Jiraattota magaalaa Istaanbul sodaa manni nurratti jiga jedhu qaban

Tarkii

Madda suuraa, EPA

Mesuut Mutaalibogluu fi maatiin isaa mana waggootii 15 darbaniif keessa jiraatan keessaa gadhiisanii ba’aa jiru.

Sababiin isaas gamoon manni isaanii keeessa jiru guutummaatti qorannoo kirkira lafaa gaggeeffame waan hin dabarreefidha.

Yoo kirkirri mudate gamoon kun itti guutummaatti jiguu danda'a. Istaanbul keessatti, sodaan guddachaa jira.

Kirkirri lafaa cimaan lama kibbaa Tarkii keessatti lubbuu namoota 50,000 ta’an galaafachuun isaa, magaalaa guddittii keessatti yaaddoo uumeera.

Magaalaa jiraattota miiliyoona 15 qabdu kana keessatti, manneen jiran keessaa %70 kan ta’an, seerri sadarkaa ijaarsa manneenii bara 1999’tti bahuu dura ijaaraman.

Kanaaf yeroo kirkira lafaatti balaa uumuu danda’u jedhamee yaadama.

Ji’a sadii dura qorannoon gaggeeffame, kirkirri lafaa hanga lubbuu namoota 90,000 galaafachuu akka danda’u eereera.

Kanaaf amma magaalattiin balaan biraa yoo uumameef of qopheessuuf jecha tattaafachaa jirti.

Mesuut miidhaa balaan kirkira lafaa uumuu danda’u sirritti beeka. Bakka wiirtuu kirkira lafaa dhiyeenyaa turte Kahraamanimaras, iddoo itti firootni isaa jalaa du’an irraa deebi’aa jira.

Yeroo Mesuut Istaanbulitti deebi’u, angaa’oonni tajaajila ibsaa fi bishaanii mana isaa addaan kutanii turani.

Kirkira lafaa Tarkii

Madda suuraa, Getty Images

Erga kibba biyyatti keessatti kirkirri lafaa uumamee as, nageenya gamoo akka qoratamuuf iyyanni haaraa 100,000 ta’an bulchiinsa magaalaa Istaanbulitti dhiyaataniiru.

Amma jiraattoti akkasumas kireessitoonni iyyata kana dhiyeessuu danda’u.

Ta’us namootni tokko tokko ammallee dhibbaa inni diinagdee irratti fidu hin beekani.

Namoota gamoowwan balaa uumuu danda’u jedhaman keessaa ba’uu qabaniif beenyaan kennamu baay'ee xiqqaadha.

Mootummaan gamoowwan balaa dhaqqabsiisuu danda'an meeqa akka ta'an waan ibse hin qabu.

Bulchaan magaalichaa Erkeem Imaamogluu, gartuu lubbuu baraartota dabalataaf leenjiin akka qophaa’uu fi manneen yeroofi balaa kirkira lafaa booda namoota miiliyoona 4.5 qabachuu danda’an qopheessuuf waadaa seenaniiru.

Ta’us garuu namootni hedduun kuni ammallee ga’aa miti yaaddo jedhu qabu.

Injinarri bu’uuraa fi kirkira lafaa, Dr Kurtuluus Atasaaver, manneen kirkira lafaa dandamachuu danda’an ijaaruuf konkiritiin qulqullina gaarii qabanii fi boci gamoo filatamu barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Qophii ittisa balaa kanaaf tarkaanfiin itti aanuu, sirna akeekkachisa balaa ifa gochuudha.

Ta’us garuu magaalaa akkana guddatuuf, namootni kirkirri lafaa akka uumamuuf jiru dursanii baranillee, eessatti dahatu kan jedhu baruun cimaadha.

Yaasemin Suleymanogilun, gamoo keessa jiraattu keessatti “nageenyi natti hin dhaga’amu” jetti.

“Yeroo kamittuu balaan kirkira lafaa nu mudachuu waan danda’uuf, hirriba malee bulla.”

“Gamoon keenya dulloomaa waan ta’eef balaaf saaxilamneerra jedheen yaada.”