Itoophiyaan lammiilee 'haala rakkisaa' keessa jiran 70,000 Sa'ud Arabiyaatii deebisuuf

Madda suuraa, AFP
Mootummaan Itoophiyaa 'marsaa sadaffaan' lammiilee Sa’ud Arabiyaatti danqaman 70,000 deebisuuf akka jedhu beeksise.
Lammiileen kuni ''haala rakkisaa'' keessa akka jiran Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.
Lammiilee biyyatti deebisuun torban lama keessa akka eegalu ibsameera.
Lammiileen jireenya wayyoo qabu barbaacha karaa seeraan alaa gara biyya boba’aan badhaate imalan hedduu mana hidhaa keessa jiru.
Manneen hidhaa kana keessattis sarbama mirgaaf akka saaxilaman irra deddeebiin ibsaa turan. Dhaabbileen mirgaas kanuma ibsaa turan.
Koree lammiilee kana deebisuuf hundaa’e Minister Di’eetaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Aadde Birtukaan Ayyaanootu hooggana.
Tumsa kana dhaabbileen isaan ilaallatu kaanis akka bira dhaabbatan Daarektarri Olaantuu Baqattootaafi Baqaarraa Deeebi’an Aadde Xayibaa Hasan dubbachuun isaanii ibsameera.
Sa’ud Arabiyaanis lammiilee alaa biyyashee karaa seeraan alaa seenan akka biyyaa bahan yookiin akka hidhaa seenan ibsiteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootumman Itoophiyaa koree biyyaalessaa lammileen Sa'ud Arabiyaatti godaanan deebisuufi erga deebiyanii boodammoo dandamachiisuuf hundeessee hojjechaa tureera,
Haaluma kanaan bara darbe keessa lammileen Itoophiyaa godaananii Sa'ud Arabiyaa turan kuma 131 deebisuu beeksiseera.
Lammileen biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiraniif xiyyeeffannoo kennuun godaantota fedhii isaaniitiin deebisuudhaaf mootummaan Itoophiyaa murannoo agarsiisuu isaa De''etaan Ministiraa Dhimma Alaafi walitti qabduun koree biyyaalessaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoo yeroo sanatti dubbataniiru.
Akka Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaatti (IOM) lammiileen Itoophiyaa 750,000 tilmaamaman Sa’udii Arabiyaa keessa jiru.
Kanneen keessaa walakkaa ol kan ta’an karaa seeraan alaa biyyattii seenan.
Akka dhaabbata IOM’tti Sa’ud Arabiyaan eega bara 2017’tii lammiilee Itoophiyaa 350,000 ol gara Itoophiyaa deebifteetti.
Lammiileen Itoophiyaa jireenya fooyyee qabu darbees walitti bu’iinsaafi waraana baqachuun wagga waggaan gara Sa’udi Arabiyaa imalu.
Haata’u malee, balaa adda addaaf saaxilamu.
Jibuutii gahuuf, eegasiis Galaana Diimaa qaxxaarumuun, Yaman keessa bahuun hanga Sa’udi gahanitti beela, bishaaniin liqimfamuu dabalatee du'aaf saaxilamu.
Godaantonni kana dura BBC'n dubbise ''reeffa lammiilee keenyarra tarkaanfachaa Saawudii seenne,'' jechuun himaniiru.
Waggaa duras daangaa Sa’udii irratti humnooti Sa’udii haleellaa raawwatan jedhameen lammiileen Itoophiyaa dhibbaan lakkaa’aman lubbuu dhabaniiru.
Ajjeechaa kanas mootummaan Itoophiyaa akka qoratu ibsuun isaa ani yaadatama.
Biyyi qabeenya boba'aafi zayita uumamaatiin badhaatuu taate Sa'ud Arabiyaa biyyoota Baha Giddu-galeessaa lammileen Itoophiyaa jireenya isaanii foyyeessuuf deemanii hojii barbaaddatan keessaati.
Haata'u malee, mootummaan Sa'ud Arabiyaa yeroo gara garaati biyyattii keessatti hayyama hojiifi jireenyaa hin qaban jechuudhaan lammilee Itoophiyaa manneen-hidhaa baayyee rakkisuufi muddamaan guute keessa akka tursiifaman taasifamuun rakkoo fayyaatiif akka saaxilaman yeroo gara garaa BBCn lammileen mana-hidhaa jiran dubbisee gabaasaa tureera.
Namoonni manneen-hidhaa Sa'ud Rabiyaa keessa jiran nyaataafi wallaansa fayyaa gahaa waan hin arganneef haala baayyee rakkisaa ta'e keessa akka tursiifaman himatu.












