Kirkira Lafaa Tarkii: Daa’imman maqaa malee qofaatti hafan

Sabbii balaa kirkira lafaa cimaa Tarkiifi Siriyaa mudateetiin namoonni lubbusaanii dhaban kuma 28 ol darbaa jira. Kanneen kumaatama hedduun lakkaa'aman ammoo miidhaaf saaxilamaniiru.
Ammalleen hojii jijjigaa gamoo kaasuu hojjatamaa waan jiruuf ammalleen lakkoofsi kun caalaa dabalu akka danda'u yaadama.
Taatee balaa kirkira lafaa kanarratti mudate keessaa tokkoo, daa'imman reefu dhalatan dabalatee hedduun bakka jijjigaa gamoo jalatti ukkaafaman keessaa lubbuun bahusaaniti.
Hospitaala Tarkii magaalaa Adaanaatti argamu keessatti daa'imman lubbuun hafan hedduutu argama.
Baayyeen isaaniis maqaasaanii himachu hin danda'an. Siree irra cisan irratti kan ''maqaan hin beekamne'' jedhamee barreeffameera.
Oggeessonni fayyaa kutaa wal’aansa addaa keessa jiran daa’ima umurii ji’a jahaa maatiin ishee hin argamne aannan hoosisu.
Daa’imman akka ishee eenyummaan isaanii hin beekamne kan maatiin isaanii du’an ykn hin argamne dhibba hedduun lakka’aman jiru.
Kirkirri lafaa kun mana isaanii diigee amma immoo eenyummaa isaanii fudhateera.
Dr Nursaa Keskiin daa’ima kutaa wal’aansa addaa keessa jirtu, maqaa siree isheerra jiru “kan hin beekamne” jedhu qofaan adda baafamtu wal’aanti.
Daa’imni kun balaa kanaan bakka hedduurra miidhamtee, ishee fi fuulli ishee guddaa madaa’ee turte.
“Eessatti akka argamteefi akkamiin gara kana akka dhufte beekna. Ta’us garuu manni ishee eessa akka ta’e barbaadaa jirra. Barbaachi itti fufeera,” jetti Dr Keeskin, oggeettiin fayyaa daa’immanii fi itti aantuun hoggantuu hospitaalichaa.

Daa’imman hedduun gamoolee bakka biraatti jijjigan keessa lubbuun baraaraman. Gara Adanaatti kan fidaman kun hospitaala hin jigne waan ta’eefidha.
Wiirtuuleen fayyaa bakka kirkirri lafaa kun rukute keessa turan jijjiganiiru ykn miidhamaniiru. Adanaan kanaaf bakka miidhamtoonni itti geeffaman ta’eera.
Kutaa da’uumsaa hospitaala magaala Iskenderuun yeroo kirkira kanaan guddaa rukutametti daa’imman reef dhalatan gara hospitaala Adanaatti geeffamaniiru.
Angaa’onni fayyaa Tarkii akka jedhanitti, hanga ammaatti bakkeewwan biyyatti adda addaa balaa kanaan hubaman keessa daa’immaan 260 eenyummaan isaanii adda hin baafamne jiru.
Bakkeewwan ammallee hojiin lubbuu baraaru hin geenye waan jiranii fi hangi namoota mana hin qabne dabalaa waan deemuuf, lakkoofsi kun dabalaa deemuu mala.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daa’imman miidhamanii hospitaala Adanaatti wal’aansa argachaa jiran, eenyu akka ta’an ykn maqaa isaaniillee adda baasuun cimaadha.
Kan umuriin isaan waggaa shan ykn ja’a ta’elle ammatti maqaan isaaniyyuu hin beekamu.
Oggeettin wal’aansa baqaqsanii hodhuu daa’immanii Dr Ilknuur Banilsesuur, “naasuu irraa kan ka’e, daa’imman kun odeessuu hin danda’ani. Maqaa isaanii beeku. Guyyaa muraasa booda hanga tokko yemmuu tasgabbaa’an, deebisnee hasofsiisunii ni yaalla,” jetti.
Qondaaltonni fayyaa daa’immaan eenyummaan isaanii hin beekamne bakka jireenyaa isaaniin adda baasuu yaalaniiru. Ta’us garuu manneen kun yeroo hedduu jijjiga malee homtuu hin hafne. Yoo xiqqaate daa’imman 100 ta’an, kan maqaa hin qabne, sirna kunuunsaa keessa seenaniiru.
Miidiyaa hawaasummaa Tarkii irratti maatileen hedduu, daa’imman isaanii lubbuun baraaramanii gara hospitaalaa geeffamaniiru jedhanii abadatan argachuuf, daa’imman gamoo kam keessa akka turan, darbii meeqaffarra akka turan ibuun odeeffannoo maxxansaa jiru.
Firooti lubbuun oolanii fi qondaaltonni ministeera fayyaa daa’imman kunneen argachuuf wiirtulee fayyaa irra naanna’aa jiru.
Hospitaala Adanaa keessa namootni jiran, dhibamtootaa fi hojjetoota dabalatee, hundi kanneen balaa kanaarra oolanidha.
Dr Keskiin balaa kirkira lafaa kanaan firootni ishee kan du’an yoo ta’u, ijoollee ishee waliin baqattee hospitaalicha akka seenteen jirti.
“Ani gaariidha, gaarii ta’uuf yaalaan jira, sababiin isaa daa’imman kun nu barbaadu,” jechuun haala keessa jirtu ibsiti.
“Waaqa haa galatu, ammayyu ijoolleekoo qaba. Haadha tokkoof ijoollee ishee dhabuurra wanti caalaatti dhukkubu jira jedhe hin yaadu.”
Daa’imman tokko tokko maatii isaanii deebi’anii wal argataniiru. Ta’us garuu hedduun biro daa’imman kirkira lafaa eenyummaan isaanii hin beekamne akka ta’anitti jiru.













