Obbo Getaachoon qaamolee hojii bulchiinsa yeroo gufachiisanirratti tarkaanfii akka fudhatan dhaadatan

Madda suuraa, TPLF/F
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa ramaddii namoota muudamanii dabalatee qaamoleen hojii bulchiinsa isaaniitti gufuu ta’an irratti “tarkaanfii seeraa” akka fudhatan akeekkachiisan.
Ibsa Roobii Hagayya 28, 2024 baasaniin Obbo Getaachoon, gareen dura ta’aa TPLF Dr. Dabretsiyon Gabremikaa’eliin durfamu muudamni bulchiinsa yerootiin taasifamu hojiirra akka hin oolle xalayaa waajiraalee godinaafi aanaaleef ergan falmisiisaa ta’uu hordfeeti.
Obbo Getaachoon tarkaanfii seeraa akka fudhatan cimsanii kan akeekkachiisan wal dhibdeen aanga’oota TPLF gidduutti uumame babal’atee gara takaanfii humnaatti akka hin ceene yaaddoon yeroo uumamettidha.
Obbo Getaachoon ibsa isaanii kanaan, hojmaata seera-qabeessa hunda cabsuudhaan kora isaa kan gaggeeffate gareen TPLF Dr. Deebretsiyon Gabremikaa’eliin durfamu, “naannicha keessatti seer-malleessummaan akka uumamuuf socho’aa jira,” jechuun himataniiru.
Qaama bulchiinsa yerootti gufuu ta’u kamiratti tarkaanfii fudhachuu akka danda’u Obbo Getaachoo Raddaa akeekkachiisaniiru.
“Qaamni [humni] murtee mootuummaa kana gufachiisu kamiyyu hojmaata seera-qabeessa ta’e hordofuun itti gaafatamoo akka ta’aniifi tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu ummanni keenya biyya alaas ta’e biyya kessa jirtan akka nuuf bartan barbaadna,” jechuun ibsan.
Obbo Getaachoon bulchiisni isaanii tarkaanfii fudhachuu danda’a jedhan garuu maal akka ta’e hin ibsine.
Itti dabaluun, "bulchiisni yeroo kun uummata keenya karaa saffisa, si'aawaafi bu'a qabeess a'een tajaajiluuf adeemsa muudamaa gubbaa hanga gadiitti cimsee kan itti fufa," jechuun ummanni akka hubachuu qabu ergaa dabarsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Getaachoon korri falmisiisa agaggeefamuu duras irra deddeebiin caasaan isaanii hanga sadarka agadii jiru hojii hojjehcuuf rakkachaa akka jiru ibsaniiru.
Osoo hoggantoota olaanoo gidduutti garaagarummaan jiruu Korri dhaabichaa 14ffaa Boordiin Filannoo beekamtii dhowwe gaggeeffameen irra deebiin kan filataman Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'eliifi pirezidantii bulchinsa yeroofi Dura Ta'aa I/Aanaa TPLF Obbo Getaachoo Raddaa gidduutti qoodinsi dhalate hammeesseera.
Obbo Getaachoo Raddaa dabalatee miseensonni koree giddu-galeessa 17, komishinii to'annoo dhaabichaafi aanaaleen tokko tokko kan hirmaachisiin hafe korri TPLF 14ffaa dubbii falmisiisaa ta'eera.
Dura taa'aan dhaabichaa Dr Dabratsiyon Gabramikaa'el misensonni hin hirmaanne kun qaama dhaabichaa akka hin taane ibsaniiru.
Hooggantii waajira dhaabaa TPLF ta'uun kan filataman Aadde Fetilewarqi Gabraigzaabeer ammoo ammoo xalayaa barreessaniin miseensonni dhaabichaa bulchiinsa yeroo waliin akka hin hojjenne akeekkachiisaniiru.
Aanga'oonni dhaabichaa muddama keessa wayita jiran kanatti Itoophiyaatti Ambaasaaddarri US Erviin Masiingaa naannichatti imaluun Obbo Getaachew Raddaa fi aanga'oota TPLF biroo waliin mariyataniiru.
Embasiin US Finfinne jiru ibsa baaseen ilaalcha siyaasaan dhibdeen uumame karaa nagaa haala furuun danda'amurratti akka hojetamu waamicha godheera.












