Bulchiinsa yeroo harkaa aangoo butuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan

Dura taa'aa ittaanaa TPLF fi Pirezidantii bulchiinsa yeroofii naannoo Tigraay kan ta'an Obbo Geetaachoo Raddaa, gareen hoogganaa paartichaan durfamu bulchiinsa yeroo harkaa aangoo butachuuf akka jiru ibsan.
Korri TPLF gaggeessaa jiru beekamtii boordii filannoo kan hin qabneefi naannocha rakkoo hamaaf kan saaxilu ta'uu dubbatan.
Gaggeessitoonni kora kanaa aangoo bulchiinsa yeroo harkaa butachuuf shira xaxaa jiraachuus ibsan.
Kibxata darbe (Hagayya 14, 2024) irraa eegalee magaalaa Maqaleetti kora 14ffaa gaggeessaa kan jiru TPLF, Obbo Geetaachoo hooggansarraa kaaseera.
Obbo Geetaachoon erga oduun kun dhagamee booda ibsa kennaniin hooggantoonni kora kana gaggeessaa jiran tarkaanfii garaagaraa fudhachuu danda'u jedhan.
Akka Obbo Geetaachoon jedhanitti hooggantoonni olaanoon TPLF afur ''qaama alaa duubaan isaan deeggaru, utubaa nuuf ta'a jedhanii abdachuun,'' korri akka gaggeeffamuuf murteessan ''gara rakkoo hamaatti nu oofa,'' jechuun akeekkachiisan.
Obbo Geetaachoon ibsa gaazexeessitootaaf kennuusaanii dura hooggantoonni kora kanarratti argaman ibsa baasaniin, miseensonni koree giddugaleessaa kora waliigalaa kanarraa hafan aangoosaaniirraa akka kaafaman eeraniiru.
Kora waliigalaa TPLF gidduutti wolqoqqooduu uume kanarratti Obbo Geetaachoo dabalatee miseensonni koree giddugaleessaa dhaabichaa 17, komishinii to'annoo dhaabichaa, aanaaleen kibbaa fi kibba baha Tigraay, kutaaleen magaalaa bulchiinsa magaalaa Maqalee hedduun hin hirmaanne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa ibsa kennaniin korri gaggeeffamaa jiru seera ittiin bulmaataa TPLF fi seerota biyyattii kan hin kabajne akkasumas haala qabatamaa naannoon Tigraay keessa jirtu ilaacha keessa kan hin galchinedha jechuun qeeqaniiru.
Korri kun fedhii miseensota koree giddugaleessaa fi koree hoji-raawwachiistuu muraasaan gaggeeffamaa jira kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''korri kun kan hooggantoonni Tigraay balaa hamaa keessa akka seentuuf ga'ee olaana agumaachan gara aangootti deebi'uuf itti fayyadamaa jiraniidha,'' jedhan.
Korri kun eegalamuu dura boordiin filannoo xalayaa TPLF'f barreesseen adeemsichi karaa seera qabeessa ta'e kan hin hordofne ta'uu beeksiseera.
Obbo Geetaachoonis korri kun kan miseensota TPLF hundaa miti jechuun ''mootummaan federaalaa waan jedheef qofa osoo hin taane seerota ittiin bulmaataa paartichi ittiin taliigamus waan faallessuuf,'' jedhan.
Korri erga Maqaleetti eegalee guyyaa ja'affaasaa qabate kun ''akka hin hojjenneefi homaa buusuu akka hin dandeenye hubanneerra'' kan jedhan Obbo Geeraachoon, korri kun karaa faallaa seeraan kan aggeeffame ta'us rakkoon hin malle akka hin dhalanneef jechuun koricha dhorkuu akka hin barbaanne ibsan.
Aanga'oonni TPLF korri kun akka gaggeeffamu cichan kunneen duubasaaniitii humna abdatan qabu kan jedhan Obbo Geetaachoon bulchiinsa yeroo hoogganaa jiran harkaa aangoo butuuf shirri garaagaraa akka gaggeeffamu ni eegna jedhan.
Waraana waggaa lamaa booda waligaltee Piriitoriyaatti irra ga'ame hordofee kan hundaa'e bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay mootummaa federaalaa irraa deeggarsaa fi dirqama ajaja fudhachuus qaba.
Obbo Geetaachoo Raddaa ibsa gaazexeessitootaaf kennan keessatti deddeebi'anii akka dubbatanitti gareen Dabratsiyoon Gabramikaaeliin durfamu bulchiinsa yeroo dura kan dhaabbatu yoo ta'e dubbiin bifa biraa qabatee as ba'uu danda'a.
Haalli kun mootummaa federaalaas burjaajii keessa galchuu danda'a.
Hanga ammaatti humnoonni nageenyaa Tigraay garee kamuu waliin osoo hin dhaabatin walaba ta'anii jiraachuu wantoonni mul'isan jiru.
Humni nageenyaa kun garee tokko qofa waliin dhababachuun yoo dhufe garuu atakaaroo TPLF gidduutti dhalate kana akka malee hammeessuun kallattii hin taanetti oofuu danda'a.
Sababa kanaaf humnoonni nageenyaa naannoo Tigraay qaamolee aangoo barbaacha atakaaroo uumaa jiraniif meeshaa ta'uurraa akka of qusatan Obbo Geetaachoon akeekkachiisaniiru.












