Heedfoonii fayyadamuun fayyaa keenyarratti dhiibbaan fidu jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo ammaa muuziqaafi poodkaastiwwan heddu dhaggeeffachuuf heedfoonii fayyadamuun baramaadha. Gabaan heedfoonis heddu dabaluu ragaaleen ni agarsiisu.
Ragaan dhaabbata Statista akka agarsiisutti, UK qofaa waggaa waggaan paawundiin biliyeena tokko ta'u baasii ni ta'a- keessumaa heedfoonii wadaroo hin qabne (wireless headphones) bituuf.
Namoonni hedduun heedfoonii keessumaa kan wadaroo hin qabne fayyadamuu akkuma jaalatan fayyaarratti rakkoo fiduu mala jechuun yaaddoo qaban kan ibsanis danuudha.
Heedfoonii fayyadamuun dhuguma fayyaarratti rakkoo uumu qabaa? BBC Bitesize Yaaddoon namoonni qoodan dhugaafi soba ta'uusaa adda baasuuf yaalii godheera.
Heedfooniwwan wadaroo hin qabne (gurra irra kan kaa'amaniifi gurra keessa kan kaa'aman lammanuu) bilbila keenya wajjin wal-qunnamuuf Biluutuuzii fayyadamu.
Biluutuuziin elektiroo maagneetik fiildii waan fayyadamuuf, namoonni sammuu keenyarratti rakkoo uuma jedhanii akka yaadan isaan taasiseera.
Heedfoonniwwan wadaroo hin qabne fayyadamuun fayyaarratti rakkoo qabaachuufi dhiisuu adda baasuuf qorannoowwan garaa garaa godhamaa turan.
Heedfooniwwan bilutuuzidhaan bilbila keenya wajjin wal-qunnamsiisnu, raadiyeshinii dambalii raadiyoo firikuweensii jedhamu gadi lakkisu. Raadiyeeshiniin kun dambalii xiqqaa sadarkaa qaama namaa miidhuu hin dandeenye qaba jedhama.
Dhaabbanni Cancer Research UK jedhamu bara 2019 akka ibsetti, heedifooniwwan bilutuuziin hojjatan fayyaa namaarratti miidhaan qaqqabsiisan jiraachuu ragaa quubsaan akka hin jirre beeksise.
Haa ta'u garuu, heedfooniwwan biluutuuziin hojjatan fayyaa namaarratti dhiibbaan qabsiisan jiraachuufi dhiisuu adda baasuuf ammayyuu qorannoon gaggeeffamuu itti fufeera.
Heedfooniwwan qaalii ta'an hammam gorfamu?
Heedfooniwwan sagalee to'ataniifi sagaleen guddaan akka nama hin jeeqne godhan gabaarra oolaa jiru.
Sagaleen alaa seenu kan akka TV, sagalee saree duttyuu ykn waan biraa nama jeequ akka hin seenne gochuu kan danda'uufi sagalee dhaggeeffannu qofaarratti akka xiyyeeffannu kan gargaaru sooftiweeriin addaa heedfooniiwwan ammayyaatti godhamee gabaarra olaa jira.
Akkuma teeknolojii ammayyaan dabaalame, gatiinsaas qaalidha. Heedfooniwwan sagaleen alaa seenee akka nama hin jeeqne gatiinsaanii qaalii ta'us, sagaleen garaa garaa si'a tokkotti akka nama hin jeeqne akka taasisu himu ogeeyyiin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fayyaa gurraa ykn dhageettiif heedfooniwwan sagaleen guddaan akka nama hin jeeqne fayyadamuu qofaa osoo hin taane, yeroo heddu heedfooniin waa dhaggeeffachuu dhiisunis fayidaa akka qabu himti pirezidaantii British Academy of Audiology kan taate Kileeyir Beentan.
"Waa dhaffeechuurratti of-eeggannoo gochuun gaaridha. Yeroo hunda [heedfooniin] waa dhaggeeffachuurraa gurra keessan boqachiisaa, yoo dhaggeeffattan ammoo sagalee isaa hir'isaa," jetti.
Dabaluunis, "Uumamaan nama sagalee alaa dhageessaniin salphaatti jeeqamu yoo taatan, bakka sagaleen wacaafi olka'aa jiruttu heedfooniwwan sagaleen alaa akka hin galle dhorkan fayyadamuun ni gorfama," jetti.
Heedfooniwwan sagaleen alaa akka hin seenne godhan yeroo dheeraaf fayyadamuunuu rakkoo mataasaa hin qabuu? gaaffin jedhus jira.
"Heedfooniwwan sagaleen nama jeequ alaa akka in seenne dhorkan yeroo dheeraaf fayyadamuun, yeroo isa hin fayyadamne sagalee wacaa keessatti haasaa adda baasanii hubachuurratti adeemsa keessa dhiibbaa uumuunsaa waan hin oolledha," jetti ogeettiin sagalee kun.












