Obbo Getaachew Reddaa dhibdee TPLF furuuf marii taa'uu akka danda'an himan

Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo TIgraay Obbo Getaachew Raddaa dhibdee aanga'oota TPLF giduutti dhalate furuuf marii taa'uun akka dand'amu himan.
Obbo Getaachew dhibdee dhaaba isaanii gidduutti mudate ilaalchisee BBC waliin gaaffiifi deebii taasisan keessatti ''mariin gonkumaa jiraachuu dhabuu hin danda’u'' jedhan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaan erga raawwatee booda garaagartummaan ilaalchaa aang'oota olaanoo dhaabichaa gidduutti mudate dhaabicha lamatti baasuun erga ifa ta'ee ji'ootni lakkaa'amaniiru.
Gareen Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu fi gareen Obbo Getaachew Raddaan durfamu wal balaaleffachuufi wal ugguruuf ibsa walirratti baasaa bahe.
Tibba kana ammoo gareen Dr Dabratsiyoon Obbo Getaachew dabalatee aanga'ootni bulchiinsa yeroo naannichaa aangoo fudhatama qabu hin qaban jechuun naannicha bulchuu akka hin dandeenye ibsee ture.
Bulchiinsi yeroo naannichaas deebii kenneen adeemsa akka kanaa dura dhaabachuuf tarkaanfii akka fudhatu dhaadate.
Rakkoo TPLF mudate kana ilaalchisee mootummaan Federaalaa ifatti wanta jedhe hin qabu.
Obbo Getaachew Raddaa yaada BBCf kennan keessatti ''yoo gareen Dr. Dabratsiyoon aangoo kanaaf mirga akka qabu itti dhaga’ame bulchiinsa yeroo waliin osoo hin taane mootummaa federaalaa waliin dubbachuu qaba,'' jedhan.
Dabaluunis gartuulee amma TPLF keessa jiran lamaan keessaa kamtu seera-qabeessa gaaffiin jedhu yeroo dheeraaf falmisiisaa ta'ee itti fufa jedhan.
Ammoo aangoo dursaa mootummaa yeroof qofaatti mirgi kan isaanii akka ta'etti akka hin yaadne dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka qaama gaafatama naannicha bulchuufi dhaabichas cimsuu qabuutti komii hanga irraa eegamu hin baane jedhuuf deebii yoo kennan ''dhaabichi lamatti kan bahe ji'a lamaa asi,'' jedhan.
Tattaaffiiwwan godhaman keessatti fedhiin namoota biroo dhabamuufi danqaalee biroon mudachuu himaniiru. Ammoo gama isaaniin hanqinni jiraachuus amanan.
Dhibdeen keessoo dhaabichaa kun waraana gaaga'aa booda naannicha deebisanii ijaaruuf hojilee hojjetaman boodatti akka hin deebisne wabii maaliitu jira jedhamanii gaafatamaniiru.
Obbo Getaachew yoo deebisan ''Ani ofitti amanamummaa qaba yoon jechuu baadheyyuu, ummanni Tigraay qormaata kamuu keessa darbee cimee bahuu akka danda'u waan mirkaneesseef ofitti amanamummaa qaba'' jedhan.
Wanti uummannii eeguu fi haalli hoggansa isaanii ''yaaddessaa'' ta’us, duula bal'inaan dargaggeessa naannichaa waliin gaggeessaa jiran dhibdee jiruuf fala kaahuun akka danda'amu akeeka jedhaniiru.
Diina nu balleessuuf ka'e waliiniyyuu mariif teenyeerra kan jedhan Obbo Getaachew garee TPLF amma waliin dhibdee seenaniin ''jaallan waliin taanee diina hunda lolledha'' jechuun mariin yoomiyyuu jiraachuu akka danda'u dubbatan.
Ammoo adeemsi garee Dr Dabratsiyooniifi ibsi isaanii tibba kanaa kan balaaleffatamuu qabu ta'uu himan.












