubbuun hafan barbaadan danqeera.
Roobni cimaan kuni erga jalqabees magaalattii keessatti humni elektiriikii jala addaan citeera.
Maatiin tokko, gamoon irra deebiin kirkiree jiga jedhanii sodaachuun qorruma keessa daandii gubbaa qubataniiru.
Siiriyaa keessattis akkasuma hamma yoonaa namoonni 1,400 tahan balaa kanaaan lubbuun darbuun beekameera.
Doktar Shaajuul Islaam hospitaala al-Shifaa kan magaalaa Kaaba Siiriyaa Idliib jedhamu keessaa hojjeta. Hospitaala keessatti du’a akkasii kana argee hin beeku jechuun BBCtti hime.
‘’Hospitaalli keenya guutuu dha. Dhukkubsattoota 300-400 tahan qabna, kana dura dhukuubsataa lama ykn sadii qofatu dhufa ture jedhe.
Namoota 40-50 tahan kutaa wal’aansa addaa (ICU) jedhamutti yaalaa ture,'' jedhe.
‘’Meeshaa ittiin harganan dhukkubsataa tokkoraa fuudheen isa irraa hafuuf carraa qabuttin kaa’aa ture jedhe.
Balbala irra dhaabaneetu kamitu carraa lubbuun hafuu qaba, hin qabu jennee murteessaa turre,’’ jedhe.
Hawaasni addunyaa balaa kanaaf deeggarsa akka godhu waamicha taasifameen, hamma yoonaa biyyoota 45 irraa gargaarsa arganneerra jedhan, Pireezidantiin Tarkii Taayiip Erdohaan.












