Daa'imti kirkira lafaatiin gamoo jijjige jalatti dhalatte maatii guddifatu argatte

Madda suuraa, Reuters
Siiriyaatti daa'imti gamoo kirkira lafaatiin jijjige jalatti dhalachuun osoo hiddi handhuuraa ishee hin citiin lubbuun baraaramte eessumaafi adaadaa ishee balaa kanarraa hafaniin guddisuuf fudhatamte.
Daa’ima osoo hiddi handhuura haadha ishee deessee balaa kirkira lafaatiin lubbuun darbe irraa adda hin citiin baraaramte kana namoonni kumaatamni guddisuu feena jedhanii gaafataa turan.
''Mucaan kun nuuf waan baay'eedha. Sababni isaa daa’ima kana malee maatii keenya keessa namni lubbuun oole hin jiru,’’ jedhan Obbo Sawadiin Rooyitarsitti wayita dubbatan.
Kanneen amma ishee guddisuuf jedhan adaadoofi eessuma ishee waliin ta'uuni.
Daa’imni kun hospitalaa kan baafamte qorannoon qaccee (DNA) adaadaan ishee fira dhiyoo ta’uu mirkaneessu gaggeeffamu hordofeeti.
Doktoroonni akka jedhanitti, daa’imni kun amma fayyaa qabdi.
Eeessumni daa'ima dhalatte kanaa ''daa’imni kun ijoollee koo keessaa ishee tokko. Ijoollee koorraa adda hin baasu’’ jechuun Kaliil al-Sawadii Asoosheetid Pireesitti dubbatan.
Daa’imni kun maqaa haadha ishee duuten Afraa jedhamtee moggaafamte.
Daa'imni kun battaluma lubbuun ishee baraarame qondaaltonni mootummaa biyyattii afaan Arabaatiin Ayaa ykn ‘Ajaa’iba’ jedhanii moggaasanii turan.
Kirkira lafaa kana hordofuun viidiyoon wayita lubbuun daa’ma kanaa baraaramtu agarsiisu midiyaalee hawaasummaa wal gahe.
Viidiyoon ajaa’ibsiisan waraabame sun namtichi tokko gamoo jijjige jalaa daa’ima dhukkeen fuulatti duude baatee wayita fiigu agarsiise.

Madda suuraa, Reuters
Daa’imni kun sa’aatii kudhanii oliif gamoo jalatti kan danqamtee turte yoo ta’u, hakiimonni akka jedhanitti wayita hospitaala geessu fayyaa dhabdee turte.
Qaama ishee keessaa bakki muramee fi dirmammaa'e irraa mul’ata ture.
Maatiin daa'ima kanaa magaaalaa Jindayirisitti gamoowwan 50 kirkira lafaa rektar iskeelii 7.8 gahuun diigamuu gabaafame keessaa tokko keessatti jiraataa turan.
Haadha daa’ima kanaa ciniinsuun kan qabe battala kirkirri lafaa mudatetti ture, haati ishee otoo hin du’in deesse jedhu firoottan ishee.
Abbaa daa’ima dhalatte kanaa dabalatee, obboloonni ishee afurii fi adaadaan ishee tokko balaa mudate sanaan du’an.
Obbo Sawadiin ''Isheen yaadannoo keenya, yaadannoo adaadaa isheefi firoottan keenya mandara haadhaaf abbaa ishee keessa jiraataniiti,’’ jechuun Rooyitarsitti himan.
Obbo Sawadiin wayita lubbuun daa’ima kanaa baraaramtu achi kan turan yoo ta’u, Asooshetid Pireesitti akka himanitti, torban lamaan hospitaala keessa turtetti namni ishee fudhata jedhanii yaadda’aa turan.
Firoottan daa’ima kana guddisuuf fudhatan, iddoo Afraan turuu qabdu silaa warra ishee bira ture jedhan.
Obbo Sawadi fi haadha warraa isaanii haala balaa kirikira lafaa kanaan jijjigu hordofuun mana ilma eessuma isaanii qubatan.
Isaanillee kirkirri lafaa kun mudatee guyyoota sadii dura daa'ima horatani.












