SIM kaardii malee bilbila 'Iphone' ittiin bilbiluun danda'mu beektuu?

SIM

Madda suuraa, Getty Images

Kaampaaniin Apple oomishaalee bilbiloota ismaartiin gabaa yoo dursu kaan isa hordofaa jiru.

Apple oomisha isaa tibbana ifa taasise ammoo kan barameen ala bilbila harkaa SIM malee hojjatu yoo ta'u, teeknolojiiwwan bilbilaa gara fuulduraa jiraatan irratti SIM kaardiin eddoonsaa maal ta'u akka danda'u gaaffii kaaseera.

Fayyadamtoonni bilbila harkaa hundi bilbilli isaanii akka hojjatuuf SIM kaardii qabaachuutu irraa eegama.

Haata'u malee, fayydamtoonni (iPhone Air)'f kaardii fayyadamuun seenaa ta'a.

Bilbilli kunis kan hojjatu 'eSim'n [electronic sim] yoo ta'u, kunis fayydamtoonni neetiwork tokoorraa kan gara biraatti rakkoo tokko malee akka bilbilii ykn osoo SIM kaardii jijjiruun isaan hin barbaachifne, dhiheessaa tajaajilaa tokkorraa kan biraatti ('Ethio-telcom irra gara SafariCom'tti) jijjiru ni dandeessisa.

Dhaabbanni CCS Insight jedhamu keessa kan hojjatan oggeessi teknolojii Keestar Maan jedhamuu, oomisha haaraa Aple beeksiisee kana hordofee ''SIM kaardii dhuma jalqabaati'' jedhan.

Hundi keenya SIM kaardii xiqqoo kana dhiisuu yeroo itti dandeenyu waggaa meeqaa akka fudhatu ammalleen ganaa ifa miti.

Gaaffiin gara biraa teknolojii kana waliin ka'u ammoo, haala bilbila keenya itti fayydamnu irratti jijjirama attami fida laataa kan jedhudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

SIM jechuun mojuulii fayyadamaa adda baasuuf tajaajilu jechuudha. Kaardiin kuUnis kan bilbila keenya galchuudhaan neetworkii dhiyeessaatiin waliitti hidhamuudha.

Kanaan kan ka'e bilbiluudhaaf, ergaa gabaabaa waliin erguu akkasumas daataa fayyadamuu ni dandeenya.

Waggaa dhihoon asiitti (eSIM)n akka filmaataatti kan dhufe yoo ta'u, bilbiloonni haaraan SIM kaardii barame ykn Isiimii fayydamuuf carraa qabu.

DHaabbanni Aple kan torban darbe keessa iPhone Air beeksiise bilbilli kunis eSIM qofaa akka fayydamu beeksiiseera.

Bilbilli Apple qalloo fi haaraan kun addunyaa guutuutti bilbila harkaa eSIM qofaa fayydame ta'uun gabaa irra oola.

Maamiltoonni Ameerikaatti bara 2022 irraa eegalee iPhone eSim qofa ta'e fayydamaa jiru.

Haata'u malee, Ayifooniin 'Sim card' guutummaatti fayydamuu dhiisuuf hin murteessine.

Ayifoon 17, 17 Pro, 17 Pro Max kanneen jedhaman, oomishaaleen Ayifoonii [Iphone] haaraan guutummaan eSIM fayydamu.

Haata'u malee, biyyoota biraatti SIM akka fudhatu gochuun gabaaf akka dhiyeessu dubbateera.

Oggeessoonni bilbila ismaartii gara kallattii haaraatti adeemaa waan ta'eef shakkii omaatuu hin qabnu jedhan.

Akka tilmaana dhaabbanni CCS Insight jedhamu ifa godheetti, bara 2024tti qofaatti bilbilawwan ismaartii eSIM biiliyoona 1.3 faayidaarra oolaniiru.

Lakkoofsi kun bara 2030tti gara biiliyoona 3.1 ni gaha jedhamee eegama.

Xinxalaan teknolojii PP Foresight Poowuloo Peeskaator ''ademsa keessa bilbilli SIM fudhatu guutummaan akka hafu eegaa'' jedhan.

Bilbila harkaa SIM

Madda suuraa, Getty Images

Faayidaan eSIM maaliidha?

Peskaator gara eSIM'tti jijjiramunsaa ''faayidaalee hedduu'' qaba jedhu. Ifatti kan mul'atu qafoo bilbilaa keessa eddoon akka jiraatu taasisuun isaa baatiiriin akka guddaa ta'uf ni gargaara.

Kana malee ammoo SIM kaardii pilaastikii fayydamuu dhiisuun naannoodhaaf faayidaa qaba kan jedhan yoo ta'u, namoonni gara biyya alaatti yoo dedeebi'an tajaajilawwan hedduu argachuudhaaf filmaata banuun baasii olaanaaf saaxilamu.

Kaastar Maan gamasaanitiin walitti dhufeenyi dhiyeessaan tajaajila haaraa fi maamilaa akka saffisuu amantaa qabu.

Fakkeenyaaf, odeeffannoo SIM kaardiisaanii barbaacha fageenya dheeraa deemuun tajaajila argachuuf qaamaan wal arguun hin barbaachisu jechuudha.

Fayyadamtootaaf kan yeroo fi maallaqa isaanii qusatu yoo ta'u, faayyidaa olaanaa qabaachu mala.

Haata'u malee, akkuma jijjirama kamiitu, namoota hundaan fudhatama argachuu dhiisuu danda'a.

''Jijjiramnichi keessattuu namoota umuriidhaan jaaraniifi namoota baayyee teknolojiitti fayydamuu hin barbaadneef faayidaa qabatamaa qaba. Dhaabbatichi garuu eSIM attamiin akka hojjatu sirriitti hubachiisu qabaata'' jedhan.