Kora falmisiisaa TPLF har'a eegalerratti hanga yoonaa waan beeknu

Kora TPLF Maqaleetti eegale
Ibsa waa'ee suuraa, Kora TPLF Maqaleetti eegale

Korri TPLF har'a (Kibxata, Hagayya 13, 2024) ganama taa'amuuf ture barfatee magaalaa Maqalee keessatti eegaleera.

Beekamtiin duraanii akka deebi'uuf Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin atakaaroo keessa kan jiru TPLF, har'a ganama sa'atii 3:00 irraa eegalee kora gaggeessuuf karoorsee ture.

Aanga'oonni mootummaa yeroo Naannoo Tigraay BBCn dubbisee fi maqaasaanii ibsuu hin barbaanne ''hirmaattonni kora kanaa ganama gara galma walga'ii dhufan ofirraa akka deebi'anii fi waaree booda sa'aatii 9:00 irratti akka deebi'an itti himameera. Waaree booda sa'aatii 9:00 irrattis maaltu akka mudatu hin beekamu,'' jedhan.

TPLF gamasaan korri karoorfame akkaataama karooraan Kibxata waaree booda akka eegalu Feesbuukii isaarratti ibseera.

Miseensotaafi hogganooti TPLF yaa’ii kanarratti hirmaatan naannoo garagaraa irraa gara Maqalee galuun walga'icha eegalaniru.

Gama biraan dura taa’aa ittaanaa dhaabichaa dabalatee miseensonni koree gidduugalaa 17, koomishiniin to’annoo dhaabichaa, aanaalee kibbaa fi kibba baha Tigraayi akkasumas kutaaleen magaalaa Maqalee yaa’ii kanarratti akka hin hirmaanne ibsaniiru.

TPLF haala addaan galmaa’uu akkasumas waraqaan ragaa seera-qabeessummaa kennuu kan beeksise Boordiin Filannoo Itoophiyaa, boordichi otoo hin beekiin akkasumas taajjabdoonni bakka hin jiretti yaa’iin waliigalaa adeemsifamuu akka hin dandeenye beeksiseera.

Yaa’iin waliigalaa eeyyama boordiin ala yoo adeemsifame yaa’iichaafis tahe murtoo darbuuf beekamtii akka hin kennine, yaa’ii kanaan guyyaa tokko dura A.L.I gaafa 6/2016 xalayaa TPLF’f barreesseen beeksiseera.

Paartichi kan hogganamu qajeeltoo siyaaasa filannoo, galmee paartilee fooyya’een akkasumas murtoo boordiin akka tahe ibsuun, yaa’iin waliigalaa taasifamuun torbee sadii durse beeksisuufi taajjabdoonni yaa’ii kanarratti argamuun murteessaa dha jedheera.

Haala adda taheen galmaa’uu kan hin fudhanne TPLF gaaffiin dhiyeessine seera-qabeessummaan isaa akka deebi’u tahuufi deebiin kenname garuu kan biraa tahuu himeera.

Kora TPLF
Ibsa waa'ee suuraa, Kora TPLF
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

TPLF Labsiin fooyya’insa Galmee Paartilee fi Naamusaa Boordii Filannoo Biyyaalessaan xumura ji’a Caamsaa keessa ragga’e, akka qaama seerummaa paartichaa hin deebisneef waan mirkaneeffateef, dhimma kana irratti hoggantoonni paartichaa olaanoon MM Abiyyii fi hoggantoota federaalaa biroo waliin mari’achuun beekamttiin qaama seerumaa paartichaa akka deebi’uuf waliigalameera jedhe.

Akkasumas marii Paanaalii Gamtaa Afrikaa irratti beekamtiin qaama seerummaa paartichaa akka deebi’uuf waliigalameera.

Haa tahu malee boordichi labsii Galmee paartilee fi naamusaa fooyya’ee bahe irratti hundaa’uun deebii kenneen gaaffii dhiyaate hin fudhadhu jedhe.

TPLF gaaffiin boordii filannoof dhiyeesse fudhatama hanga argatutti akkaataa danbiin ittiin bulmaata paartichaa eeyyamuun akka hojjetu ibsuun, mootummaan federaalaas tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatu waamicha godhe.

Kun Kanaan osoo jiruu Bulchaan Yeroofii fi Itti Aanaan Paartii TPLF Obbo Getaachoo Raddaa iyyanni beekamtiin qaama seerummaakoo naaf haa deebi’u jechuun boordichatti gale Koree Gidduugaleessaa irraa beekamtii hin qabu jedhan.

TPLF qaamni seerummaaasaa duraanii akka deebi’uuf boordii filannoof gaaffii kan dhiyeessu ta’us, akkaataa labsii boordii filannoo haareffameetin seerri deggaru waan hin jirreef, gaaffin TPLF deebii akka hin arganne ibsamee ture.

Kora walii galaa qopheessuufi beekamtii duraanii argachuurratti gaggeessitoota TPLF gidduutti garaa garummaan jiru babal’ataa deemeera.

Kanarraa ka’uun gaggeessaa TPLF kan ta’an Dr. Dabaratsiyoonifi ittaanaa gaggeessaa TPLF fi pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay kan ta’an Obbo Getaachoo Raddaa gidduutti muddamni hammaatera.

Gareen TPLF Dr. Dabratsiyoonifi Fatilawarq Gabra Igzaabeerin durfamu qaamni seerummaa TPLF haqame iddootti akka deebi’uufi korri walii galaa akka gaggeeffamu barbaadu.

Gama biraan ammoo gareen Obbo Getaachoo Raddaafi Pirofeesar Kindiyyaa Gabrahiwoot of keessatti hammate korri walii galaa TPLF amma akka gaggeeffamu hin barbaadan.

Gaaffii beekamtii TPLF deebisuu boordii filannoof dhiyaate ilaalchisees beekamtii koree giddu galeessaa malee raawwate jechuun “keessaa hin qabnu” jechuun beeksisan Obbo Getaachon.

Korri walii galaa TPLF miseensonni koree giddu galeessaa itti filamamu gaggeeffamu kanaan Obbo Getaachoo Raddaa miseensummaa koree giddu galeessaa keessaa haqamuu danda’u jedhamaa jira.

Pirezidaantii ittaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayifi itti gaafatamaa dhimma nageenyaa naanichaa kan ta’an Jeneraal Taaddasaa Warradaa nageenya uummataa eeguf jecha hirriirri deeggarsaas ta’ee mormii naannichatti yerodhaaf akka hin gaggeeffamne ibsaniiru.