Mucaan durbaa sa'aa 178 booda gamoo jiige jalaa lubbuun argamte

Madda suuraa, Turkish Energy and Natural Resources Ministry
Mucaan durbaa Miraay jedhamtu kirkira lafaa Kibba Tarkiitti mudateen guyyoota torbaafi walakkaaf ykn sa’aatiiwwaan 178’f gamoo jige jalatti ugguramte.
Miraay dukkana keessaa wayita baafamtu hojjattoonni lubbu- baraarsaa ''waaqayyo guddaadha,’’ jedhanii wayita iyyan viidiyoon waraabame mul’ise.
Wixata darbes mucaan dhiiraa umrii ganna 13 sa’aatii 182’f gamoo jalatti ugguramee ture dabalatee namoonni biroo baraaramaniiru.
Lakkoofsi namoota balaa kirkira lafaa kanaan du’anii 35,000 wayita darbe kanatti, namoonni lubbuun bararaman lakkoofsaan xiqqaataa adeeme.
Lakkoofsi namoota baraaramnii kan garmalee xiqqaate qaamni namaa otoo bishaan hin argatiin yeroo dheeraa turuu waan hin dandeenyeefi.
Sababni biraammoo namni mana jalatti uggurame harganuu danda’uu fi miidhama qaamaa irraa qaqqabeerratti hundaa’a jedhu hakiimonni BBC’n dubbise.
Pirofesar Toonii Reedmond, qorri Tarkii fi Siiriyaatti bu’aa jiru eeboo qara lamaa ta’uun dhibbaa dabalataa uume jedhan.
Yoo qorrite, ujjummoowwan dhiigaa kee walitti suntuuru, madoofteyyuu xiqqoo turuu ni dandeessa jedhanii ibsan.
Haata’u malee, garmalee qorruun ammoo ofisaattuu miidhaa hordofsiisu qaba jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Balaa kirikira lafaa Tarkii fi Siiriyaatti mudate kanaan lakkoofsi namoota miidhamanii saffisaan akka dabalutu eegama.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti hogganaan damee gargaarsa namoomaa lakkoofsi namoota du’anii dachaan dabaluu mala jedhanii akkeekkachiisan.
Mucaan durbaa Miraayi jedhamtu Wixata darbe kana magaalaa Adiyaman jedhamutti lubbuun ishee baraarame.
Lubbu-baraartonni Miraayi siree miidhamtoota ittiin baataniin bakka gamoo itti danqamte kanaa baasan.
Miidiyaaleen biyyattii akka jedhanitti, gartuun lubbu baraaru sun obboleettii Miraay baraaruuf barbaadaa jiru.
Bulchiinsa Tarkii Hatayi jedhamutti ilmi dhiiraa ganna 13 Kaan jedhamu sa’aatiiwwan 182 mana jalatti danqamee ture baraarame.
Haaluma walfakkaatuun, dubartiin Naadii Umaayi jedhmtu sa’aatii 175 mana jalatti danqamtee turte baraaramtetti.
Magaalaa Kahramanmaraas jedhamutti haadha daa’imashee waliin danqamte fi maanguddoon lubbuun jiraachuu mirkaneessuun lubbuu isaanii baraaruuf hojjataa jiru.
Gartuwwaan lubbu baraarsaa kumaatamtti lakkaa’aman - warreen cilee baasani fi ogeeyyii lubbu-baraarsaa kaameeraafi saroota foolii fuudhan wajjiin bobbafamaniiru.
Haata’u malee, abdiin namoota balaa kanaa gamoo jalatti ugguraman lubbuun baraaruu xiqqaacha adeemuun jira.












