Balaa kirkira lafaa Paakistaaniifi Afgaanistaanitti mudateen yoo xiqqaate 12 du'an

Madda suuraa, Getty Images
Balaa kirkira lafaa kutaalee Paakistaan fi Afgaanistaan hedduu mudateen yoo xiqqaate namoonni 12 du'an, 40 kan calan ammoo madaa'an.
Balaan kirkira lafaa magniitiyuudii 6.5 ta'e kun gamoowwan hedduu barbadeesse, sigigaachuu lafaas uumeera.
Erga balaan kun mudatee namoonni manaa gadi ba'anii ol deebi'uu sodaatan.
Balaan kun akka lakkoofsa biyyattiitti Kibxata galgala sulula Afgaanistaan- Jurm jedhamu keessatti mudate.
Iddoon kun kirkira lafaaf saaxilamaa akka ta'e ni beekama.
Bakki balaan kun itti mudate fageenyarratti argama, uummannis walirraa faffagaatee jiraata.
Haalli kun hojii lubbuu baraaruuf qormaata ta'eera.
Mana ishee darbii shanaffaarraa hatattamaan buutee lafa kan turte jiraattuun magaalaa Kaabul Kaateraa jedhamtu, ''Kirkirri mudate baayyee nama rifaasisa, balaa rifaasisaa akkanaa jireenya kiyya keessatti argee hin beeku,'' jechuun AFP'tti himte.
Namoota du'uunsaanii mirkanaa'e keessaa sagal Paakistaan naannawa suluula Kaayiber Paaktunkiwaa jiraataa kan turaniidha.
Namoonni sadii ammoo Afgaanistaan keessatti du'uu Ministeerri Fayyaa biyyattii ibseera.
Kanneen daangaa Paakistaan naannawa Lagimaan jedhamutti du'an keessa daa'immaniis jiru.
Namoonni hedduun mana isaaniin alatti osoo ayyaana bara haaraa Pershiyaa- Norwuz jedhamu kabajanii miidhaman.
Ministirri Muummee Paakistaan Shehibaaz Shariif hojjettoonni balaa tasaa hatattamaan tarkaanfii fudhachuun namoota akka gargaaran gaafataniiru.
Balaan kirkira lafaa kun dachee kiilomeetira 1,000 bal'atu irratti kan dhagahame yoo ta'u, iddoon balaan kun itti mudate daangaa Indiyaa, Uzbeekistaan, Tajikistaan, Kazakistaan, Kirigistaan, Afgaanistaan fi Tarkmenistaan kan tuttuqeedha.
Waxabajjii bara darbees balaa kirkira lafaa naannolee daangaa Afgaanistaan fi Paakistaanitti argaman keessatti mudateen namoonni 1,000 caalan du'aniiru.












