Lammiileen Itoophiyaa Tarkiitti argaman maal jedhu?

Kirkira lafaa cimaa naannawa daangaa Tarkiifi Siriyaatti alkan Dilbataa gara Wiixatatti bari’utti mudateen namoonni 4,300 ol ta’an lubbuusaanii dhabuun gabaafameera.
Akkasumas kanneen biraa kumaatamaan lakkaa’aman irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu aanga’oonni biyyoota lamaanii beeksisaniiru.
Hojjattoonni lubbuu baraarsaa namoota jijjigaa gamoo keessatti hafan baasuuf ammalleen hojjataa jiraachuutu himame.
Balaan kirkira lafaa qaqqabe baayyee cimaa ta’uusaatiin kan ka’e lakkoofsi namoota miidhaan irra gahees dabaluu akka danda’u sodaatamaa jira.
Akkuma biyyoota kaan biraa, lammiileen Itoophiyaa hedduun sababa hojii daldalaa, wallaansaa fi barnootaaf akkasumas bashannannaatiif gara sana ni imalu.
Haaluma kanaanis lammiileen Itoophiyaa wayita amma kirkirri lafaa Tarkii mudate kanatti achitti argaman maal keessa akka jiran odeeffachuuf BBC namoota muraasa dubbiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lammiin Itoophiyaa Tarkiitti argamaniif BBCn dubbisee Saadiiq Kadir, kirkira lafaa cimaa mudateen yaaddoo itti dhagahameefi haala keessatti argaman akkasiin himan.
Gaazexessaa Saadiiq Kadir madda oduu mootummaa Tarkii, Anaadoluu jedhamuuf hojjata.
Waggoota saddeettan biyyattii keessa jiraateetti balaan kana fakkaatu mudatee akka hin beekne dubbata.
Saadiiqi akka jedhuutti, kirkirri lafaa jalqabaa kan mudate alkan keessaa naannoo sa’aatii 10:17tti yoo ta’u, akka odeeffannoo Ministira Balaa Tasaa Tarkiitti kirkirri kunis iskeelii 7.7 ture.
Sa’aatiiwwan muraasaan booda ammo magaalaa Tarkii kan Kibba bahatti argamtu Kaahiraamaanaamaaraasiitti kirkirri lafaa reektara iskeelii 7.6 mudachuun dhagahameera.
Akka Saadiiqi jedhuutti yoo ta’e, kirkirri lafaa kunis eddo inni jiraatu Ankaaraa, kan baayyee fagaatee argamuutti illeen dhagahamu hima.
‘‘Nutis gamoo irraa buneeti kan dabarsine’’ jechuun ture kan ibse.
Balaadhaan booda hojjattoonni balaa tasaa hojii lubbuu baraaruu raawwachuuf bobba’anii kan turan yoo ta’u, Ministirri Raayyaa Ittisaa Tarkii xiyyaaraan deeggarsa taasisaa jira.
Biyyoonni gara biraa 45 ta’an biyyattiif deeggarsa taasisuuf qophii akka qaban ibsaniiru jedhe.
‘Gamoowwan hin diigamiin waan shocho’aniif jiguu danda’u’
Kirkirri lafaa jalqabaa kan mudate bulchiinsa Gaaziiyaanteep kan magaalaa guddoo Tarkii- Istaanbul irra fageenya kiilomeetira 850 irratti argamtuutti ture.
BBCn kan dubbiseefi yunivarsitii bulchiinsicha keessatti argamutti barataa Mekanikaal injinaringii wagga sadaffaa kan ta’e, magaala inni keessatti argamuutti gamoowwan hedduun jijjiguufi namoonni baayyeen du’u dubbateera.
Kirkirri lafaa kunis alkan Dilbataa mudachu kan dubbate barataan kun, sa’aatiin sanaan booda ‘‘qorri alaa kan hin danda’amne ta’ulleen, jiraattoonni alatti bahaniiru’’ jedha.
Barataan kun akka jedhuutti, kirkirri lafaa kun kan mudate yeroo lama yoo ta’u, gamoowwan hin jignelleen socho’aniiru, jigulleen danda’u.
Jiraattoonis hanga nageenyummaan gamowwanii mirkanaa’uutti akka ol itti hin deebiine akeekkachiifni kennameefiira.
Ammatti namoota manaan alatti argamaniif bakka bulti dunkaanni qophaa’uuf barataan BBCn dubbise kun himeera.
Osoo balaan sun hin mudatiin dura, akeekkachiifni kenname omtu akka hin turre kan kaase barataan kun, balaan kunis akka tasaa yeroo namni cisaa tureetti waan mudateef balaa cimaa qaqabsiisu dubbata.
‘‘Naannoo keenyatti gamoon jige jiraachu baatulleen, wanti karaa intarneetiin agarru kan baayyee nama jeequudha’’ jedha.
Hanga ammaattis barataan miidhaan irra gahe akka hin jirreefi Imbaasii Itoophiyaa Ankaaraatti argamu waliinis wal qunnamu kaaseera.
Tarkiitti AMbaasadara Itoophiyaa kan ta’an Adam Mahaammad Maahumud toora tiwitara isaanii irratti akka barreessaniitti, balaa kirkira lafaa kibba Tarkiitti qaqabeen kanneen lubbusaanii dhabaniif gadduu ibsanii, kanneen miidhaaf saaxilaman akka saffiisaan bayyanataniif hawwii isaanii ibsan.
‘Jiraattoonni maaltu umama laata jechuun yaaddoon eeggataa jiru’
Gaazexessaan Anaadoluu Saadiiq, bakka balaan itti mudateetti imalu baatulleen, kallattiidhaan namoota lubbuun hafan wayita jijjigaa jalaa baafaman argu dubbateera.
Akkasumas kirkirri lafaa kun haala gadaanaa ta’een guyyoota ittaanan muraasaa itti fufuu akka danda’u ragaan jiraachu dubbata.
Sababii kanaanis jiraattoonni naannichaa manaan ala akka turaniifi gamoowwan hin jiginis nageenyaaf jecha duwwaa akka ta’an taasifameera. Saadiiq odeeffannoo hanga ammaatti argate irratti hundaa’un akka jedhuutti, lakkoofis namoota du’anii gama Tarkiifi Siriyaatin dabalaa jira.
Itti dabalunis ‘‘yaaddoon akkuma itti fufeetti jira. Namoonni amma amma maaltu umamaa laata? Jechuun yaaddoon eeggataa jiru’’ jedhe.












