Kirkirri lafaa cimaan bara 1999'tti Tarkii mudate akkam ture, biyyattiin maaliif barumsa hin arganne?

Tarkitti namoota salaataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Balaa kirkira lafaa Turkiin namoonni 17,000 ol kan du’an yoo ta’u, miidhaan doolaara Ameerikaa biiliyoona 23tti tilmaamame ture.

Ganama sa'aatii 3 yeroo namoonni baay'een hirriba keessa turan kan ta'e yoo ta'u, miidhamtoota balaa kanaa dabaleera.

Guddinni isaa 7.6 ture, naannoo namoonni itti baay'atanitti rukute.

Kirkira lafaa guddaa Izmit Hagayya 17, 1999 fi kirkira lafaa lamaan torban darbe kibba baha Turkii fi kaaba baha Sooriyaa barbadeesse gidduu walfakkeenyi hedduun jira.

Wanti Turkoonni hedduun hin eegne, waggaa 24 booda, sadarkaan miidhaa kirkira lafaa haaraan dhufu waan hanga ammaatti miidhaa guddaa biyyaalessaa ta’e hir’isu.

Bara 1999tti gamoowwan gara 120,000 ta’an guutummaatti barbadaa’uu isaanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Balaa Hir’isuu ibseera, kunis irra caalaa ijaarsa gaarii dhabuu fi sakatta’iinsi gamoo ta’uu dhabuu irraa kan ka’edha.

Mootummaan Turkii yeroo sanaa haala ture sirreessuu irratti cimsee qeeqamaa ture. Paartiin Haqaa fi Misooma (AKP) aarii ummata kakaasuun, bara 2002tti injifannoo guddaa Recep Tayyip Erdogan kan waggoota 20 booda ammallee aangoo irra jiru argamsiise.

Waan yeroo sanaa uumame irra garuu wanti barame hin jiru fakkaata.

Maaltu ta’e?

Lafti sekondii 37f kaaba-lixa biyyattii keessatti raafamtee, guutummaa naannoo Marmaraa fi naannolee biyyattii industirii fi baay’ina ummataan guutaman tokko tokko raaste.

Giddugalichi bulchiinsa Kocaeli kan magaalaa guddoo ishee Izmit jedhamtu keessatti argamu ture,garuu aanaalee Istaanbul, Golkuk, Darica, Sakarya ykn Derince keessatti bu’aa qaba ture.

Itti aansee kirkirri lafaa kan biraa ji’oota muraasa booda, Adoolessa 12, magaalaa Duzce, gara baha Izmit irraa gara km 100 fagaattee argamtutti raawwate,miidhaa gahe irratti dabale.

Guddinni isaa 7.2 yoo ta'u lubbuun namoota 800 ol darbe.

Qabeenyaa bishaaniin nyaatame

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkuma kirkira lafaa lamaan Fulbaana 6, kanneen bara 1999 badii kallattiin mudate. Kunis dhiibbaa hamaa kirkira lafaa kana dabalu.

Kirkirri lafaa kun Sunaamiin Galaana Marmaraatti dalga hanga meetira 2.5 ta'een kan walqabate ture

Akkasumas ibiddi warshaa boba’aa naannoo sana jiru keessatti ka’e dhaamsuuf guyyoota 5 kan fudhate yoo ta’u, namoonni kumaatamaan lakkaa’aman mana isaanii akka ba’an taasiseera.

Balaan kun haala siyaasaa Turkii jijjiiruu qofaaf gumaacha hin goone. seera ijaarsaa cimsee, gibirri addaa "walta'iinsa kirkira lafaa" jedhamu gamoo cimsuuf uumame.

Miidhaan kirkira lafaa dhiheenya kana mudate kun waan hanga ammaatti mul’ate hunda kan caalu maaliifi?

Haalli miidhaa kirkira lafaa lamaan Fulbaana 6 mudateen qaqqabe balaa hamma kanaa ittisuun ni danda’ama turee fi mootummaan pirezidaant Erdogaan lubbuu namootaa baraaruuf kana caalaa hojjechuu danda’aa turee jechuun gaaffii guddaa kaaseera.

Yeroo balaa tasaa kanaan namoonni kuma 30 ol bobbaafamaniiru garuu, yeroo baay’ee gareewwan baraarsaa hanga guyyaa lammaffaa ykn sadaffaatti naannoo balaan kun mudate gahuu hin dandeenye.

Turkiyaan biyyoota kamiyyuu caalaa kirkira lafaa irratti muuxannoo guddaa qabdi,garuu hundeessaan garee tola ooltummaa tokkoo baraarsaa yeroo kana siyaasni gidduu akka seene amana.

Gahee raayyaa ittisa biyyaa

Kirkira lafaa bara 1999 booda hojii kana kan hooggane humna waraanaa ture. Haa ta'u malee mootummaan Erdogaan hawaasa Turkii keessatti aangoo isaanii daangessuuf yaalii godheera.

“Addunyaa irratti jaarmiyaaleen caasaa fi dandeettii guddaa qaban humnoota hidhataniidha;meeshaa fi beekumsa baayyee guddaa qabu. Muddama keessatti itti fayyadamuu qabda,” jechuun Daarektarrin Faawundeeshinii Akut Naasuh Mahruki BBC'tti himaniiru.

Tarkiitti gamoo jige jalaa namoota baraaraa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Haa ta'u malee amma hojiin kun abbaa taayitaa balaa siviilii Turkii kan maqaa gabaabduu Turkii AFAD jedhamuun beekamu ilaalata.

Isaanis hojjettoota kuma 10 hanga kuma 15i kan qaban yoo ta’u, gareewwan miti mootummaa kan akka Akut kan tola ooltota 3,000 qabaniin deeggaraman.

Balaan muddamaa amma jiru kan bara 1999 caalaa guddaadha jedha Mahruki, garuu raayyaa ittisa biyyaatti karoora baasuu keessatti waan hafeef ajaja mootummaa eeguu qaba ture. “Kunis hojiin barbaachaafi baraarsaa akka jalqabamu harkifannaa taasiseera."

"Ani akeekkachiiseera".

Saayintistoonni waggootaaf kirkirri lafaa guddaan mudachuu akka danda’u akeekkachiisaniiru ta’us, kirkirri lafaa guddaan kaabatti waan mudateef, Baha Anaatooliyaa kan kibba baha Turkii keessa darbu irratti akka uumamu kan eegan muraasa.

Guraandhala 6 bara 2020tti kirkirri lafaa naannoo balaan kun irra gahe irraa gara kaaba bahaatti argamtu magaalaa Elazig yeroo raase, injinariin ji’ooloojii Naasii Gorur, Yunivarsiitii Teeknikaa Istaanbul irraa, balaa jiru hubateera.

Kirkira lafaa itti aanu kaaba Adiyaman fi magaalaa Kahramanmaras, kirkira lafaa dhiheenya kana mudateen akka malee miidhamte tilmaamuuf illee gahe.

“Mootummoota Naannoo, Hoggantoota Naannolee fi Mootummaa Giddugaleessaa beeksise, magaalonni isaanii kirkira lafaaf akka qophaa'an fi tarkaanfii akka fudhatan itti himeera.” jedha

Ogeessota injinariingii kirkira lafaa Turkiyaa keessaa tokko kan ta'e Mustafa Erdik'f, kasaarri lubbuu guddaan seera ijaarsaa hordofuu dhabuu irraa kan madde jedha.

Gamoowwan sababii kirkira lafaatiin miidhame

Madda suuraa, Getty Images

"Hammi miidhaa qaqqabe hubatamaadha, garuu miidhaa akkanaa miti,manneen wal gubbaatti walitti tuulame, kunis lakkoofsa namoota lubbuun darbee kan nuti arginetti geesseera.

“Sun silaa ittifamuu qaba ture.”

Turkii qofa keessatti lakkoofsi namoota du'anii kuma 40 akka caalu tilmaamameera.

Dambiin ijaarsaa Turkii bara 2018 haaromfameera, konkiriitii cimaa fayyadamuu kan kennu yoo ta’u, kunis kabala sibiilaan cimuu qaba. Utubaawwanii fi biimoonni shookii raafama dandamachuu danda’uu qabu.

"Konkiriitii fi sibiilaa gidduutti walitti dhufeenyi jiraachuu qaba akkasumas utubaawwan keessatti jabeessi gahaan jiraachuu qaba."jechuun ibseera Piroofeesar Erdik.

Yoo seerii kun hordofamee utubaaleen sun akkuma hin tuqamnetti hafuu fi miidhaa guddaan akkanaa akka hin taane amana Piroofeesar Erdik.

Kanaa mannaa, utubaaleen jige, manneen wal gubbaatti kufee kasaaraa guddaa geessiseera.