Kirkira Lafaa Tarkii: Hospitaalli namoota 300 caalan qabatee caccabe dagatamuun komii kaase

Iddoon kun bakka namoonni hedduun itti fayyuu fi gargaarsa argachuuf dhufan ture. Torban tokko dura wayita balaan kirkira lafaa mudatu garuu Hospitaalli Iskenderun Devlet Hastanesi akka malee barbadaa'e.
Gareen hojii lubbuu baraaruu hojjetaa jiran battala balaan kun mudatutti hospitaalicha keessa namoota 300 ta'antu turan jedhan.
Lakkoofsi kun dhukkubsattoota, ogeeyyii fayyaa fi kanneen namootasaanii dhukkubsachiisan dabalata.
Namoonni 300 hospitaalicha keessa turuu malee meeqa akka lubbuun ba'an wanti himame hin jiru.
Hedduun bakka kanatti aarii fi mufannaa hamaadhaan guutamaniiru.
Sababni isaas namoonni baay'een asitti argaman gabaasa ijaarsaa marsariitii ministeera fayyaa irraa waan arganiif.
Innis qalama diimaan kan barreeffame akkas jedha: "Qorannoon kirkira lafaa gaggeeffame balaan kun akka hin jirre mul'iseera.''
Kun kan gadhiifame bara 2012, hanga ammaa miidhaa qaqqabeef birmannaan mootummaan taasise hagas mara miti.
Namoonni naannawa sanaa kanneen miidhaan kun qe'eesaanii gale garuu dhimma kana ija dubbii godhachuun waliin mari'achaa jiru.
Wayita hospitaalli kun balaa kanaa caccabu akkoo fi obboleessi akkoo Aliisan Kenaar keessa turan.
Balaan kun mudatee erga torban tokko caalee booda, Kibxata kaleessaa waaree booda [Guraandhala 14, 2023] reenfi akkoosaa caccabaa gamoo jalaa argame.
''Kun dogoggora nama dhuunfaa yookiin dogoggora namootaati, kan mootummaatis. Kun hundaaf ifaadha. Kun carraa osoo hin taane dogoggora namootaan kan raawwateedha,'' jedha Kenaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatiin kaan ammallee daaraa uffatanii akka gamoo jalaa ba'anitti bakkuma balaan kun itti mudate buufatanii jiru.
Matii hedduun namootasaanii gamoo caccabe jalatti ukkaamfaman barbaaddachuuf ofiisaanii maallaqa kaffalaa jiraachuu BBCtti himan.
Meeshaa caccabaa gamoo jalaa nama barbaadee baasuuf boba'aa kan guutan isaani.
Bakka kanatti argamuun hojii lubbuu baraaruu kan hojjetan dhaabbilee tola ooltotaa fi kanneen fedhiisaaniin hojjetan irraan kan hafe qaamni mootummaa akka hin jirres himan.
Kenaan akka jedhutti qondaaltonni mootummaa battala takkittii argamanii, sanuu harkasaanii duwwaa dhufanii achumaan badan jedha.
''Gamoon jijjige kun hanga yoonaa itti bu'amee hin beeku. Haalli kun bitaa namatti gala. Osoo itti qophaa'amee, xiyyeeffannaan kennameefii silaa haalli kun hin mudatu ture. Kanarraa barnoota guddaa baranne,'' jedhe.
Balaa kirkira lafaa Tarkii fi Siiriyaa kanaan hanga ammaatti namoonni 41,000 caalan du'aniiru.
Akkuma Tarkii Siiriyaa keessattis qixa sirrii ta'een gargaarsi namoota miidhamaniif taasifamaa hin jiru.












