Itoophiyaan lammiileeshee daangaa Sa’udiirratti ajjeefaman jedhaman ‘nan qoradha’ jette

Ajjeechaa lammiilee Itoophiyaa irratti naannoo daangaa Sa'udiitti raawwate

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Mootummaan Itoophiyaa ajjeechaa lammiilee isaa irratti humna eegdota daangaa Sa’udiin raawwate jedhame akka qoratu ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa karaa X [Twitter] har’a kenneen mootummaa Sa’udii waliin tahuun ajjeechaa lammiilee Itoophiyaa dhibbaan lakkaa’aman irratti raawwate jechuun Hiyumaan Raayitsi Waach baase akka qoratu ibse.

‘’Hanga qorannichi xumuramutti namuu yaada adda addaa kennuu irraa osoo of qusate gaariidha,’’ jedhe.

Kun erga dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Hiyumaan Raayitsi Waach ibsa, eegdotni daangaa Sa'udii lammiilee Itoophiyaa Yaman irraan gara daangaa isaaniitti ce'uuf turan irratti 'rasaasa roobsuun ajjeesan' jedhee baasuun booda dhagahame.

Mootummaan Sa’udii ibsa Hiyumaan Raayitsi kana haalee jira.

Mootummaan Ameerikaa ibsa Wiixata baaseen ajjeechaan eedgota daangaa Sa'udiin lammiilee Itoophiyaa irratti raawwate jedhame kun akka qoratamu gaafateera.

''Waa'ee himannaa dhiyaate kanaa irratti yaaddoo qabnu mootummaa Sa'udii waliin dubbanneerra,'' jedhe dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa US.

Qondaalonni Sa'udii qorannoo gadi fagoo fi iftoomina qabu akka gaggeessanii fi dirqama seera idil-addunyaa isaan irraa eegamu akka guutan gaafanna,'' jedhan.

Dabalataan eegdonni daangaa irraa gabaasicha keessatti eeraman mootummaa Ameerikaa irraa deeggarsa maallaqaas tahe leenjii homaa hin arganne jedhe.

Mootummaan Ameerikaa biyya boba'aa oomishuun beekamtu, Sa'udii waliin gama eegumsa nageenyaan hariiroo waggaa dheeraa qabdi.

Garuu bulchiinsi Joo Baayiden biyyattii qabinsa mirga namoomaadhaan hedduu qeeqa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

AFP'n akka gabaasetti, Dubbii Himaan UN, gabaasni Hiyumaan Raayits Waach, eegdonni daangaa Sa'udii godaantota Itoophiyaa daangaa ce'aa turan ajjeesuu himu''akkaan yaadessaadha,'' jedhe.

Itti dabaluun haalicha mirkaneessuun ulfaataa tahuus eerera.

Dubbii himaan UN Istiifen Dujaarik, waajjirri mirga namoomaa UN, dhimmicha quba qabaachuu himuun, qunnamtii namoota waliin akka qabanis ibsan.

Garuu waan daangaa irratti raawwate jedhame kana adda baasuun akka isaanitti ulfaate himan.

Lammiileen Itoophiyaa gama Yeman kan waraanaan miidhamtee irraa daangaa qaxxaamuruun gara Sa'udiitti seenuu yaalan hedduun eegdoota daangaa Sa'udiitiin ajjeeffamuu gabaasni dhaabbata Humaan Raayitsi Waach (HRW) beeksiise.

Dhaabbanni mirga namaaf falmu Hiyumaan Raayits Waach ibsa isaa kaleessa Hagayya 21, 2023 baaseen, godaantoota daangaa qaxxaamuruuf yoo yaalan eegdootaan ajjeeffaman keessaa irra jirreessi lammiilee Itoophiyaati.

Godaantonni qaamni isaanii sababa rasaasaan muramee akka jiranii fi reeffa namootaa daandii irratti hafe arguu isaanii BBCtti himaniiru.

Sa'udii Arabiyaan kanaan dura ajjeechaan karooraan raawwatameera jechuun himata irratti dhiyaate haaltee turte.

Gabaasni Hiyumaan RaayitsiWaach (HRW) mata duree They Fired On Us Like Rain (Rasaasa akka bokkaatti nurratti roobsan) jedhuun ba’e, godaantoti daangaa kaaba Yaman Sa’udii Arabiyaa waliin qabdu irratti, poolisii fi loltoota Sa’udiitiin rasaasaan rukutamuu fi yeroo tokko tokko ammoo meeshaa dho’uun akka irratti xiyyeeffatame irratti ragaa ba’uun waan dubbatan of keessaa qaba.

Godaantonni addatti BBCn dubbise yemmuu halkaniin daangaa qaxxamuruuf imalaa turanitti, dubartootaa fi daa’imman hedduu dabalatee lammilee Itoophiyaa hedduu jireenya isaanii fooyyesuuf jecha gara biyya boba’aan dureetti taatetti seenuuf yemmuu yaalanitti dhukaasi irratti banamuu himaniiru.

Dargaggeessi ganna 21 Musxafaa Soofiyaa Mohaammad, ''Dhukaasni utuu addaan hin citiin itti fufe,'' jechuun BBC'tti himeera.

Waxabajjii bara darbe keessaa gartuu godaantota 45 ta’anii utuu daangaa ce’uuf imalanii gariin isaanii dhukaasa irratti banameen ajjeefamuu isaanii himeera.

"Rasaasaan akkan rukutamellee hin hubanneen ture, garuu yeroon ol ka'ee deemuuf yaalu miilli koo gar tokko narra hin turre" jedha.