Lafti maaf kirkira? Addunyaarratti dhumaatii guddaa kan qaqqabsiise yoomi, eessatti?

Madda suuraa, Getty Images
Kirkirri lafaa waggoota 100 darban keessa lubbuu dhala namaa miliyoonaan lakkaa'amu galaafateera. Tekinoloojiin foyyaa'aa deemus dhumaatii sababa kirkira lafaan mudatu xiqqaa qofa kan hir'isuu danda'e.
Kirkira lafaa cimaa Fulbaana 9, 2023 Morookoo keessatti mudateen namoonni 2,000 ol lubbuu dhabaniiru. Namoonni hedduun ammoo miidhamaniiru.
Kirkirri lafaa dhum- torbee kana Morookootti mudates kirkira lafaa addunyaarratti dhumaatii guddaa qaqqabsiisan keessa isa tokko jedhameera.
Guraandhala 2023 kirkirawwan lafaa lama sadarkaan isaanii 7.8 fi 7.5 ta'e Turkiifi Sooriyaatti mudatan seenaa kirkira lafaa yeroo dhiyoo keessatti dhumaatii guddaafi balaa cimaa addunyaa irratti qaqqabsiisan keessaa warra gurguddoodha.
Kirkirawwan kunneen lubbuun namoota 50,000 ol akka darbuuf sababa ta'aniiru. Haata'u malee, dacheen kirkira lafaa kanneen lamaan caalaa hamoo ta'an argiteetti.
Akka daataan Ji'ooloojikaal Sarvayii US irraa argame mul'isutti, seenaa keessatti kirkirri lafaa hunda caalaa cimaan bara 1960 keessa Chiilii, kibba Vaaldiiviyaatti mudate. Sadarkaan kirkira lafaa kun Reektar iskeeliidhaan 9.5 ture.
Kirkirri lafaa maalidha, akkamiin uumama?
Akka NASA Science jedhutti, kirkirri lafaa raafama (sochii) kirkira guddaa lafa jalatti uumamudha. Kirkirri kun lafa jalatti ta'ee gara irra keessaatti sochiiwwan dhalataniidha.
Yeroo lafa jalatti rakkoon tokko uumamee akka tasaa sigigaachuun dhalatu kirkira lafaa uumuu danda'a. Saa'inaawwan Tektoonikii lafa jalatti yeroo hunda suuta jedhanii socho'u, garuu fiixeen isaanii yeroo walitti bu'u rigataaf sababa ta'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rigata uumame dandamachuuf wantonni ta'an ammoo muddama lafa jalatti dhalchuun kirkirri lafaa uumama. Danbaliin sababa muddama lafa jalaa kanaan uumamu ammoo humna yeroo gadhiisanitti kirkira nutti dhaga'amu kana qaqqasiisa.
Lafti irra keessaan bareedduufi bakka jabaataa fakkaatus, lafti jalli garuu sochootoofi danfa qaba. Lafti wantota bu’uuraa afurirraa ijaaramte jedhu saayintistoonni.
Qola jajjabaataa, ho’a, hanga tokko mantilii jajjabaataa, akkasumas koorii dhangala’aa karaa diidaa qabuufi koorii jajjabaataa karaa keessaa qabu.
Qolli lafaa inni jajjabaafi irra keessaa, minxaafa jajjabaataa mantil sun qama lafaa litoosfeer jedhamu uumu. Litoosfer kun ammoo akkuma qola hanqaaquutti guutummaa lafaa osoo qaawwa hin hambisiin kan haguugu miti.
Saa’inaawwan tektoonikii (tectonic plates) ciccitoo nama ajaa’ibaniifi hubannaan ol ta’an gurguddoorraa hojjetame. Saa’inaawwan tektoonikii kunneen ammoo minxaafii mantil jala jirurra suuta dhaabbataadhaan yaa’u.
Sochiin akkasii osoo hin dhaabbatiin taasifamu kun qola Dachee kanarratti muddama uuma. Yeroo muddamni kun gar-malee guddaa ta’u, gara baqaqa badii (faults) uumutti geessa.
Saa’inaawwan tektoonoc (tectonic plates) kun yeroo socho’an, bakka rakkoon (faults) itti uumame kunis akka soscho’u taasisa. Kanaaf, kirkirri lafaa sochoo osoo hin eegamiin tasa qola lafaa toora rakkoon (fault) jirutti ta’udha.
Bakki kirkirri lafaa itti jalqabu ammoo wiirtuu (epicenter) jedhama. Kirkirri lafaa guddaan kan dhaga’amu yeroo baayyee lafa wiirtuu isaatti dhiyoottidha.
Haata’u malee, hollannaan kirkira lafaa fageenya kiiloomeetira dhibbaan ykn kumaan wiirtuu isaarraa fagaatee jiruttis ni dhaga’ama.
Akka NASAn kirkirri lafa irratti qofaa miti kan uumamu jedhu. Dirra Addeessaa, Maars, Veenus fi Juppiitara irrattillee kirkira lafaa safaranii arganiiru.
Kirkira lafaa gurguddoo mudatan shan
Jaarraa 21ffaa keessatti kirkirawwan lafaa gurguddoodha jedhaman bara 2004 keessa Indoneezhiyaa keessattiifi bara 2011 ammoo Jappaan keessatti kan uumanidha. Kirkirawwan lafaa kunneen lamaanuu Reektar iskeelii 9.1 akka ta'an galmaa'eera.
Kirkirri lafaa Odola Indoneezhiyaa qarqara lixaatti argamtu Sumaatraa jedhamtutti mudate kana ni caalayyu ture.
Sunaamiin sababa kirkira lafaa kanaan uumame Kibba Eeshiyaafi Afrikaa Bahaa keessatti walumaagalatttti biyyoota 14 miidheera. Namoonni kuma 17 lubbuu isaanii dhabanii, miliyoona 2.3 kan ta'an ammoo miidhaan irra gaheera.
Kirkirri lafaa Turkiifi Sooriyaa keessatti qaqqabes kirkirawwan lafaa hamoo 20 jaarraa kana keessa qaqqabanitti ramadamu.
Bara 2015 ammoo kirkirri lafaa sadarkaan isaa 7.8 Neppaal keessatti qaqqabee namoota 9,000 galaafatee ture.
Baayyina nama ajjeeseetiin yoo ilaalamu kirkirri lafaa bara 2010 Hayitii keessatti qaqqabe isa hunda caalaa hamaadha.
Akka daataa Ji'oloojikaal Sarvayii UStti, kirkirawwan lafaa gurguddoon shanan galmaa'an isaan itti aanan kanadha:
1. Chiilii

Madda suuraa, AFP
Guyyaa: 05/22/1960
Hangasaa: 9.5
Halkan gaafa Caamsaa 22, 1960, Chiiliin kirkira lafaa baayyisee guddaadah jedhameen rukkutamte. Kun ammoo biyyattiirratti miidhaa cimaa qaqqabsiiseera.
Kirkira lafaa yeroo sanatti qaqqabeen namoonni 1,600 dhamanii 3,000 madaa'anii ture. Kirkirri lafaa kun mancaatii qaqqabsiiseen, Chiiliin qabeenya dolaara miliyoona 550tti tilmaamamu akka dhabdu godhe.
Kirkira lafaa kana hordofee ammoo sunaamiin dhalatee Hawaahii keessatti namoota 61, Jappaan keessatti namoota 138, akkasumas Filiippins keessatti ammoo namoota 32 akka lubbuun darbe gabaafameera.
2. Alaaskaa (USA)

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa: 03/28/1964
Hanga: 9.2
Kirkirri lafaa mudatee sunaamii hordofsiise kun lubbuu namoota 131 galaafatee ture. Dabalataanis qabeenya dolaara biliyoona 2.3tti tilmaamamu mancaaseera. Kirkirri lafaa kun magaalota Ameerikaa baayyeekeessatti dhaga'amee ture.
3. Sumaatiraa (Indoneezhiyaa)

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa: 12/26/2004
Hanga: 9.1
Mudde 26, bara 2004, ganama barii saatii 12 fi daqiiqaa 58 irratti kirkirri lafaa guddaan qarqara lixa odola Sumaatraa Indoneezhiyaa keessatti mudate.
Sunaamiin kirkira lafaa kana hordofeeuumame ammoo kibba Eeshiyaafi Baha Afrikaa dabalatee biyyoota 14 miidheera.
Namoonni kuma 17 lubbuu isaanii dhabanii, miliyoona 2.3 kan ta'an ammoo miidhaan irra gaheera.
4. Honshuu (Jappaan)

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa: 03/11/2011
Hanga: 9.0
Sunaamiin kirkira lafaa uumame hodofee qarqara baha Honshuu, Jappaanitti qaqqabe namoota 15,700 galaafate. Kirkirri lafaa ammoo lubbuu namoota 4,600 galaafatee 5,300 ammoo miidhaa irraan gaheera.
Walumaagalatti kirkira lafaafi sunaamii isa hordofee uumameen namoonni miliyoona 1.3ol ta'an mana malee hafanii, manneeniifi gamoowwan miliyoona sadii ta'an ammoo diigamaniiru.
Miidhaan qaqqabe kun Jappaan akka dolaara biliyoona 309 dhabdu taasiseera.
5. Kamchatkaa (Raashiyaa)

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa: 11/04/1952
Hanga: 9.0
Bara 1952 keessa kirkirri lafaa mudachuu hordofee tsunaamiin Galoo-galaanaa Baha Fagoo Raashiyaatti argamtu Kamchaatkaa keessatti qaqqabe. Bakki sun namoonni walirraa faffagaatanii waan jiraataniif namoota muraasa qifatu miidhame.
Haata'u malee, sunaamii uumame sun Yunaayitid Isteet, Hawaahii keessatti miidhaa dolaara miliyoona tokkotti siqu akka manca'uuf sababa ta'eera.












