Qondaalonni olaanoo TPLF maalirratti wal dhabaa jiru?

Yaa’iin TPLF 14ffaan magaalaa guddoo Tigraay Maqaleetti Kibxata darbe eegalame guyyaa sadiif taa’amaa jira.
Mariin kun ammallee ijoo ta’ee ittifufeera.
Pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa fi ittaanaa dura taa’aa paartichaa Obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensonni koree giddu galeessaa dhaabichaa 17 ol bakka bu'oota kutaalee Tigraay biroo wajjin yaa’ii kanarratti hirmaataa hin jiran.
Ofii TPLF yaa’ii hoggantoonni dhaabichaa olaanoo fi Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin fudhatama hin arganne taa’uuf maaliif ariifate?
Dura taa’aan paartichaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’el yaa’icharratti haasaa baniinsaa wayita dhiyeessan TPLF waliigaltee Piritooriyaa mallatteesse, ‘’seera qabeessummaa paartichaa haaluun waliigalticha cabsuudha. Kun Ummata Tigraayis akka diinatti akka kennuutti ilaalama" jedhanii turan. Akka Dabratsiyoon jedhanitti, dhaabicha baraaruuf" yaa’icha taa’uun barbaachise.
TPLF yaa'ii kana gaggeessuurratti akkuma dhiibbaan keessoo itti cime MM Abiy Ahimadiifi dhaabbilee federaalaarraa mormiin isa mudateera. Dhimmii seera qabeessummaa dhaabichaas qormaata biraa ture.
Aangoo wal saamuu
Qormaanni TPLF mudate seera qabeessummaa paartichaa ilaalchisee alaarraa mudate qofa miti, wal-dhabbii fi wal qoodinsa hoggantoota olaanoo dhaabichaa osoo hin furiin ariitiin kora taa’aa jiru.
Waldhabdee bulchiinsa yeroo fi waajjira TPLF gidduutti hammaataa hordofee paartiin Itoophiyaa ganna 30tti dhiyaatuuf olaantummaan bulchaa ture "kufuuf dhihaate" kan jedhanis jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maddeen hoggansa kana keessa beekan BBC Tigrinyaatti akka himanitti ''ajandaan ummataa'' gartuu lamaan waldhabsiisu hin jiru.
Akka namni keessaa beekani fi maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko, garaagarummaan kun irra caalaa aangoorratti waldhabuu itti gaafatamaa waajjira TPLF Obbo Alam Gabrawid fi dura taa'aa ittaanaa paartichaa Obbo Geetachoo Raddaarraa madde.
Obbo Geetachoon Pirezedantii yeroo naannicha ta’anii mudamu hordofee mormiin dhalate waliigalteen Piritooriyaa mallatta’uu boodas ittifufe.
Koree Giddugaleessaa TPLF’n pirezidantii naannichaa akka ta’an kan filataman, Obbo Geetachoon xalayaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin bulchiinsa yeroo naannichaa ta'uun ifatti muudaman.
Sana booda waajjirri TPLF, "Hoji-raawwachisaa diinaati, diinota, ergamaa diinaati, nu gane’’ jedhanii maqaa balleessaa akka turan keessa beekaan kun dubbataniiru.
Obbo Geetaachoo Raddaa kanaan dura "walgahii caasaa paartichaa sadakaa gadii waliin taa’anirratti maqaa nu balleessaa" jechuun nu himatanii turan.
Buqqaatota deebisuu fi dhimmoota ummataa biroorratti akka xiyyeeffatanii hin hojjenne gufuu itti ta’uu dubbatanii turan.
Bulchiinsa yeroo caasaa bulchiinsaa naannichaa sadarkaa gadaanu -aanaa fi gandaa bira gahuu dadhabu himatanii turan.
Akka maddeen BBC ibsanitti akka hooggantoota TPLF duraanii birootti caasaa ciimaa waan hin qabneef, wanta barbaadan raawwachuu hin dandeenye.
Keessa beektonni akka jedhanitti yoo tahe gareen wal gahii gaggeessaa jiru garee Obbo Getaachoo Raddaa f’aan hogganamu akkuma bara 1993 yeroo qoqqoodinsi keessoo TPLFtti mudate sana maqaa ''gartuu qoodinsaa'' jedhu itti kennuun paarticha keessaa baasuuf kan gaggeeffamaa jiru tahuu himan.
kora gaggeessaa jiraniin ''Keessoo paartichaa qulqulleessuuf'' oolanii osoo hin buliinkan hojjetan ta'uunis ibsameera.
Dabretsiyoon G/Mikaa’el ‘’dhaaba keenya keessatti diina wal horee dagaage’’ jechuun garee Getaachoo fa’aa ibsuun furmaanni ‘’kutanii gatuu’’ furmaata tokkicha jirudha jechuun haasaa baninsaa kora kanaa irratti dubbachuu isaanii maddeen himaniiru.
Akkasumas ''haaloo nutti qabataniiru'' jechuun Itaamajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii Jeneraal Tsaadqaan G/Tinsaa’ee ammo haaluma kamiinuu gara aangootti akka hin dhufne duula irratti gaggeessaa jiraachuu maddeen BBCtti himaniiru.
Balaa dhufuu malu
Wal dhabdee gaggeessitoota naannichaa gidduutti dhalate hordofee humni hidhate gidduugaluu danda’a sodaan jedhu jiraatus, Itti Aanaa Pirezidaantii naannichaa fi hogganaa Humna Nageenyaa naannichaa kan tahan jeneraal Taaddasaa warradee garuu humni hidhate dhimma siyaasaa keessa osoo hin galiin hojii isaa bahachuu qaba jechuun ibsa baasan.
Haa tahu malee, Ministirri Komunikeeshinii mootummaa federaalaa Dr Laggasaa Tulluu fuula Feesbuukii isaanii irratti, ''TPLF waliigaltee Piriitooriyaa cabsuun yeroo sadaffaaf dogoggora hojjeteera'' jedhan. Kun ammoo haalichi yoo hammaate garamitti geessuu danda’a yaada jedhu kaaseera.
Wal qoodinsa hoggantoota TPLF gidduutti mudate hordofee tarkaanfii mootummaan federaalaa fudhachuu danda’u irratti humni nageenyaa Tigiraay ejjennoo akkamii fudhachuu danda’u kan jedhu beekuun hin danda’amne. Kun ammoo gara wal dhabdee fi waraana marsaa biraatti geessuu danda’a sodaa jedhu fideera.
Atakaaroon hoggantoota TPLF gidduu ji’ootaaf ture amma ifa kan bahe yoo tahu, ''faayidaa uummata Tigiraay dabarsee kan kennu, miidhaa guddaa uummata Tigiraay irra sababa waraanaan gahe kan hin bayyaannachiifne, miidhaa dinagdee fi xiinsammuu keessaa akka isaan hin baane kan godhu,'' tahuu qondaalli TPLF keessa beekan tokko himaniiru.












