Nama yeroo jalqabaaf TV irratti mul'ateen wal-baraa

Joon Loogii

Madda suuraa, Alamy

Waggaa 100 dura Onkoloolessa 2, 1925 lammiin Iskootish Joon Loogii Baayird namni jedhamu TV irratti fuula namaa socho'uu danda'u tamsaasuu danda'e.

Jalqaba namni TV irratti mul'ate ammoo Wiiliyaam Taayintan nama jedhamuudha. Wiiliyaam nama jalqaba TV irratti multe ta'uusaatiin miira gaafa sana ture waggaa 40 booda bara 1965tti BBC waliin turtii taasisee ture.

Waakkeessa jaarraa 19ffaa irraa kaasee saayinstistoonni TV qalaquuf carraaqqii garaa garaa godhaniiru. Namni jalqabaaf TV irratti suura namaa socho'u tamsaase Joon Loogii abbaansaa tajaajilaa waldaa yoo ta'u rakkoo fayyaa isa mudateen Waraana Addunyaa Lammaffaa keessatti hirmaachuu hin danda'u jedhamee nama loltummaa keessaa baafameedha.

Sababa dhukkubsatuuf loltummaaf gahuumsa hin qabdu erga jedhamee booda, dhaabbata humna ibsaa tokkotti qacaramee hojjachuu itti fufe; garuu abjuu waa uumuu qaba ture.

Asoosama saayinsii dubbiseen kaka'uumsa argachuun humna ibsaa guddaa fayyadamuun kaarboonii irraa daayimandii nam-tolchee uumuuf abbale. Garuu kaampaaniwwan Gilaasgoo humna ibsaa dhiyeessan irraa nama hayyamuuf dhabee itti dhiise. Kanatti milkaa'uu dhabus biizinasii xiqqaa qabuun bara 1923tti Kibba Landanitti mooraa bal'aa kireeffatee yaalii TV eegale.

Meeshaaleen makaanikaalaa inni yaalii tamsaasa TVdhaaf tolche hoo'a guddaa maddisiisuu irraa kan ka'e rakkisaa taasisee ture. Haa ta'uu garuu ventileetarii fayyadamuun hojiisaa itti fufe.

Onkoloolessa 2, 2025 namni ganna 20 Wiiliyaam Taayintan jedhamu irratti yaaliin godhameen yeroo jalqabaaf suurri bifa viidiyoon socho'u TV irratti mul'ate.

Wiiliyaam Taayintan nama jalqabaa TV irratti mul'ate ta'e.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wiiliyaam bakka Joon yaalii tamsaasa TV itti taasisu gajjallaadhaa biiroo wayii keessa hojjata. Wiiliyaam yaalii milkaa'aa yeroo jalqabaaf TV irratti erga mul'ateefi TVn addunyaa wal-gahee waggoota 40 booda bara BBC waliin turtii taasiseen waan gaafa sana ta'e dubbate.

"Joon fiigee dhufee na fuudhee bakka laaboraatooriisaa na seensise. Gammachuu guddaatu fuulasaarraa mul'ata," jedha. Gaafa kutaa yaalii TV sana seenu shiboowwan elektirikii bakka hunda jira, ciccitaan sibiilaa, diiskiwwan, ibsaan gosa garaa garaa, baatiriiwwan, motorowwan dullooman fa'aa achitti gaafa argu, achi keessaa waan gaarin waan bahu itti hin fakkaanne.

Wiiliyaam tiraanismiitarii fuuldura teessisuun ofii bakka itti iskiriinii gubbaatti suurri mul'achuufi dhiisuu agarsiisu kutaa biraa deeme. "Ija koo osoon irraa hin buqqifatin daqiiqaa tokkoo ol tiraanismiitaricha keessa ilaaluu hin dandeenye. Hoo'isaa baay'ee cimaa ture. Kanaaf ija koon irraa buqqifadhe,"jedha.

Joon ammayyuu suura socho'u akka barbaadutti hin arganne waan ta'eef Wiiliyaam kadhatee akka achi kutaa yaalitti deebi'u godhe. Hoo'i meeshaaleen yaalii uuman cimaa waan ta'eef Wiiliyaam deebi'uu hin barbaanne.

Yerooo kana Joon saantima xiqqoo harka keessa godhee akka deebi'ee tiraanismiitarii keessa ilaalu godhe- kaffaltuu TV jalqabaa jechuudha.

TVn suura nama tokkoon eegale addunyaa wal-gahe

Akka viidiyoo akka fakkaatuf suura socha'u waraabauf arraba akka baasufi fuulasaa bifa nama kofalchiisun akka sochoosufi mallattoo garaa garaa akka agarsiisu gaafata.

Wiiliyaam garuu hoo'a meeshaalee TV mana kutaa yaalii keessa jiranii dandamachuu hin dandeenye. "Jiraatti na waaduu barbaaddee," jedhee Joonitti iyye. Joon dabareesaa kutaa biraa keessaa itti iyyee, "sakandii muraasa obsi Wiiliyaam," jedhee kadhate.

Wiiliyaam hoo'a cimaa dandamatee hanga Joon suura bifa viidiyoon socho'u yeroo jalqabaaf waraabuu danda'e. Joon harka bal'isee kutaa TV dhaan suura Wiiliyaam hordofaa ture keessaa fiigaa bahe. Dhaqee Wiiliyaamitti harka maratee, "suura kee argeera, dhumarratti suura televizhiinii argadhe- suuraa televezhinii jalqabaafi isa dhugaa," jechuun yeroo jalqabaaf suurri namaa TV irratti mul'achuu danda'uu milkeesse.

Joon waa'ee maalii akka dubbatu Wiiliyaamiif hin galle. Nama jalqabaa TV irratti mul'ate ta'uusaayyuu hin barre. Amma immoo Joon bakka Wiiliyaam bu'ee fuulduree tiraanismiitarii taa'ee Wiiliyaam kutaa iskiriinii dhaqee akka ilaalu gaafate.

"Battalumatti fuula Joon arguun jalqabe, yeroo inni ija lipsatu, afaansaafi sochii inni taasisu hundaa iskiriinii gubbaatti arguun eegale," jechuun akkaataa itti suuran TV eegale ibse.

Suura namaa yeroo jalqaaf yeroo TV irratti mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suura namaa yeroo jalqaaf yeroo TV irratti mul'atu

Joon Loogii hojii TVtti milkaa'uu isaa kana gammachuun guutamee Wiiliyaam maaltu sitti dhagaham? jechuun gaafate. Wiiliyaam waliisaa hin galleef. "Suuraa kee, fuula kee yeroo socho'u argeera, kanuma," jechuun deebiseef Wiiliyaam.

"Isa hin yaadda'in kuni jalqabbii TVti; gutummaa biyyattii keessatti mana nama hundaa keessatti ni agarta, guutummaa addunyaattis naan jedhe Jooon," jechuun dubbata Wiiliyaam.

Waggaa ittaanu Amajjii 26, 1926tti oon Loogii Baayird waa'ee TV argannoosaa ifatti uumataaf ibsa kenne. Akkuma inni jedhe, TVn guutummaa addunyaa wal-gahe. Asoosama saayinsii dubbisuun abjuun waa kalakuu keessatti dhalate hojiitti hiikamee nama yeroo jalqabaaf suuraa socho'u TV irratti agarsiise ta'e.