Godaantonni Itoophiyaa hedduun eegdoota daangaa Sa'udiin ajjeefaman - HRW

Lammiileen Itoophiyaa gama Yeman kan waraanaan miidhamtee irraa daangaa qaxaamuruun gara Sa'utiitti seenuu yaalan hedduun eegdoota daangaa Sa'udiitiin ajjeeffamuu gabaasni dhaabbata Humaan Raayitsi Waach (HRW) beeksiise.
Dhaabbanni mirga namaaf falmu Humaan Raayisi Waach ibsa isaa har'a Hagayya 21, 2023 baaseen, godaantoota daangaa qaxaamuruuf yoo yaalan eegdootaan ajjeeffaman keessaa irra jirreessi lammiilee Itoophiyaati.
Godaantonni qaamni isaanii sababa rasasaan muramee akka jiraanii fi reeffa namootaa daandii irratti hafe arguu isaanii BBCtti himaniiru.
Sa'udii Arabiyaan kanaan dura ajjeechaan karooraan raawwatameera jechuun himata irratti dhiyaate haaltee turte.
Gabaasni Humaan Raayitsi Waach (HRW) mata duree They Fired On Us Like Rain (Rasaasa akka bokkaatti nurratti roobsan) jedhuun ba’e, godaantoti daangaa kaaba Yaman Sa’udii Arabiyaa waliin qabdu irratti, poolisii fi loltoota Sa’udiitiin rasaasaan rukutamuu fi yeroo tokko tokko ammo meeshaa dho’uun akka irratti xiyyeeffatame irratti raagaa ba’uun waan dubbatan of keessaa qaba.
Godaantonni addatti BBCn dubbise yemmuu halkaniin daangaa qaxxamuruuf imalaa turanitti, dubartootaa fi daa’imman hedduu dabalatee lammilee Itoophiyaa hedduu jireenyaa isaanii fooyyesuuf jecha gara biyya boba’aan dureetti taatetti seenuf yemmuu yaalanitti dhukaasi irratti banamuu himaniiru.
Dargaggeessi ganna 21 Musxafaa Soofiyaa Mohaammad, ''Dhukaasni utuu addaan hin citiin itti fufe,'' jechuun BBC'tti himeera.
Waxabajjii bara darbe keessaa gartuu godaantota 45 ta’anii utuu daangaa ce’uuf imalanii gariin isaanii dhukaasa irratti banameen ajjeefamuu isaanii himeera.
"Rasaasaan akkan rukutamellee hin hubanneen ture, garuu yeroon ol ka'ee deemuuf yaalu miilli koo gar tokko narra hin turre" jedha.

Imala ji'a sadii balaa, beelaa fi dararaa daddabarsitoota Yamanii fi Itoophiyaatiin keessa darbanii, xumura irratti kan isaan eeggate waan jeequmsaan guutame ture.
Viidiyoon sa'aatii muraasa booda waraabame miilli isaa bitaa guutummaatti haala jechuun danda’amuun akka cite agarsiisa.
Miilli Musxafaa jilba isaa gadiitti irraa muramee, amma Itoophiyaatti deebi'ee maatii isaa waliin jiraachaa, kiraanchii fi miila namtolchee fayyadamee adeema.
"Jireenya maatii koo fooyyessuuf jechan gara Sa'uudii deeme,” kan jedhu abbaan ijoollee lamaa kun “ wanti ani abdadhe garuu hin dhugoomne. Amma abbaa fi haadhakootu waan hunda naaf godha," jedha.
Dirree ajjeechaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni lubbuun hafan tokko tokko mallattoo miidhaa xiinsammuu (trauma) agarsiisu.
Magaalaa guddoo Yaman keessatti Zaahraan, umurii ganna 18, waan uumame dubbachuunillee baayyee ishee rakkisa
Eenyummaa ishee eeguuf maqaa ishee isa dhugaa hin fayyadamnu.
Imalli ishee kaffaltiii uggurtootaaf kaffalamuu fi mattaa’aan gara doolaara 2,500 ishee baasise, daangaa irratti rooba rasaasa xumurame.
Rasaasni tokko harka ishee tokkora quba hunda fudhate. Waa'ee miidhaa ishee irra ga'e yemmuu gaafatamtu, achi garagaltee deebii kennuu hin dandeessu.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) akka jedhutti, waggaatti namoonni kuma 200 ol ta’an imala hamaa kanaan, galaanaan gaanfa Afrikaa irraa gara Yamanitti qaxxaamuranii, achiis Sa’udii Arabiya seeenuuf yaalu.
Dhaabbileen mirga namoomaa, namoonni hedduun imala isaanii irratti hidhaa fi reebichi akka isaan mudatu dubbatu.
Imalli galaanaarra qofti balaa guddaa qaba. Torban darbe qarqara galaanaa Jibuutiitti, dooniin tokko dhidhimee godaantonni 24 ol achi buuteen isaanii dhabamuu gabaafameera.
Yaman keessatti daandiiwwan godaantonni fayyadaman gurguddoon awwaala namoota karaa irratti du’aniin kan guutanidha.
Waggaa lama dura wiirtuu godaantota magaalaa guddoo biyyattii Sanaa jiru keessatti balaa ibiddaa uumameen godaantonni hedduun du’aniiru. Magaalaan kun finciltootaa Huutti jedhamaniin kan bulchamudha.
Miidhaan gabaasa HRW haaraa kan keessatti ibsame garuu guddinni fi uumamni isaa addadha.
''Wanti nuti galmeessine bu'uuraan ajjeechaa jumlaadha,'' jechuun barreessituu gabaasichaa Naadiyaa Haardmaan BBC'tti himteetti.
"Namoonni naannota akka dirree ajjeechaa ta’anitti ibsaniiru - reeffi tulluu hunda irratti faca'e jiru," jetti.
Gabaasni kun yeroo Amajjii – Waxabajjii 2022 kan hammate yoo ta’u, taateewwan gara garaa meeshaa dhohiinsaa 28 fi dhukaasa dhiyoo 14 bal’inaan kan ibsudha.
"Suuraalee fi viidiyoo sukkaneessoo namoota lubbuun oolan irraa nutti ergame dhibbaan lakkaa'aman argeera. Madaa rasaasaa fi dhohinsaa baay'ee sodaachisaa ta'e agarsiisu."
Fageenyi daandii qaxxamura daangaa fi namoota lubbuun hafan argachuun rakkisaa ta’uun isaa, namootni meeqa akka ajjeefaman sirriitti beekuun akka hin danda'amne taasisa jedhu barreessitoonni gabaasa kanaa.
''Yoo xiqqaate namoota 655 jenna, garuu kumaatamaan kan lakkaa'amu ta'uu hin oolu,'' jetti Hardmaan.
"Miidhaan raawwatame bal'aa fi karoorafamaa akkasumas yakka dhala namaa irratti raawwatamu ta'uu akka danda'u qabatamaan agarsiifneerra," jetti.
Gabaasni ajjeechaa humnoota nageenyaa Sa’uudiitiin daangaa kaabaa irratti raawwatame jalqaba kan ba’e Onkoloolessa darbe xalayaa ogeeyyiin UN mootummaa Riyaaditti barreessan irrattidha.
Oggeessotni kun "ajjeechaa bal'aa karoorfamaa fakkatu, ajjechaa qaxxaamura daangaa, meeshaa waraanaa gurguddaa fi xixiqqaa humnooti nageenyaa Sa'uudii godaantota irratti dhuukasu’ jechuun xalayaa isaanii irratti ibsaniiru.
Himannaan kun suukaneessaa ta'us, xalayaan kun baay'inaan osoo hin gabaafamin hafe.

Madda suuraa, MIIDIYAA HAWASUMMA
Waakkannaa Saawudii
Mootummaan Sa’uudii himannaa kana sirritti akka ilaalu ibsuun, ajjeechaan kun karooraa ykn bal’inaan kan raawwatamedha jechuun kan UN ibse garuu kuffiseera.
Mootummaan, "odeeffannoo daangeffamea kenname irratti hundaa'uun, aanga'oonni biyyatti odeeffannoo ykn ragaa himannaa kana mirkaneessu ykn dhugaa taasisu hin arganne" jechuun deebii kenneera.
Ji'a darbe garuu, dhaabbati kan toora qorannoo addunyaa Mixed Migration Centre, gaaffii fi deebii ofiin namoota lubbuun oolan waliin taasise irratti hundaa'uun, himannaa ajjeechaa daangaa irratti gabaasa dabalataa maxxanseera.
Gabaasni kun reeffa naannoo daangaa guutuutti faca’ee jiru, godaantotni booji’aman eegdota daangaa Sa’uudiitiin miilli kam rasaasaan akka rukutamuu barbaadan gaafatamuu, akkasumas qawwee maashinii fi mortaaraa garee namoota hedduu sodaa guddaa keessa jiran haleeluuf fayyadamamuu kan ibsedha.
Gabaasni Human Rights Watch irraa argame kun odeeffannoo bal’aan kan ibsame yoo ta’u, gabaasa namoota ijaan argan hedduu fi suuraa saatalaayitii bakka qaxxaamuraa ajjeechaa hedduun itti raawwatame jedhame, akkasumas iddoowwan awwaalchaa yeroof ta’an kan agarsiisudha.
Dabalataan gabaasni kun mana sireessaa Monabbih, Yaman keessa jiru, bakka godaantonni daddabarsitoota hidhataniin gara daangaatti osoo hin geeffamaniin dura itti hidhaman adda baaseera.
Akka godaanaan HRW dubbise tokko jedhutti, finciltoonni Huutii Yaman eegdota Monabbih kan ta’an yoo ta’u, daddabarsitoota kana waliin hojjetu.
Suuraan saatalaayitii dunkaana halluu arfaasee qabu, mooraa dallaa qabu keessaa walitti dhiyeenyaan guutame agarsiisa.

Awwaalcha haaraa
Gabaasni HRW kun taateewwan hanga ji'a Waxabbajii bara kanaatti raawwataman kan of keessatti yoo ta'u, BBCn ajjeechaan kun itti fufee akka jiru ragaalee argateera.
Magaalaa kaabaa Saadaatti suuraan BBCn arge akka agarsiisutti, godaantotni daangaa irratti miidhaman Jimaata galgala hospitaala seenaa turani. Bakka awwaalchaa dhiyoo jiru keessatti awwaalchi raawwatamaa ture.
BBCn himannaa gabaasaa UN, Mixed Migration Centre fi HRW’tiin dhiyaate irratti yaada akka kennaniif mootummaa Sa’uudii qunnamus deebii hin arganne












