Taphataan duraanii Chelsii Kirkira lafaan gamoo jige jalaa baraarame

Kiristiyaan Atsu

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan duraanii Chelsii fi Niwkaastil Kiristiyaan Atsu ganna 31 tahe, kirkira lafaa Turkitti mudateen mana jijjige jalatti awwaalamee ture lubbuun baraarame.

Kirkira lafaa naannoo daangaa Turkiifi Siiriyatti qaqqabeen namootni kuma shanii ol kan du'an yeroo ta'u hedduun ammoo jijjiigaa gamoo jala jiru.

Manaajarri taphatichaa Mustafaa Ozaat raadiyoo biyyattii Radyo Gol jedhamutti yoo himu ''Kiristiyan Atsuu jijjiiga agamoowwanii jalaa miidhamus baraarameera'' jedhe.

''Daayireektarri ispoortii keenya garuu akka carraa ta'ee amallee jijjiigaa gamoo jala jira.''

Bakki Taphataan kun ture Hataay kan jedhamu yeroo ta'u gidduugala kirikira lafaa mudateef dhiyoodha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataa Kiristiyaan Atsu Suupper Liigii Turkee keessa kilaba Hatayaspor jedhamuuf kan taphatu yeroo ta'u balaa kanaan kanneen miidhaman keessati.

Saa'aatiiwwan dheeraaf jijjiigaa gamoowwwanii jala kan ture ta'us lubbuu baraartootni barbaacha gochaa jiran keessa lubbun isa baraaraniiiru.

Tpahatan kun afuura baafachuu rakkachuu dabalatee miidhama miilla isaa mirgaarra gahen waldhaansaaf gara Haspitaalaa geeffameera.

Atsuun dhalootaa Gaanaati. Waldaan Kubba Miilaa Gaanaa deegartootni Kiristiyaan Atsuuf ‘’kadhannaa’’ akka godhan gaafatee ture.

Waldichi taphataa Internaashinaalaa Gaanaa Kiristaan Atsuu fi miidhamtoota kirkira lafaa Turkii fi Sooriyaatti mudateef ni kadhanna,’’ jechuun Tiwiitera irratti maxxanse.

Kilabni isaa duraanii Kiwkastilis akkasuma oduu gaarii akka nu dhageesisuu kadhannaa keenya jechuun Tiwiitera irratti barreessan.

Barbaachi lubbuu baraaruu ammas gaggeeffamaa kan jiru yoo tahu qorri biyyicha keessaa garuu gufuu akka tahe himama. WHO lakkoofsi namoota jijjiigaa manneenii jalatti danqamanii hedduu waan ta'eef lakkofsi namoota du'aii daranuu dabaluu mala jedheera.

Dabalatan biyyootni akka Israa’eel gargaarsa lubbuu baraaruu kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru.

Kiristiyaan Atsuu fi daarikterri Ispoortii kilaba Hatayasport gamoo jige jalaa hin argamiin jiru.

Dilbata tapha kilabni isaa Hataysport Kaasaampiisaa waliin godhe irratti Kiristaan Atsu galchii tokko lakkoofsisun injifatan.

Ergasii sa’a muraasa booda akka manatti galeen kirkirri lafaa mudachuun gamoon keessa jiraatan jige.

Atsuun biyya isaa Gaanaaf taphoota 65 irratti hiriiree taphateera. Bara 2013 ammoo Chelsiif mallatteesse. Sana booda ergisaan Everteen, Barnimoowuz fi Niwkastiilifis taphachaa ture.

Barbaachi akkuma itti fufetti tahee hanga ammaatti garuu taphataan kunii fi gaggeessaan kilaba isaanii hin argamiin jiru.

Dhaabbanni Qo'annoo Ji'oogiraafii Ameerikaa akka jedhetti, kirkirri lafaa maagnitiyuudii 7.8tu akka sa'aatii biyyaatti sa'aa 04:17 irratti dhiheenya magaalaa Gaazi'aanteepiitti mudate.

Bakki kirkirrii baay'ee olaanaa jedhame kun itti mudatees gadi fageenya km 17.9 akka qabu himameera.

Qondaaltoonni Tarkii akka mirkaneessaniitti yoo xinnaate namoonni 2,000 du'aniiru. Akkasumas Siriyaa keessattis namoonni 50 ol lubbuun darbuutu gabaafamaa jira.

Gamoowwan hedduun kan jijjigan yoo ta'u, kanneen lubbuun hafan baraaruuf gareen lubbuu baraartotaa iddichatti bobbaafamaniiru.

Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Tarkii, Suleeyiman Sooyluu, maagaaloonni biyyattii kudha ta'an balaa kirkira lfaa kanaan miidhamaniiru.