Gooliin Harry Kane Manchistar Siitii irratti galche seena qabeettii taate

Harry Kane kilaba Tootanhaamiif goolii 267 galchuun taphataa yoomuu gita hin qabne ta'eera.
Isteediyemii Hotspur irratti goolii Maanchistar Siitii irratti galcheen gameessicha Tootanhaam keessatti goolii galchuun rikardii qabu- Jiimii Giriivsi caaleera.
Dursaa garee biyyaalessaa Ingilaand fi kilaba Tootanhaam kan ta'e taphataa gameessi umrii waggaa 29 Harry Kane, taphichi eegalee daqiiqaa 15ffaarratti goolii ajaa'ibaa Siitii irratti galchuun qalbii do'attootaa hedduu hawwate.
Akkuma inni goolii kana galcheen iskiriinii guddicha Isteediyemii keessatti argamurratti ergaan ''baga gammadde'' jedhu Harry Kane'f barreeffame.
Gooliin isaa jalqabaa Muddee 15, 2011 Tootanhaamiif lakkoofsises mul'ateera.
Harry Kane waggaa 12 dura umriisaa waggaa 18tti tapha Europa League irratti Tootanhaamiif goolii jalqabaa lakkoofsise.
Kana malees Kane goolii Siitii irratti galche kanaan seenaa Piriimer Liigii keessatti goolii lakkoofsise 200ffaan ga'ateera, hanga ammaatti Alan Shearer (260) fi Wane Rooney (208) qofatu lakkoofsa gooliin isa caalu.
Harry Kane Tootenhaam keessatti waliigalatti hanga ammaa taphoota 516 taphaterrattidha goolii 267 kan lakkoofise, Giriivsi ammoo taphoota 379 taphatee gooliiwwan 266 lakkoofsise.
Tootanhaam kaleessa galgala tapha murteessaa Maanchistar Siitii waliin taphatan olaantummaan dursaa turan.
Daqiiqaa 87ffaa irratti Cristian Romero kaardii diimaadhaan kan dhabe Tootanhaam hanga dhumaatti dandeettii olaan aagarsiisuun warra Siitii sodaachisaa ture.
Gareen Pep Gaardiyoolaa carraa adda addummaa qabxii Arsenal waliin qabu gadi xiqqeessuu dhabeera.
Injifannoon Tootanhaam kun Arsenaal qabxii shaniin Piriimer Liigii dursuu akka itti fufuuf carraa ta'eeraaf.
Piriimer Liigii baranaa olaantummaan dursaa kan yoona ga'e Arsenal, taphata Sambata darbe Everton waliin taphaterratti qabxii sadi dhabee ba'eera.
Siitiin gara Isteediyemii Hostspur imalee harka duwwaa wayita galu kun yeroo shanaffaadha.
Siitiin tapha tokko Arsenaal caalaa taphatee, qabxii shaniin itti aanee lammaffaarra jira.
Tootanhaam tapha kaleessaan Siitii mo'achuun sadarkaa Afraffaarra kan jiru Newcastle'tti aanee shanaffaarra taa'eera.












