Korri falmisiisaa TPLF Getaachoo Raddaa aangorraa kaase, Dabaratsiyoon irra deebiin filate

Dabratsiyoon Gabramikaa'el

Madda suuraa, TPLF

Korri waliigalaa 14ffaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay(TPLF) falmisiisaa ta'e har'a xumurame.

Walgahiin torbee darbe eegalee gaggeeffamee ture Wiixata waaree booda wayita goolabamu miseensota koree giddu galeessaa ifatti filateera.

Obbo Amanu'eel Assaffaa itti aanaa dura taa'aa ta'uun bakka Pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa fi dura taa'aa itti aanaa dhaabichaa, Getaachoo Radddaa, filatamaniiru.

Aadde Fetlewerk Gebre-Egziabher, Liyaa Kaasaa, Teklay Gebremedhin, Dr Fissehaa Haftetsiyon, Dr Abrahaam Tekestee, Redaa'ii Berihee, fi Dr Solomon Kidaanee miseensota hojii raawwachiiftuu ta'aniiru.

Hooggansa dhaabichaa gidduu wal-qoodinsi dhalate hegeree dhaabichaa yaaddesseera.

Gareen Obbo Getaachoo Raddaan durfamu ''Tigraay baraaruu'' mata duree jedhuun walgahii guyyaa tokko Dilbata gaggeessuun murteen kora waliigalaa irratti darbu kamuu fudhatama kan hin qabne ta'uu beeksisee ture.

Konfiraansiin guyyaa tokkoof ture kun kaleessa ibsa ejjennoo qabxii 10 qabu baasuun goolabame.

Obbo Geetaachoon pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay waan ta'aniif qoqqoodinsi kun walitti bu'iinsa uumuu danda'a jedhamee sodaa guddaatu ​​jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Korri waliigalaa kun gaggeessaa ittaanaa TPLF Obbo Getaachoo Raddaafi gaggeessitoota dhaabbichaa olaanorraa mormiin mudatus Kibxate darbe, Hagayya 13, irraa eegalee guyyoota torbaaf taa’amaa ture har’a xumuramee jira.

Dhaabichi kora har’a waaree booda xumureen akka beeksisetti miseensota koree giddu galeessaa 45fi miseensota komishinii to’annoo 9 filateera.

Murteen TPLF kun Boordii Filannoon Biyaalessaan beekamtii hin qabne kun garaa garummaa TPLF keessatti dhalate caalmatti kan hammeessudha.

Baniinsa kora waliigalaa TPLF irratti Dr. Dabratsiyoon haasaa taasisaniin, “Gareen badii nu keessatti wal-hore sochiin inni taasisu haala paartichi keessa jiru gara hamaatti akka hin geessineef” kora gaggeessun furmaata filannoo hin qabne ta’uu dubbatanii ture.

Pirezidaantin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay gamasaanin korri TPLF garee Dr. Dabratsiyoonin gaggeeffamu “qaama alaan kan deeggarameedha” jechuun murteen korichi dabarsu fudhatama akka hin qabne dubbatan.