Kirkira lafaa Dilbata galgala Itoophiyaa bakka heddutti muudate ilaalchisee maaltu jedhame?

Kirkira lafaa 4.9 Onkoloolessa 6,2024 Dilbata galgala sa'aatii 8:10 (GMT +3) irratti muudate

Madda suuraa, GFZ

Onkoloolessa 06, 2024 Dilbata galgala naannawa sa'aatii 2:10 'tti Kirkirri lafaa reektar iskeelii 4.9 Itoophiyaa naannawa Awaash gaaraa Fantaalletti muudachuun Sochiinsaa Magaalaa Finfinnee dabalatee iddoo baay'etti dhaga'ameera.

Bakki kirkirri lafaa kun itti uumame naannoo Oromiyaa Magaalaa Finfinnee irraa gara Kaaba Bahaatti fageenya kiilomeetira 165 irratti aragamutti.

Iddoowwan tokko tokkotti gamoowwan socho'anis hanga ammatti garuu miidhan qaqqabe akka hin jirre himame.

Hangi kirkira lafaa muudate kun meeshaalee adda addaa kukkuffisuu fi darbee darbee ammoo foddaa cabsuu fa'i irraa kan hafe, miidhaa guddaa kan geessisuu miti jedhame.

Jirattoonni magaalaa Finfinnee kanneen mana waliin jireenyaa (kondominiyeemii) fi gamoowwaan keessa jiraatan tokko tokko baqatanii yeroo dheeraf daandii irra akka turan jiraattoonni BBC dubbise himan.

Kirkirri lafaa kun giddugaleessan hanga gadi fageenya kiloo meetira 10'tti muudachuu isaa fi reektar iskeelii 4.9 galmeessuu Gddu-galli Qorannoo Ji’oosaayinsii Jarmanii (GFZ) ibseera.

Akkasumas diddugalli Seesmooloojii Awurooppaa- Meeditiraaniyaaniis (EMSC) kirkira lafaa muudate kana reektar iskeelii 4.9 galmeesse.

Haata'uu malee, guddinni kirkira lafaa fi gad fageenyi sirriin odeefffannoo funaanamuu fi qorannoo ogeeyyota irratti hundaa'uun tilmaamni kun fooyya'uu danda'a.

Kirkirri lafaa kun irra caalaa naannawa Mattahaaratti sochii jabaa taasise. Jiraataan magaalaa Mattaaharaa tokko akka BBC'tti himetti, Kirkira lafaa guddaa yeroo muraasaf tureen alatti miidhan cimaan akka hin qaqqabne himne.

Kana malees nannoo Oromiyaa fi Amaaraaa dabalatee bakkeewwaan akka Galamso, Baddeessaa, Ciroo, Abboomsaa, Adaamaa, Debre Birhan, Kombolchaa fi Finfinnee dabalatee bakka heddutti kirkirri salphaa ta'een mul'ateera.

Bakka Kirkirri lafaa itti muudate agarsiisu

Madda suuraa, GFZ

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yuunivarsiitii Finfinneetti Daayrektarri Ji'oo Fiiziksii fi Saayinsii Hawaa Dooktar Eliyaas Leewwiin, kirkirri lafaa naannawa Fantaalleetti mudaterraan kan ka'e dambaliinsaa naannawa sulula qinxamaa keessa jiran heddu keessati mul'achuu miidiyaaletti himan.

Taateen kun deebi'ee mula'chuu fi dhiisuunsaa waanti ifatti beekamu akka hin jirre himu.

Qorannoo hanga yoonaa jiruun, naannoowwaan kirkirri lafaa itti muudachuu danda'u adda baasuun danda'amullee, kirikira lafaa yoom akka muudatu raaguun hin danda’amu jedhu.

Ta'ullee garuu yeroo taateewwan akkasii irra deddeebiin mul'atan qophaa'uun ni barbaachisa.

Akka qorannoon dhaabbata qorannoo Ji’oolojii Ameerikaa fi Ejensiin Saayinsii Ameerikaa jedhutti, yoo idduma jirtu turte carraa miidhamuuf qabdu xiqqaadha.

Kanaafuu, kirkirri lafaa wayita mudataa jirutti namni mana keessa jiru gara alatti fiiguuf yaaluu caalaa waan jijjiga muudachuu malu namarra qoluu danda'utti da'achuu gaarii akka ta'e gorsu.

Kirkirri lafaa akkuma dhaabateen garuu dafanii gara alaatti bahuun of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha.

Kanneen ala jiran ammoo nannawa dirree ykn karatti bahuu, Gamoo, shiboo elekirikii, boolla balfi itti gatamu fi waantootni jijjiguu danda'an jiran irraa fagaachuu

Gara dirree, bakka mukti, mukti ibsaa fi gamoon namatti jigu hin jirree fi waan boba’u fi ibidda uumuu danda'u irraas fagaachuun akka barbaachisutu gorfama.