Kirkirri lafaa cimaan Tarkii fi Giriik rukute lubbuu galaafate

Balaa kirkira lafaan dhaqqabe

Madda suuraa, Anadolu Agency via Getty

Kirkirrii lafaa cimaan rektar iseelii 7.0 ta’u qarqara Tarkii Ejiyaan fi odola Giriik Samoos jedhaman rukute.

Ji'olojikaal Sarveeyin US akka jedhutti kirkirri lafaa bulchiinsa Turkii Izmiiritti dhaqqabe reektar iskeelii 7.0 dha.

Turkiin garuu kirkirri lafaa dhaqqabe rektar iskeelii 6.6 dha jechuun namoonni afur akka du'aniifi 120 immoo akka magaalaa Izmiir keessa miidhaman ibsite.

Magaaluma kana gamoowwan 20 jijjiganiiru.

Biyyoonni lameen; Turkii fi Giriik sarara kirkirri lafaa deddeebi’ee itti mudatuurratti argamu.

Kirkirri lafaa kun Wixata odola Giriik Kiriiiti jedhamturrattis dhaga’amaa ture.

Vidiiyoon iddoo kirkirrii lafaa itti mudateerraa waraabame tokko akka agarsiisutti, namoonni gamoo caccabee jala wayita barbaadamaa jiran agarsiisa.

Lakkoofsi namoota du'anii dabaluu danda'a jedhame sodaatameera

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Lakkoofsi namoota du'anii dabaluu danda'a jedhame sodaatameera

Namni wayita kirkirri lafaa magaalaa Izmiiritti wayita haleelu arge tokko akka himetti, jiraattoonni magaalichaa battala kirkirri mudatetti gara daandiitti yaa’aa turan.

Amajjii darbe kirkirri lafaa Baha Tarkii bulchiinsa Elaazig jedhamutti uumame namoota 30 ajjeesuun, namoota 1,600 madeessee ture.

Bara 2019 kirkirri lafaa magaalaa guddoo Giriik Ateens haleele tajaajila ibsaa magaalichaa harka caalu dhaamsee ture.

Kirkirri lafaa cimaan bara 1999 magaalaa Izmiit, Istaanbul cinaatti argamtu haleelee lubbuu namoota 17,000 galaafatees ture.