Lammiileen Itoophiyaa Saawudiitti duuti itti murtaa’e mootummaan lubbuusaanii akka oolchuuf gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Godaantoonni lammiilee Itoophiyaa Kibba Saawudi Arabiyaa duutii itti murtaa’e mana hidhaa Naajiraan keessatti argaman mootummaa jidduugalee lubbusaanii akka oolchuuf gaafatan.
Mana hidhaa sana keessaa hanga ammaatti lammiileen Itoophiyaa lama humnoota Saawudiitiin ajjeefamuufi kan hafanis du’asaanii eeggataa jiraachuu kanneen duuti itti murtaa’e lama BBCtti himan.
Lammiileen Itoophiyaa duutii itti murtaa’ee mana hidhaa keessatti argaman kunneenis gara 47 akka ta’an bilbilaan BBCtti himaniiru.
‘‘Yoom akka ajjjeefamnu beeku baannulleen duuti nutti murtaa’era. Har’a haata’u boru akka ajjeeffamnu hin beeknu. Baayyee sodaanneera. Maaliif akka duuti nutti murtaa’es hin beeknu. Daangaa seeraan ala qaxxaamurteettan jedhame. Ergan hidhamees waggaa shaniifi baatii shan ta’eera’’ jechuun baqataan kun sodaa keessatti argaman BBCtti kan hime.
Yoo duutii itti murtaa’u dhugaa ta’e jedhanii akka hin yaadne kan dubbatu baqataan kun, torban darbe hidhamtonni lammii Itoophiyaa lama ajjeefamuusaanii hordofee ‘‘carraan keenyas du’a akka ta’e barre,’’ jedha.
‘‘Du’aafi jireenya jidduutti argamna. Erga ijoolleen sun ajjeefamanii booda rafnee hin beenku’’ jechuudhaan, ‘‘mootummaan keenya dhimmicha akka nuuf dhagahu barbaadna,’’ jechuun gaafata.
Waa’ee hidhamtoota Itoophiyaa achitti argamanii ilaalchisee ‘‘imbaasiin Itoophiyaa achitti argamu nu gaafatee hin beeku’’ jechuun hima.
Lammiin Itoophiyaa mana hidhichaatti duuti itti murtaa’e kan biraas, ‘‘miirri mana hidhaa kana keessa jiru kan nama dhiphisuudha. Sodaanneerra. Polisiin waraqaa qabatee gara mana hidhichaa yeroo dhufu hunda nu fudhachuuf jennee sodaanna.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Galgalas ta’e ganama yoo dhufan ni naana. Amma du’a eeggataa jirra. Omaa gochuu hin dandeenyu. Du’uun keenya waan hin olleedha’’ jechuun gadda cimaan dubbatte.
Hedduun isaanii kan duuti itti murtaa’e balleessaa maleedha kan jedhu namni kun, mootummaan Itoophiyaa mootummaa Saawudii walin dubbatee akka isaan baraaru gaafateera.
Baqattoonni kunneenis gara maatiisaaniitti bilbiluudhaan mootummaan Itoophiyaa aanga’oota mootummaa Saawudii waliin akka dubbatuuf dhiibbaa akka taasisaniif gaaffii akka dhiyyeessan dubbachu himan.
‘‘Gara biyyaatti bilbillee maatiin keenya mootummaa Itoophiyaa bira deemuun mootummaa Saawudii waliin akka dubbatuuf nu gaafatanii turan. Akka waliin haasa’anis waadaa yoo galaniif maatiin deebi'an. Akka furmaata argannu maatii keenyaaf waadaa seeananii turan garuu nuti furmaata hin arganne’’ jedhan.
Itti dabaluudhaanis ‘‘namoonni bayyeen duuti itti murtaa’eera. Hanga ammaattis lama ajjeefamaniiru. …Qoricha sammuu hadoochu galchitan jedhamaniiti kan himataman. Mootummaan Itoophiyaa jidduu seenee mootummaa Saawudii waliin dubbatee nu haa baraaru. Kan himataman sobaanidha. Badii malee ajjeefamaa jiru,’’ jechuun BBCtti himan.
Haala akkasiitiin adabbii du’aa raawwachuun waan haaraa eegalame ta’uu kan ibsan baqattoonni BBCn dubbise kunneen, kanaan dura adabbiin du’aa kan hojiirra oolfamu kanneen ajjeechaa namaatiin himataman qofaarrattidha jedhan.
BBCn adabbii du’aa raawwatame kana ilaalchisuun yakka akkamii raawwatanii akka ta’e adda baasuudhaaf aanga’oota Saawudii irraa mirkanneeffachuu hin dandeenye.
Saawudi Arabiyaatti qoricha sammuu hadochuun wal qabatee ajjeechaan manneen hidhaatiin raawwataman dabalaa dhufuun yaaddoo akka itti uume dhaabbilee mirga namoomaaf falman keessaa tokko kan ta'e marsariitii Kaayiroo Institiyuuti Foor Humaan Raayitis Istadii baatii Fulbaanaa keessa ibsa baaseen waamicha taasiseera.
Dhaabbileen kunneenis mana hidhaa Saawudii Taabuuk keessatti hidhamtoonni dhibbaan lakkaa’aman lubbunsaanii balaarra jiraachuu ibsee, Amajjii darbe irraa kaasee sirreeffamtoonni saddeet du’aan adabamuu ibseera.
Biyyattii guutuu keessatti ammoo namoonni 42 daddabarsa qoricha sammuu hadoochaniin wal qabatee addabbiin du’aa irratti raawwtameera.
Dhaabbileen mirga namaatiif falmanMinisteera dhimma biyya keessaa Saawudii waabeefachuudhaan barreeffama maxxanseen, ammaan tana namoonni qoricha sammuu hadoochuun wal qabatee du’aan adabamaa jiran lammiilee Itoophiyaa, Masrii, Sooriyaa, Sudaan, Yaman, Naayijeeriyaa keessatti argamu jedheera.
Saawudi Arabiyaan namoota du’a itti murteessite ifatti beeksiisuu baattuulleen kan qoricha sammuu hadoochuu ta’na waliin wal qabee himannaan irratti baname dhibbaan lakkaa’aman lammiileen biyyoota garaa garaa hidhaarratti argamu.
Saawudi Arabiyaan namoota qoricha sammuu adoochan wal qabatee himannaan irratti dhiyaate du’aan adabuu bara 2020tti dhaabdee turte.
Waggaa lamaan dura ilmi mootii Mohaammad Biin Saalmaan addabbiin du’aa yakka ajjeechaa qofaadhaaf hojiirra akka oolfamu labsanii ture.
Haata’u malee baruma sana baatiiwwan muraasaan booda Saawudiin osoo sababii omaatuu hin kenniin namoota qoricha sammuu hadoochuun walqabatee himataman adabbiin du’aa akka irratti raawwatamu taasisuu eegalte.
Dhaabbileen mirga namoomaa akka barreessanitti Amajjii darbe irraa kaasee adabbiin du’aa %72 guddateera.
Torbanoota dhihoo keessatti baqattoonni lammiilee Itoophiyaa adabbiin du’aa irratti raawwatamu ilaalchisee yoo odeeffannoo qabaatamaan jiraate jedhee BBCn dhaabbilee mirga namoomaaf falman gaafatulleen hanga ammaatti odeeffannoon akka isaan hin qaqqabne ibsan.
Dhimma lammiilee Itoophiyaa kana ilaalchisuun Kibxata Onkololeessa 8, 2024 irraa kaasee ministira Dhimma Alaa itoophiyaatti bilbilaafi barreefamaan deebii argachuuf yaaliin taasise hin milkaa’iin hafe.
Saawudi Arabiyaa biyyi boba’aan badhaateetti lammiileen Itoophiyaa hedduun hojjatanii jireenyasaani jiijjirachuuf biyyoota Baha Jidduugaleessaa itti imalan keessaa tokkoodha.
Haata’u malee mootummaan Saawudi Arabiyaa yeroo garaa garaatti hayyama jireenyaafi hojii hin qaban jechuudhaan lammiilee Itoophiyaa hedduu haala baayyee rakkiisaa ta’efi maneen hidhaa namoonni itti baayyatan keessaa hidhaa jiraachu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Kanneen maneen hidhaa sana keessatti hidhamanii rakkoolee fayyaa garaagaraatiif saaximanis dubbisuun gabaasneera.
Hidhamtoonni kunneenis nyaataafi wallaansa gaha waan hin arganneef lubbuudhaan turuudhaaf haala baayyee rakkiisaa keessa jiraachu dubbatu.
Dhaabbiilee keessa tursiifaman keessattis sababii haala namoonni walitti baayyataniin tursiifamuun alattis eegdootaan dararaa fi reebiichi akka irratti raawwatamu dhaabbiileen mirga namaatiif falmu Humaan Raayitis Wooch ibsuun ni yaadatama.
Kanaanis reebiicha eegdoota maneen hidhaatiin sibiila gommaadhaan haguugameen irratti raawwatameen baqattoonni du’an jiraachu ibseera.
Kana malees lammiileen Itophiyaa biyya waraanaan raafamaa jirtu Yaman irraa gara Saawudiitti ce’uudhaaf yaalan hedduun eegdoota daangaa Saawudiitiin ajjeeffamusaanii dhaabbileen mirga namaatiif falman Dhaabbata Humaan rayitsi Woochu waabeefamuuch bara darbe gabaasa baasuun saa ni yaadatama.
Dhaabbiileen mirga namoommaa kunneenis irra jiraansaanii lammiilee Itoophiyaa kan ta’an baqattoonni hedduun ajjeechaan jumlaa daangaa irratti akka irratti raawwatame gabaasicha keessatti kaasee ture.
Gabaasichi daangaa Saawudiin Yamaniin ittiin wal daangeessan irratti poolisoonniifi loltoonni Saawudii rasaasaa fi fanjii dabalatee haala sukkanneessaa ta’en baqattoota akka ajjeessan dhugaa baatii baqattootaa qabateera.
Daangaaleerratti reeffi namaa ture, baqattoonni eegdoota daangaa Saawudiitin to’ataman miillisaanii kam yoo rasaasaan rukutame akka barbaadan gaafatamuu, akkasumas matarayeessiifi meeshaa waraanaa kaaniin baayyeensaanii jumlaadhaan ajjeesudhaaf faayidaarra oolfamu gabaasicha keessatti gadi fageenyaan kaa’ameera.
Gabaasni Humaan raayiti kunis dhuga baatii baqattootaa hedduu qabachun alatti ajjeechaawwan jumlaa kunneen bakki itti raawwatamanis suuraalee saataalaayitii agarsiisaniifi eddoowwan awwaalchaa yeroo kan hamate ture.
Kana malees gabaasichi baqattoonni namoota karaa seraan alaatiin namoota dadabarsaniin dabaalamanii gara daangaatti osoo hin geeffamiin dura waa’ee jidduugala turtii Monaabiih kan Yamaniitti argamuufi keessati hidhamanis kaaseera.












