Miidhamtoonni kirkira lafaa Sooriyaa awwaalchaaf Turkii irraa gara biyyasaaniitti ergamaa jiran

Aayisha Moaarrii
Ibsa waa'ee suuraa, Aayisha Moaarrii intala ishee Shiriin qaxxaamuraa daangaa Baab al-Haawaatti nagaa dhaamte

Aayishaa Moaarrii, dubartiin ganna 45, gara duuba konkolaataa fe'umsaa irratti boorsaa qaamaa adii harkaan hojatame qabate harcaattee boo'aa jirti.

“Akkamitti na dhiistee deemta? Sababni ani lubbuun tureef si qofa ture….Amma akkamittan hafuura baafachuu danda'a?”

Boorsaa qaamaa kana Intalasheetti keessa jira. Ishee cinaatti reeffa miseensota maatii isaanii shan birootu jira

Bakki isaan jiran qaxxaamura daangaa Baab al-Haawaa kan kibba Turkii fi kaaba dhiha Siiriyaa mormitootaan qabame gidduutti argamtu.

Maatiin baqattoota Sooriyaa kirkira lafaa torban darbe kibba Turkii mudateen maatiisaani dhaban reeffa isaanii gara biyyaatti deebisuuf achitti walitti qabamaniiru.

Naannoo kana foolii du’aa ulfaataa ta’etti qilleensa keessa fannifamee jira

Erga kutaan mana jireenyaa abbaa darbii jahaa isaan keessa jiraachaa turan jige, maatiisaani keessa Aayishaa, abbaa warrashee Nuumaan fi intala ilma isaanii ganna afuri Eelmaa qofatu lubbuun hafan.

Aayishaa fi Nuumaan ijoollee durbaa lama, ilma tokkoo fi akkaakowwan durbaa lama dhabanii, ammallee soddaa isaanii barbaadaa jiran.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maatiin kun waggoota saddeet dura waraana biyya keessaa Sooriyaa keessatti gaggeeffame irraa kan baqatan yoo ta'u, jalqaba haaraa abdachuun, magaalaa kibba Turkii Antakyaatti kooluu galaniiru.

Magaalattiin amma diigamtee jirti, gamooleen ishee walakkaa ol miidhamaniiru.

Qaamni miidhamtoota Sooriyaa gara Baab al-Haawaatti fidaman kunneen gara biyyaatti gaafa deebi'an adda baafamuu akka danda'an mirkaneessuuf, boorsaa qaamaa irratti qalama halluu cuquliisa qabuun maqaansaani barreeffameera

“Akka gaariitti wal kunuunsaa.Shirin yaa jaalallee koo obboleessa kee fi obboleettii kee fi ilmaan ilmaan koo jaallatamoo kunuunsi,”jetti Aayishaan qaama intala ishee huccuu adii sana keessaa dhungachaa.

Qubni ishee konkolaataa fe'umsaa sana irratti turtii yeroo inni deemuu jalqabu, gadhiisuu akka hin barbaanne ifaadha.

Abbaan warraa ishee konkolaataa fe'umsaa daangaa qaxxaamuraa jiru argee imimmaan buuse

“Nagaatti jaalalleewwankoo….Hundi keessan gara manaatti ni deebitu…waliin jiraatu,” jedha

Ganama sana konkolaattonni fe'umsaa dabalataa shan reeffa lammiilee Sooriyaa caccabaa jalaa baafaman fe'anii daangaa gahan.

Gariin isaanii boorsaa qaamaa osoo hin taane, firaasha qofaan marfamaniiru.

Hojii baraarsaa yeroof

Gara magaalaa Antakyaa, caccabaa mana maatii Moaarrii keessaa, rumaaniin fuullee lama akka gaariitti iddoosaa irra taa'u. Fakkiin tokko ammallee minjaala sana gubbaatti fannifamee jira. Kutaan hafe jigee jira.

Intala Aayishaa giddu galeessaa Viam jedhamtu kan kaadhimame Aliin, vest mul'ata guddaa qabu uffatee, caccabaa sana keessa barbaaduu itti fufa.

Reeffa Viam eessatti akka argate nutti agarsiisa.

Alii
Ibsa waa'ee suuraa, Aliin kaadhimaa isaa Viam caccabaa mana jireenyaa ishee Antakya keessatti jige keessaa qotee baase

Waggaa afuriif jaalalaan qabamaniiru.Garuu abbaan ishee kaadhimummaa isaanii akka fudhatu kan amansiise kirkira lafaa sana dura torban tokko qofa ture

“Halkan sana WhatsApp irratti ergaa barreeffamaa waliif ergaa turre hanga galgalaatti. Rafuu hin dandeenye.” jedha

Naannoo sa'aatii 04:00tti ergaan barreeffamaa Viam irraa dhufe: "Dammaqxeettaa? Abjuu ajaa'ibaa tokkon arge," jechuun barreessiteetti.

Bilbila viidiyoo gidduu osoo jiranii lafti raafamuu eegalte.

“Abjuu hamaa sana yaaduu akka hin qabne reefuu itti himaa ture.Achiis akka wal jaallannu walitti himne. Siree ishee irra teessee callistee kolfaa turte," jechuun yaadata Aliin.

“Fiiguuf yeroo yaaltu arge, bilbilli ishee garuu dallaatti hidhamee saffisa ishee hir'ise. Achiis suuraan hin dhaabbate.Iskiriiniin gurraacha'e.”

Leenjisaa dandeettii qaamaa kan ta'ee fi mormitoota hidhatee Sooriyaa keessa jiran waliin muuxannoo leenjii lolaa kan qabu Aliin, kutaa isaa keessatti minjaala jala sardamee of eeguu danda'eera.

“Yeroo kirkirri lafaa sun xumuramu fiigeen ba'e.Ollaan keenya guutuun barbadaa'e.Akkamitti gara daandii isheen [Viam] jiraattutti akkan deeme yaadachuu hin danda'u. Daandiin hundi cufamuu isaatiin dachaa lama natti fudhate.”

Yeroo inni gara bilookii mana jireenyaa sanaa gahu, hojiin baraarsaa yeroof ollaadhaan qophaa'e hojjetamaa ture.Hiriyyoota isaanitti makamuuf bilbile.Sa'aatii hedduun booda gargaarsi mootummaa tokkollee hin dhufne.

Alii fi hiriyyoonnisaa naannoolee Siiriyaa yeroo waraanaa humnoota mootummaa Siiriyaatiin yeroo baay’ee boombii itti darbataman irraa akka ta’an dubbata,kanaaf duraanuu leenjii fi muuxannoo barbaacha fi baraarsaa tokko tokko qaban.

Lammiileen Sooriyaa lammiilee Sooriyaa gargaaruu qabu jechuun dabbata

Viam barbaaduu

Naannoo bal'aan kaaba-dhiha Sooriyaa kirkira lafaatiin miidhame keessaa gari tokko to'annoo mootummaa Sooriyaa jala jira. Kutaan biraa - bakka maatiin Moaarrii irraa dhufan - gareewwan hidhatanii Pirezidaantii Bashar al-Asad mormaniin qabamee jira.

Kanaaf qindoominni hojii baraarsaa fi gargaarsaa qaamolee waldhabdee kana keessatti hirmaatan hedduu, biyyoota isaan deeggaran fi dhaabbilee gargaarsa namoomaa idil-addunyaa hirmaachisu baayyee walxaxaa ta’ee jira,

Aliin hawaasa addunyaa irratti aariin itti dhagahama, biyyoonni humna qaban Siiriyaa keessatti waldhabdee guddaa taphachaa akka jiran fi sababa kanaan ummanni Siiriyaa rakkachaa jira jedha

“Addunyaan hundinuu Turkii gargaaruuf dhufte, Turkiyaan mataan ishee biyya cimtuu ta'uu isheetiif Waaqayyoon galateeffadha.Garuu Sooriyaa akkam ta'u qabdi?

“Waa'ee siyaasaa dubbachuu hin barbaadu garuu ija namoomaatiin ibsaa, ibsaa, bishaan qulqulluu fi mana illee hin qabnu.”

Itti dabaluudhaanis: "Manneen keenya waraanaan barbadaa'aniiru, amma immoo kirkira lafaatiin. Wanta Waaqayyo biraa dhufu ni fudhanna. Garuu addunyaatti himuu qaba: gahaadha.”

Alii fi Numaan
Ibsa waa'ee suuraa, Numaan konkolaataa reeffa intala isaa geejjibsiisu hordofee akka isa dhaabne Aliin duubatti qabama

Sakatta’insa guyyoota saddeetin booda Aliin reeffa Viam jaallalesaa isaa Viam argate.Yeroo duute obboleessa ishee Mohaammad hammattee turte.

Amma garee lammiilee Sooriyaa 15 waliin ta'uun Aliin maatii Sooriyaa biroo barbaaduuf hojjechaa jira.

Kirkira lafaa booda guyyoota 10 jalqabaa keessatti reeffa namoota 2,306 ol daangaa darbee gara Sooriyaatti ergamuu isaanii aangawoonni Turkii himaniiru.

Poolisiin daangaa Turkii kunis hojii guddaa akka isaaniif ta’e himu.Yeroo tokko tokko reeffa erguuf qophii ta'u, gami kaan ammoo fudhachuuf qophii miti.Yeroo bira, faallaa kanaati.

Yeroo deemuuf qophoofnu namni tokko reeffa daa'ima isaa torban sadii firaasha xiqqaadhaan marfamee hammatee argina.

Reeffi ishee gara mana isaani kutaa bulchiinsa Idliib mormitootaan qabame jiru akka geeffammu gargaarsa gaafachaa jira.

Intala isaa caccabaa keessaa qotee baasee, achiis daangaa ce'ee gara Turkiyaatti yaala fayyaa akka argattu fide ture.Garuu lubbuun hin hafne.

Maatiin Moarri dhumarratti nama dhumaa barbaadaa turan - reeffa soddaasaani - guyyoota 10 booda argatan.

Baqattoonni Sooriyaa maaliif reeffa maatii isaanii gara Sooriyaatti ergaa jiru jedheen Aliin gaafanne.

Qa'ee keenya. Gaaf tokko akka itti deebinu ammallee bakka itti abdannu fi itti amannudha.Namoonni jaallannu achitti akka nu eegan barbaanna.”