Bidiruun godaantota feete daangaa Xaaliyaanitti dhidhimtee 13 du'an, 44 dhabaman

Madda suuraa, ITALIAN COASTGUARD
Bidiruun godaantota feete garqara odola Xaaliyaanii Lampeduusaa jedhamutti erga dhidhimtee booda namoonni 13 du'anii 44 kan ta'an ammoo achi buutensaanii dhabame.
Kanneen reeffi isaanii argame keessaa haatifi mucaanshee keessatti argamu.
Bidiruun lama odola Tuniziyaarraa walumatti namoota 90 fe'anii ka'an.
Eegdonni daangaa bishaan Xaaliyaanii reeffa dubartii lammii Ayivoorikost taatefi mucaashee waggaa tokkoo arguu himan.
Qondaaltonni Tuniziyaas gamasaanin reeffa godaantota 10 buufata doonii biyyattii Sfax tti arguu himan.
Buufanni doonii Tuniziyaa kun karaa ittiin godaantonni heddu gara biyyoota Awuurooppatti qaxxaamuraniidha.
Godaantonni du'aniifi achi buutensaanii dhabame kun heddumminaan biyyoota Afrikaa Sahaaraa Gadii kan dhufaniidha jedhan qondaaltonni Tuniziyaa.
Angawoonni Xaaliyaanii taatee kana qorataa akka jiran beeksisan.
Eegdonni daangaa bishaan Xaaliyaanii ammoo bidiruuwwan godaantota feetee deemtu gaafa Sanbataa yeroo isheen dhidhimtu namoota 57 baraaruu himan.
Gaafa Dilbataa ammoo hojjattoonni balaa abiddaafi lubbu baraartonni Xaaliyaanii godaantota biroo 20 odola Laampeduusaa keessatti danqaman baraaruf akka jirantu ibsame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyoota dhiyoo as bidiruuwwan daangaa eegdota Xaaliyaanifi dhaabbileen tola ooltotaa namoota oddoola Xaaliyaanii Lampadusa qaqqaban 2,000 ta'an baraaraniiru.
Eegdonni daangaa bishaanii garuu haalli qilleensafi bidiruuwwan godaantonni ittiin deeman namoota heddu akka hin baraarref danqaa ta'uu himu.
Yeroo tokko tokko kanneen namoota daddabarsan godaantotatti fayyadamuufi maallaqa dabalataa irraa nyaachuf galaanarratti motora bidiruu isaan ittiin deeman jalaa hatu.
Dhaabbileen miti mootummaa gamasaanin mootummaan Xaaliyaanii hojii lubbuu baraaruu isaan hojjatanitti gufuu ta'aa akka jiru himu.
Mootummaan Xaaliyaanii aangorra jiru godaantonni gara biyyattii akka hin seenne kan jajjabeessufi hojii godaantota baraaruu illee akka harkatti danqu himu dhaabbileen kun.
Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Xaaliyaanii akka jedhetti godaantonni karaa galaanaa gara biyyattii seenan bara kana qofaa 92,000 akka ta'an hime. Bara 2022tti godaantota 46,600 tu biyyattii qaqqabe.
Bara kanammoo pirezidaantin Tuniziyaa Kaayis Saa'id godaantota Afrikaa Sahaaraa gadii eenyummaa biyya keenyaa jijjiiruf jedhu jechuun erga himatanii booda karaa buufata donii Tuniziyaa godaantonni gara Xaaliyaanitti cehuun baay'ee dabaleera.
Karaa biyyoota Kaaba Afrikaatin gara Awurooppatti namoonni osoo cehuuf Meditiraaniyaarratti du'an 1,800 ni caalu.
Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) akka jedhutti lakkoofsi namoota du'anii kana akka caalu hima.












