Gareen TPLF, Dr Dabratsiyooniin durfamu Obbo Geetachoofi hoggantoota 16 paarticharraa dhorke

Koreen Giddugaleessa TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'eelin durfamu, Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaa dabalatee qondaalota olaanoo 16 hojii siyaasaa paartichaarraa dhorkuu beeksise.
Taatee kana hordofuun hoggantoonni hojiirraa dhorkaman kun bakka bu’ummaa TPLF fi bulchiinsa yeroo Tigraay keessatti ittigaafatamummaa isaanii akka sirreeffamun barbaada jedhan.
TPLF yaa’ii waliigalaa 14ffaarratti hoggantoota olaanoo paartichaa kanneen jalqaba baatii Hagayyaa keessa hin hirmaanne aangoorraa kaasuu beeksise ture.
Yaa’iin kun Boordii Filannoo Itoophiyaan fudhatama hin arganne ture.
Ji'a tokko boodammoo Pirezedantii bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee hoggantoonni olaanoo paartichaa sochii siyaasaa TPLF waliin hidhata qabu hundatti akka hin hirmaanne ibsa Wixata halkan ibsa baaseen dhorke.
Waraanni xumuramee, bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay erga hundeeffamee booda, qondaalota TPLF giddutti wal-qoodinsi dhalateera.
Qondaalonni TPLF Yaa’ii irra deddeebiin taa’anillee garaa gartee qaban furachuu hin dandeenye.
Kora TPLF garee Dr Dabretsiyooniin durfamu dhiyeenya gaggeeffamee fi hoggantoonnii fi miseensonni paartichaa hedduun irratti hin argamne irratti, hoggantoonnii fi miseensonni paartichaa koricha irratti hin argamne hoggansa irraa akka bu’an murteessee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr Dabretsiyooniin dura taa’aa paartichaa gochuun fileera.
Ha atahu malee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa korri TPLF gaggeesse kun adeemsa seeraa waan hin hordofneef fudhatama hin qabu jedheera.
Obbo Getaachoo Raddaa fi gareen isaanii hoggansa irraa ka’uun sadarkaa miseensaatti akka itti fufan Koreen Gidduugaleessaa TPLF, Dr Dabretsiyoniin durfamu murteessee ture.
Amma ammoo ibsa baaseen TPLF keessaa akka isaan dhorke hime.
Koreen Gidduugaleessaa TPLF Dilbata halkan wal gahii gaggeesse jedhe irratti waa’ee hoggantoota isaa olaanoo fi tarkaanfii itti aanee fudhatamu irratti murtee dabarsuu hime.
Kora TPLF 14ffaa irratti hoggantoonni dhorkaman kunneen ‘’dogogora isaanii hubatanii dhiifama gaafachuun aduu ji’a tokkoo keessatti deebi’u’’ jedhamee eegamus waan eeyyamamoo hin taaneef paarticha keessaa dhorkineerra jedhe.
Ibsa baasan Kanaan Obbo Getaacho Raddaa dabalatee hoggantoota paartichaa 16 tahan ‘’keessoo paartichaa taa’uun shira dalaguun paarticha diiguuf hojjetaa turan’’ jedhe.
‘’Hoggantoonni dhorkaman kunneen aangoo mootummaa yeroofii kennameefii fayyadamuun karaa seeraan alaa maallaqa bittinsaa jiru’’ jechuun himate.
Obbo Getaachoo fi hoggantooni dhorkaman 16 kaan TPLF bakka bu’uun hojii kamiyyuu akka hin hojjenne murteessu ibsaniiru.
Hoggantoonni dhorkaman kunneen yeroodhaaf aangoo bulchiinsa naannoo Tigiraay itti kenname ilaalchisee ‘’qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin dubbachuun kans irreeffamu taha’’ jedhe ibsi baasan kun.
Tarkaanfiin kun kan ifoome erga Obbo Geetaachoo Raddaa magaalaa Shireetti gafa Dilbataa Fulbaana 15 bara 2024 uummata waliin mari’achuuf deemanii jeequmsi ka’uun wal gahichi adda citeeti.
Gareen TPLF Dr Dabretsiyoniin durfamu Dilbatuma sa’a booda wal gahii taa’iin Wiixata gara galgala xumuruun ibsa kenne.












