Taphoota 11 darban kan injifatame Eevartan Arsenaaliin akkamiin mo'ate?

Madda suuraa, Getty Images
Dirree isaa Guudisan Paarkitti kilabni taphoota 11 darban injifatame Eevartan sadarkaa tokkoffaarra kan jiru Arsenaaliin 1-0'n injifateera.
Injifannoon kun bara dorgommii kana kilabichaaf isa arfaffaa yeroo ta'u leenjisaa haaraa bakka Firaank Laampaard dhufan Sean Dyche ammoo isa jalqabaati.
Bara kana homaa milkaahuu dhabee yaaddoo liigicha keessaa bahuurra kan ture Eevartan Sanbata tapha Arsanaal waliin taasise irratti gahumsa hanga ammaa dhabee ture argateera. Miirri injifachuu olaanaa ture taphattootnis kutannoo horataniiru.
Leenjisaan haaraan kilabichaa bu'aa jijjiirama fiduuf yaalanii arguu dubbatan.
''Gahumsan barbaade. Jijjiirama uumuuf yaalle keessatti taphattootni kabaja qabaataniiru. Garuu ammoo gochatu barbaachisan jedheen. 'Gochi furtuudha' deebii isaanii ifatti argiteetta'' jedhan.
Eevartan galgalli isaa injifannoon haa miidhaguyyuu malee guyyaa qabee haallii gaarii hin turre. Deeggartootni kumaan lakkaawwaman taphni eegaluu dura abbootiin qabeenyaa kilabichaa, kilabicha akka gadhiisan hiriira bahuun gaafachaa turan.
Leenjisaan Arsenaal Maayikuil Artettaan injifatamuu booda yaada kennaniin taphattoota isaaniin yeroo kaan caala yeroo injifatamtan kanattin isin jaaladha jedhaniiru.
Daqiiqaawwan jalqabaa 12 Liivarpuulitti dukkaneessan
Deeggartoota Liivapuuliif Sanbatni kaleessaas gadda malee gammachuu dur beekaniifi erga irraa fagaatee bubbule deebisuu hin dandeenye.
Woolvis gareewwaan yaaddoo liigicha keessaa ba'uu keessa osoo jiruu dirree isaarratti Liivarpuuliin keessummeessee 3-0 injifate.
Liivarpuul ji'a darbes Biraayitaniin 3-0'n injifatamuun akka malee hamaa jedhamee ture.
Qabxii fi gahumsi Liivapuul bara kana agarsiisaa jiru bara gaarii turee fi deeggartoota isaa itti gammachiisaa ture sana fagoo fakkeesseera.
Leenjisaan kilabichaa Yargan Kiloop, tapha itti aanu irratti atattamaan jijjiiruu qabna jedhan.
''Daqiiqaawwan jalqabaa 12 balaa ofitti fidne guutummaatti dogooggoraa turre'', akkana ta'uu hin malle jedhan Kiloop.
Amma Liivarpuul sadarkaa 10ffaarra argama. Niiwkaasiil kan sadarkaa afraffaarra jiru irraayiis qabxii 11 booda jira.
Maanchistar Yunaayitiid Kaasimiiroo dhabus qabxii sadii Kiristaal Paalas irraa argate
Taphataa isaa sarara gidduu dhiyoo Maadriid irraa mallatteesifate Kaasimiroo daqiiqaa 70ffaa irrattii kaardii diimaan kan dhabe Maanchister Yunaayitiid Kiristaal paalaasiin 2-1'n injifate.
Maarkas Raashifoord torbanoota dura iddoo kufee dhadhahatee ka'ee goolii galchuu dhaabuu hin dandeenye.
Kaleessas goolii lammaffaa Yunaayitiid injifataa goote lakkoofiseera.
Goolii jalqabaa Buruunoo Fernaandeezitu rukuttaa peenaalitiin lakkoofsise.
Raashfoord bara dorgommii kana taphoota irratti hirmaate irratti goolii 19 lakkoofsiseera.
Yunaayitiid injifachuu isaa Arsenaal irraa qabxii saddeetiin fagaatee sadarkaa sadaffaarra ta'eera.
Maanchistar Siitii kan har'a Tootenhaam Hootispar keessummeessu ammoo yoo injifate garaagartummaa qabxii Arsenaal waliin qabu lamatti gadi xiqqeessa.
Taphni Tootenhaam fi Siitii sa'aa tokkoofi walakkaatti eegala.












