Daa’ima gamoo jige jalaa baraaramte guddisuuf namoonni kumaatamni gaafatan

Ayaa

Namoonni kutaalee addunyaa garaa garaa keessa jiraatan kuma hedduutti lakkaa’aman mucaa durbaa, gamoo Kaaba Dhiha Siiriyaatti jige jalatti dhalattee lubbuun baate guddisuuf gaafatan.

Gamoon sun kirkira lafaa Wiixata darbee lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'aman Siiriyaa fi Tarkiitti galaafateen jige.

Daa’mni maqaa 'Ayaa' jedhamtee moggafamte kun wayita baraaramte sana hiddi handhuuraa ishii haadharraa hin citne. Ayaa jechuun afaan Arabaatiin raajii ykn ajaa’iba jechuudha.

Haati, abbaa fi obbolaan Ayaa afur balaa kirkira lafaa magaalaa Jindayiris rukuteen dhuman.

Ayaan amma lubbuun haftee hospitaala jirti.

Hakiimni daa’ima baraaramte hordofaa jirtu Dr Hanii Maruuf, "Ayaan haala hamtuu keessa otoo jirtuu hospitaala qaqqabde, dhahamtetti, madooftetti, qorriteetti, hafuurri ishee addaan cicita ture,’’ jette.

Daa’imni kun amma haala fooyyee keessa jirti.

gamoowwan jijjiganii barbadaa'an

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Viidiyoon daa’imni kun yeroo lubbuun ishee baraaramu agarsiisu miidiyaalee hawaasa walgaheera.

Viidiyoon sun nama gamoo jige jalaa daa’ima dhukkeen itti duude fuudhee fiigu agarsiise.

Fira fagoo daa’ima kanaa kan ta’e Kaliil al-Suwadii, wayita daa’imni kun baraaramtu bakka sana kan ture, isatu daa’ima kana Magaalaa Siiriyaa Afriin jedhamutti Dr Maruuf biraan geesse.

Amma namoonni kumaatamaan lakkaa’aman miidiyaalee hawaasaarratti daa’ima kana guddisuu feena jedhanii gaafataa jiru.

Namni guddisuuf gaafate tokko akkas jedhe: ''Daa’ima kana qananiisee guddisuun barbaada,’’ jedhe.

Gaazexeessaan Kuweet oduu dhiyeessu akkas jedhe: "Ulaagaan seerri gaafatu yoo naaf eeyyame, daa’ima kana fudhadhee guddisuuf qophiidha.’’

Hoji-gaggeessaan hospitaala daa’imni kun keessati argamtu kan ta’an Dr Kaaliid Attihaa, namoonni hedduun addunyaa guutuurraa Ayaa guddisuuf nu gaafatan jedhan.

Dr Attihaan dhiyeenya kana ofiisaaniif daa’ima kan horatan yoo ta’u, ''amma firoottan Ayaa dhufanitti akka daa’ima koottin kunuunsa, namni biraa akka guddisu hin eeyyamu,'' jedhan.

Ammaaf haati warraan koo daa’ima keenya walin harma ni hoosifti jedhan hakimni kun.

Magaalaa Ayaan itti dhalatte Jindayris keessatti namoonni firoottan isaanii gamoo jige jalatti danqaman barbaadutti jiru.