Gabaasa balaa kirkira lafaan wal qabatee gaazexeessitoonni Tarkii to’annoo jala oolan

Madda suuraa, KUUSAA MIR ALI KOÇER keessaa
Gaazexeessaa Mir Ali Koser, Guraandhala 6 irratti yeroo kirkirri lafaa uumame wiirtuu balaa kanaa irraa km 320 fagaatee ture.
Kaameeraa isaa qabatee bakka balaan kun itti uumame deemuun namoota lubbuun oolan hasoofsise.
Seenaa namoota balaarraa oolanii fi hojjettoota lubbu baraarsaa Tiwiitara irratti qoode. Shakkii “oduu sobaa” raabsuu jedhuun qorannoo jala ooluu, hidhaa hanga waggaa sadiin adabamuu danda’a.
Waa’ee balaa kirkira lafaa irratti gabaasuu ykn yaada kennuu isaaniif gaazexeessitoota afur qorannoo jala jiran keessaa Mir Ali isa tokkodha.
Gartuuleen walabummaa miidiyaa, gaazexeessitoonni hedduu biroo to’annoo jala oolaniiru, qoccolamaniiru ykn akka hin gabaasneef dhorkamaniiru jedhu.
Raafamni lafaa Tarkii fi Siiriyaa yoo xiqqaate lubbuu namoota 50,000 galaafateera.
Waa’ee hidhaa gazexeessitootaa kana irratti anga’ooti Tarkii homaa hin dubbanne
Mir Alin magaalaa keessa jiraatu Diyarbakiira irra ba’ee gara Gaziyantepitti konkolaachisee imale.
Yeroo magaalaa wiirtuu kirkira lafaa kana taatetti dhiyaachaa deemuu gamoolee jijjiganii jiranii fi namoota qorra keessa bakkee taa’anii jiran argu hedduu rifate.
Magaalaa Gaziyaantep keessatti balaa kirkira lafaa kanaan yoo xiqqaate namootni 3,000 ta’an lubbuun isaanii darbeera.
“Yeroon sagalee guddistuu kameeraa fulduratti ykn duubatti qabadhe jiru, imimmaankoo dhaabuu hin dandeenye,” jechuun Mir Alii miira ture ni yaadata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mir Aliin lakkoofsa tola ooltotaa fi gartuulee lubbu baraartota Lixa Tarkii irraa dhufan yemmuu arge gammadee seenaa isaanii Tiwiitara irratti qoode.
Namootni balaa kanarraa oolan tokko tokko guyyooti hedduuf homaa gargaarsa akka hin arganne isatti himani. Komiin wal fakkaataan miidiyaalee mormitoota deeggaran irratti qoodamuu eegale.
Pirezidaant Resep Tayip Erdogaan yemmuu nannoolee balaa kanaan miidhaman daawwate, magaalota kunneen deebisee akka ijaaru ummatatti himee ture.
Ta’us garuu kanneen “oduu sobaa” raabsanii fi kanneen “jeequmsa hawaasaa uuman” haqatti ni dhiyaatu jechuun akeekkachiiseera.
Mir Ali akka jedhutti yeroo inni bakka balaa kanaan hubamerraa gabaasaa turetti, poolisiin magaalaa Diyaarbik mana isaa deemuun waraqaa akka inni gara buufata poolisii deemuu fi deebii kennuuf ajaju kaa’anii deemaniiru.
Buufata poolisii yemmuu deemu, akka seera odeeffannoo dogoggoraa dhiyeenya ka’aametti qorannoo jala akka jiru itti himame.
Poolisiin waa’ee gabaasa wiirtuu balaa kirkira lafaa irraa tasiisee isa gaafatanii, oduu sobaa raabsuun akka isa himatan dubbata.
Seerri Tarkii haaraa kun Onkololeessa keessa ba’e. Seerri kun oduu sobaa raabsuu yakka taasisuun, mootummaan miidiyaalee hawaasummaa fi bufataalee miidiyaalee to’achuuf aangoo isaanii kenna.
Komishiniin Veenis, gartuu seeraa Kawunsilii Awuroppaa ta’e, seerri kun walabummaa of ibsuu ni jeeqa jedha.
Paartileen mormituu seerri kun “seera uggura haasaa” jedhu.

Madda suuraa, Reuters
‘Qeeqa hin jaallatani’
Mir Aliin hojii isaa of eegganoon akka hojjete, namoota lubbuun oolan irraa hanga poolisiittii, gama hundaanuu akka haasofsise hima.
“Utuu qorannoo fi xiinxala bal’aa hin taasisiin odeeffannoo kamuu hin qoodne,” jedha.
Dhaabbanni Gazexeessitoota Daangaa Malee (RSF), qorannoon Mir Alii irratti gaggeeffamaa jiru ‘sirrii miti’ jechuun anga’onni akka himaticha dhaabaniif himaniiru.
Koreen Gazexeessitootaaf eegumsa taasisu (CPJ) akka jedhutti, yoo xiqqaate gazexeessitoota sadii biroo irratti himati yakkaa dhiyaateera.
Merdaan Yanardaag fi Eenvar Ayseevar gazeexessitoota siyaasaa beekamoo, miidiyaa hawaasummaa irratti hordoftoota hedduu qabanidha.
Lamaan isaaniyyu yaalii mootummaan lubbuu baraaruuf taasise qeeqaniiru. Amma lamaan isaaniyyu, Mehmeet Gulees wajjiin qorannoo jala jiru.
Akka RSF jedhutti tola oolaa hojii lubbuu bararuu mootummaa qeequ waliin gaaffii fi deebii taasisuun, shakkii “jibba uumuu” jedhuun to’annoo jala oolfamee, boodarra gadhiifame.
Lakkoofsi gaazexeessitoota biroo qorannoo jala jiranii ifa miti.
Kibxata irratti, poolisiin himata “maxxansa hokkora kaasu” jedhuun namoota 134 to’annoo jala oolchuu isaa hime, isaan keessaa 25 hidhaa seenuu isaanii himeera, ta’us garuu eenyummaan namoota kanaa adda hin baafamne.
Kanneen to’annoo jala oolan keessaa namootni dhugumaan oduu sobaa raabsan jiraachuu malu, fakkeenyaaf kanneen oduu sobaan baqattoonni Afgaan naannolee miidhaman keessa mi’a hataa jiru jedhan jiraachuu danda’u.
Qeeqxonni garuu tarkaanfiin kun namoota oduu sobaa raabsan adabuurra darbeera jedhu.
“Anga’ootni Tarkiifi mootummaan qeeqamaa jiru, sanammoo hin jaallatani,” jedha gazexeessan dhimma uggura haasaa fi oolaantumma gabaasaa jiru Arzuu Geeybulla.
“Amma garuu tarii caalatti [akka qeeqa jibban] dhageessisaa jiru.”
BBC’n dhimma gazexeessitoota qorannoo jala jiranii fi waamicha gartuuleen adda addaa qorannoon kun akka dhaabbatuuf dhiyeessan irratti ministeera kominikeeshinii mootummaaf gaaffii dhiyeessus, deebii hin arganne.












