Lakkoofsi namoota kirkira lafaa Morookoon lubbuu dhaban 2,000 caale

Kirkira lafaa bara 1960 Morookoo keessatti dhaqqabeen namoonni 12,000 ol lubbuu dhabanii turan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kirkira lafaa bara 1960 Morookoo keessatti dhaqqabeen namoonni 12,000 ol lubbuu dhabanii turan

Kirkira lafaa cimaa Morookoo keessatti mudateen lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 2,000 caale. Namoonni kaan hedduun ammoo miidhamaniiru.

Ministeerri biyya keessaa Morookoo 1,400 ol kan ta’an miidhama jabaatu isaan qunname jedhan.

Kan baay’ee miidhaman bulchiinsa kibba magaalaa Maaraakesh kan argamanidha.

Mootiin biyyattii Mohaammad VI gadda biyyaalessaa guyyoota sadiif turu labsaniiru.

Dabalataan, deeggarsi bakka ciisichaa, sooratiifi gargaarsi biraa kanneen lubbuun hafaniif akka geeffamu ajajaniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad balaa dhaqqabeen gadda isaanii ibsaniiru. Itoophiyaan isin bira dhaabbatti jedhan.

Balaa kirkirri lafaa Morookoo kun qaqqabsiiseen namoonni 300,000 ol ta'an mana malee direerratti hafaniiru jedhe Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHAn).

UN ibsa baaseen "tattaaffii mootummaan Morookoo namoota miidhaman gargaaruuf taaasiu cinaa dhaabbachuuf qophiidha," jedhe.

Kirkira lafaakanaan booda namoota manaafi gamoo jigan jalatti hafan baraaruun itti fufeera.

Kirkirri lafaa kuni reektar iskeelii 6.8 kan galmeesse yoo ta’u, Jimaata galgala ture magaalaa Maraakeeshiifi magaalota kaan kan raase.

Gandoota baadiyyaa gaarreenirra jiran guddaa miidhamuu gabaasonni mul’isaniiru.

Bakki ijoo miidhame naannoo Gaara Atilaasidha. Magaalaan Maaraakesh bakka hawwata turizimiiti.

Lafi kirkire garuu magaalaa guddoo biyyattii Raabat, kan bakka miidhaan dhaqqaberraa 350km fagaatte argamtuttiyyuu dhagahameera.

Akkasumas Kaazaabilaankaa, Agaadir fi kaanittis dhagahameera.

Gaazexessaan BBC ganda balaan miidhame tokko yoo dhaqqabu reeffi namoota 18 baafamee jaartiin tokko hirqinfataa boo’aa turan.

Kirkirri lafaa lammata dhalata jechuun sodaatanii namoonni baay’ee ala afatanii bulani.

Miidhaan masjiidarra ga'e erga lafti ifee mul'ate

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Miidhaan cimaan masjiidarra ga'e erga lafti ifee sirriitti mul'ate

Kanneen lubbuun hafan hanqina nyaataafi bishaaniif saaxilamuu himani.

Bakkeewwan balaan dhaqqabe dhagaan caccabee daandii cufe waan ta’ef qaqqabuun ni rakkisa.

Miidhaa hangami akka gahe baruufis rakkisuu mala jedhame.

Lammiileen Morookoo miidhamtoota gargaaruuf dhiiga arjoomaa jiru. Loltooti biyyattis hojii lubbuu baraaruu akka tumsan mootii biyyattiin ajajamaniiru.

Morookoon biyya ollaa ishee Aljeeriyaa waliin dhibdee qabaattus, Aljeeriyaan balalii gargaarsa namoomaaf daangaa qilleensashee akka bantu himte.

Bakkeewwan baadiyyaatti hamma nama du'e sirriitti baruuf yeroo fudhatuu mala jedhameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bakkeewwan baadiyyaatti hamma nama du'e sirriitti baruuf yeroo fudhatuu mala jedhameera

Erga bara 1960 Morookoo Agaadiritti kirkirri lafaa reektar iskeelii 6.7 galmaa'e miidhaa geessisee namoota 12,000 ol galaafate as balaan tibbanaa biyyattiif isa guddaadha.