Gareen Obbo Geetaachoo Raddaa ''TPLF baraaruu'' jechuun marii eegale

Gareen Obbo Geetaachoo Raddaan durfamu walga'ii eegale
Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Obbo Geetaachoo Raddaan durfamu walga'ii eegale

Korri Dura Taa'aa Itti Aanaa TPLF fi Pirezidantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan waamame fi ''TPLF baraaruuf'' jedhame magaalaa Maqaleetti jalqabameera.

Korri Dilbata har'aa, Hagayya 18, 2024, galma bulchiinsa magaalattiitti eegale kun mata duree ''TPLF baraaruuf hojiin madaalu hojjetamuu qaba'' jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu gabaasaan BBC Maqalee jiru gabaaseera.

Kora ''TPLF baraaruu'' kanarratti miseensonni koree giddugaleessaa 17 ta'an akkasumas miseensonni koree to'attootaa hirmaataa jiru.

Obbo Geetaachoo Raddaafaa kora kana gaggeessuu kan eegalan, erga korri garee dura taa'aa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamuuun taa'amaa jiru Obbo Geetaachoo fi miseensota koree giddugaleessaa dhaabichaa 17 ugguree booda.

Waggoota hedduuf siyaasa Itoophiyaa keessatti ga'ee olaanaa qabaachaa kan ture TPLF atakaaroo hooggantoota isaa gidduutti dhiheenya kana uumameen qoqqoodiinsi paarticha keessatti dhalateera.

Wantoota aanga'oota gidduutti qoqqoodiinsa uuman keessaa inni ijoon waa'ee galmaa'uu paartichaati.

Kanaan walqabatee korri taa'amaa jirus sababa qoqqoodiinsaa isa ijoodha.

Gareen dura taa’aa TPLF Dabratsiyoon Gabra mikaa’eliin durfamu fedhii fi beekamtii Obbo Geetaachoo Raddaa malee kora dhaabichaa 14ffaa gaggeessaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miseensonni koree giddugaleessaa fi komishinii to‘annoo dhaabichaa kora Dabratsiyoonfaarratti hin argamin hafan paarticha keessatti miseensummaan itti fufuurraan kann hafe aangoo tokkollee qabaachuu akka hin dandeenye ibsa Sambata kaleessaa, Hagayya 17, 2024, ba’e keessatti eerameera.

Kora waliigalaa TPLF gidduutti wolqoqqooduu uume kanarratti Obbo Geetaachoo dabalatee miseensonni koree giddugaleessaa dhaabichaa 17, komishinii to'annoo dhaabichaa, aanaaleen kibbaa fi kibba baha Tigraay, kutaaleen magaalaa bulchiinsa magaalaa Maqalee hedduun hin hirmaanne.

Haata'u malee hooggantoonni kora kanarratti argaman ibsa baasaniin, miseensonni koree giddugaleessaa kora waliigalaa kanarraa hafan aangoosaaniirraa akka kaafaman eeraniiru.

Obbo Geetaachoon erga oduun kun dhagamee booda ibsa kennaniin hooggantoonni kora kana gaggeessaa jiran tarkaanfii garaagaraa fudhachuu danda'u jedhan.

Akka Obbo Geetaachoon jedhanitti hooggantoonni olaanoon TPLF afur ''qaama alaa duubaan isaan deeggaru, utubaa nuuf ta'a jedhanii abdachuun,'' korri akka gaggeeffamuuf murteessan ''gara rakkoo hamaatti nu oofa,'' jechuun akeekkachiisan.

''Walga'ii siyaasa daddaaqame bakkatti deebisuuf murteessaa ta'e''

Obbo Geetaachoon walga'iin Dilbataa har'aa, Hagayya 18, 2024 waaman kanaan daddaaqama siyaasaa TPLF keessatti mudatee fi atakaaroo naannocha keessatti mul'ate kara sirriitti deebisuuf furmaata yeroosaa eeggatee fi murteessaa ta'eedha jedhan.

Obbo Geetaachoon ''nageenyi uummata keenyaaf murteessaa waan ta'eef nagaaf hojjechuun ala filannoo biraa hin qabnu,'' erga jedhanii booda ganamaa fi galgala waan xiqqoos guddaas ajandaa godhachuun dubbii soqanii waraana kaasuuf deemuun sirrii miti jedhan.

''Qaamni waraana nurratti yaadu yoo jiraate qophaa'uu dandeenya,'' jedhan.

Mootummaa federaalaatti maxxananiiru jedhamuun garee Dabratsiyoon irraa qeequmsi kan irratti ka'u Obbo Geetaachoo Raddaa ''namni qaama kamiifuu jilbeenfate hin jiru. Nageenyaan ala filannoo biraan waan hin jirreef hanga danda'ametti garaagarummaa keenya karaa nagaan haasa'uun furuu qabna,'' jedhan.

Wayita Obbo Geetaachoonfaa walga'ii kana galma bulchiinsa magaalaa keessatti gaggeessan, korri 14ffaa TPLF ammoo galma wareegamtootaa keessatti gaggeeffamaa jira.

TPLF gidduutti dhibdee kan uumme tokko kora kana. Obbo Geetaachoon korri kun seera ittiin bulmaataa TPLF fi seerota biyyattii kaan kan hin kabajne akkasumas haala qabatamaa naannoo Tigraay ilaalcha keessa kan hin galchinedha jedhan.

Gareen Dabratsiyoon ammoo rakkoo siyaasaa fi hawaasummaa TPLF fi naannoo Tigraay keessatti dhalate furuuf korri kun murteessaadha jedhu.