Raashiyaan wiirtuu Yukireen dhiiga raabsu boombiin rukutte - Zeleniskii

Wiirtuu dhiiga raabsu Pirezidant Zeleniskiin haleelame jedhan

Madda suuraa, TELEGRAM/VOLODYMYR ZELENSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Wiirtuu dhiiga raabsu Pirezidant Zeleniskiin haleelame jedhan

Boombiin Raashiyaan dhukaafte Kaaba-Baha Yukiree keessatti wiirtuu dhiigni itti raabsamu rukute lubbuu namaa galaafachuu fi namoota kaan madeessuu Pirezidantiin Yukireen himan.

Sambata halkan hawaasa Kupiyaanisk, naannoo Karkiiv jiraatanirratti haleellaan kun qaqqabe.

Pirezidant Voloodimiir Zeleniskiin akka jedhanitti, lubbu-baraartonni ibidda ka'e dhaamsuu yaalaa jiru.

Zeleniskiin itti dabaluun, ''Shororkeessitoota injifachuun nama jireenyaaf iddoo guddaa kennu hundaaf kabaja,'' jedhan.

Raashiyaan haleellaa qaqqabe jedhame kana ilaalchisee hanga ammaatti ifatti yaada hin kennine.

Obbo Zeleniskiin miidiyaa hawaasummaarratti, namoota yakka kana raawwatan ''bineeyyii.... waan jiraachuuf barbaachisan hunda balleessuuf'' dhama’an jechuun ibsan.

''Yakki waraanaa kun qofti waa'ee weerara Raashiyaa waan hunda dubbata,'' jedhan.

Haleellaa kanaan namoonni meeqa akka du'anii fi madaa'an hin ibsine.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC'n battalatti gabaasicha mirkaneessuu hin dandeenye.

Raashiyaan kanaan dura himannaa yakka waraanaa ykn namoota nagaa irratti xiyyeeffate hunda haaltee turte.

Magaalaan Kupiyaniski fi qubsumni naannoo isheetti argaman guyyoota muraasa jalqabaa Guraandhala 2022 Moskoon Yukireen weerarte loltoota Raashiyaan qabame.

Naannoon kun Fulbaana darbe haleellaa saffisaa Yukireen deebiste eegalteen humnoota Raashiyaarraa fudhatte.

Pirezidant Zeleniskiin akka himanitti, Sambata darbe Raashiyaan addatti haleellaa misaa'elaa kan raawwatte dhaabbata meeshaalee balalii oomishu ‘Motor Sich’ jedhamu kan naannoo Dhiha Kimelinitiskaayi jedhamu irratti xiyyeeffate.

Haleellaan Raashiyaa kun kan qaqqabe Moskoo Yukireen taankarii Raashiyaa hojjettoota 11 qabu Galaana Gurraacha keessatti rukutte jechuun himachuu hordofeetu - haleellaan diroonii galaanaarraa akkasii isa lammaffaadha.

Qondaaltonni galaanaa Raashiyaa akka jedhanitti, haleellaa ulaa Kerch keessatti raawwatameen kutaan motoraa taankarii Sig miidhameera.

Namni miidhame garuu hin turre.

Ulaan Kerch Galaana Gurraacha fi Galaana Azov wal quunnamsiisa, akkasumallee Kireemiyaa – lafa Yukireen bara 2014 Moskoon humnaan qabatte fi lafa Raashiyaa Taman addaan qooda.

Yukireen dhimma haleellaa kanarratti ifatti yaada hin kennine. Garuu maddi tajaajila Tikaa Yukireen BBC'tti akka himanitti, dirooniin galaanarraatti gargaaramaniiru.