Dargaggoo galaana walakkaatti danqamuun abjuun isaa gufate

Baqattoonni hedduun gara Awuurooppatti qaxxaamuruuf otoo yaalanii galaanaan nyaatamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoonni hedduun gara Awuurooppatti qaxxaamuruuf otoo yaalanii galaanaan nyaatamu

Maqaansaa Dudohuu Diyoop jedhama. Nama umuriin ganna 30 yoo ta’u, Senegaal irraa bidiruudhaan gara Awurooppaatti imaluuf jedhee balaaf of saaxilee ture.

Senegaal irraa gara odola Kanaarii kan Ispeen argamuutti km1,700 imaluuf manaa bahe.

Haalli dinagdee yeroo hammaatu dargaggoonni carraa jireenya fooyya'aa barbaadan ni baay'atu.

Dudoohu Diyoop, umurii isaa guutuu naannoo Kibba Senegaal naannoo Kasmaransi jedhamu keessa jiraachaa ture.

Erga abbaan isaa du'ee booda, ilma angafaa waan ta’eef maatii isaa guutuu gargaaruu waan dadhabeef dhiibbaan itti hammaachuu dubbate.

"Haala jireenya fooyya'aa abjochaa ture, maallaqa fooyya'aa argadhee haadha warraa fi intalakoo, haadhakoo fi maatii hafan haalaa gaariin kunuunsuun abjotaa ture," jechuun bidiruun imaluuf hanga dolaara 682 [birrii Itoophiyaa 35,000 ol] akka baasu dubbata.

"Eenyuttuu homaa osoo hin himiinan ba'e. Karooran qaba ture. Asitti wanti tokkollee waan hin jirreef, wanti anaaf ta'u waan hin jirreef Awurooppaa ga'uun barbaade.

"Ispeen dhaquun barbaade ture baay'ee mufadheera. Hiriyyoota achi ga'aniin qaba, isaanis na eegaa turan."

Ginaaraa Dihabaang Ba, kantiibaa itti aanaa magaalaa Kibba Senegaal Kafountine jedhamtu yoo ta’an akkasumas miseensa paartii mormituuti.

Sababa godaantota magaalaa Kibba Senegaalirraa gara Awurooppaatti imalaniitiin ykn gara Awurooppaatti imaluuf yaalanitiin beekamuun ‘’baay'ee nama gaddisiisa" jechuun dubbatu.

Magaalaa Kibba Senegaal kanatti hoji-dhabdummaan dargaggootaa %40 qaqqabeera, barattoonni yunivarsiitirraa eebbifamanillee akkasuma carraa hojii hin argatan.

"Asitti qofa rakkachaa jirra, hojiin hin jiru, gargaarsi aanga'oota irraa hin arganne," jedha Ibrahimaan, dargaggoon ganna 28 soshiyoolojiin eebbifame.

"Hiriyoonni koo hedduun bidiruu qurxummii qabuun odola Kaanaarii ga'anii milkaa'aniiru.

''Miidiyaa hawaasummaa irratti isaan argina, garaagarummaan qabatamatti jira" jedhe.

"Gaaf tokko osoon deemee natti tola garuu qarshiin na barbaachisa" jedha Ibrahimaan.

Imala attamii keessa darban

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Namoota 140 taanee halkan walakkaa naannoo sa'aatii 8'tti qarqara galaanaatti bidiruu yaabbanne," jedhan godaanaan carroomee du'arraa lubbuun oolee tokko seenaa isaa BBC'tti yoo himu.

Senegaal irraa gara odola Kanaarii kan Ispeenitti argamuutti km1,700 imaluuf manaa bahe.

Daandiin Garba Guddaa Atilaantikii qaxxaamuru kun erga dhaabbanni miti-mootummaa tokko bidiruuwwan sadii kan namoota 300 ol fe'an Waxabajjii 27, 2023 irraa eegalee dhabamuu erga ibsee booda oduu ijoo ta’e.

Waggaa waggaan dhiironni dhibbaan lakkaa'aman jireenya fooyya'aa barbaacha Kibba Senegaal irraa gara Awurooppaatti bidiruun imalu.

Dudohuu Diyoop, rooba calaqqeen itti hedduummate keessa barandaa xiqqaa mana isaa irra taa'eera. Dubartoonni maatii isaa hundinuu isatti marsaniiru.

Diyoop ammoo ni dubbata akkas jechuun: ''Rakkoo tokko malee kaane, hanga Morookootti imaluu dandeenye,'' jedha Diyopin.

"Odola Kaanaarii irraa km500 qofa bakka fagaannee jirruutti garuu akka tasaa motorri bidiruu keenyaa dhaabbate.

''Boba'aan dhumee galaana gidduutti danqamnee imala dhaabne," jedhe.

Angawoonni Morookoo namoota 140 hunda baasuuun gara magaala buufata doonii dhiyoo jirtu fi Nuwaadibohuu jedhamtu biyya Moritaaniyaatti argamtutti akka geessan dubbata.

"Maqaafi eenyummaa keenya qabatanii gara biyya Senegaalitti otobusiin nu deebisan" jedhe.

Dudohuu Diyoop, torban tokkoof waan dhabameef maatiin isaa lubbuun deebi'u isaatti gammadaniiru.

Bidiruun inni irra ture gabaasa kamiyyuu keessatti eeramuu fi dhiisuun isaa ifa miti.

Gama biraatiin mootummaa Senegaal fi dhaabbanni dhimma baqattootaa 'Walking Borders' jedhamu godaantota hangamiitu galaanaan nyaatamuu mala dhimma jedhurratti waldhabanii turan.

Hundeessituun dhaabbata ‘Walking Borders’ jedhamuu Helenaa Melenoo, Adoolessa 9, 2023 irraa eegaltee akeekkachiisuu eegalte.

Melenoon anga'oonni Senegaal, Moritaaniyaa, Morookoo fi Ispeen barbaacha dooniiwwan badan irratti akka hirmaatan gaafatte.

Angawoonni Ispeen barbaacha bidiruuwwan 'sadan' badan keessaa tokko osoo barbaadaa jiranii godaantota 86 baraaran.

Maaltu jedhame waa'eesaanii?

Sana booda Ministeerri Dhimma Alaa Senegaal ibsa baase.

"Sakatta’insi gaggeessine akka agarsiisutti, odeeffannoon kun guutummaatti bu'uura kan hin qabne ta'uu agarsiisa," jedha.

Itti dabaluun, lammiileen Senegaal 260 qaama bishaanii naannoo Morookoo keessatti Waxabajjii 28 hanga Adoolessa 9, bara 2023 gidduutti baraaramuu hima.

Sana booda dhaabbanni 'Walking Borders' jedhamu ibsa dabalataa baaseen, ''namoonni baraaramuu isaanii mootummaan Senegaal eere kanneen bidiruuwwan biroorraa baraaramanii, bidiruun baraaramaniis Senegaal irraa ka’an garuu bidiruuwwan namoonni 300 irra turan sana miti," jedheera.

Gaafa Adooleessa 13, 2023 bidiruun biraa godaantota 41 feetee Senegaal irraa kaate Odola Kanaarii geesseetti.

Gama biraatiin Kibba Senegaal, Kafohuntaayin keessatti dubartiin tokko firri ishee dhabamuu himte.

Dubartiin maqaan ishee akka hin dhahamne barbaaddu kun, ilma obboleessa ishee ganna 17 eessaa akka bu’e wallaalu dubbatte.

Ilmi obboleessa ishee kun doonii sadan sana keessaa tokko irra kan ture fakkaata. "Sodaadheera. Eessa akka bu’e dhagahuu dhabne," jette.

"Amma erga isa dhabnee guyyoota lakkoofneerra," jechuunis himte.

Miseensi qaamolee nageenyaa naannoo sanaa kan maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko "waa'ee namoota 300 dhabamanii burjaajiin uumamee jira," jedhan.

"Dubartii kanaan alatti namni obbolaa ykn firoota keenya barbaanna jedhee aanga'oota ykn qaamolee nageenyaa gaafate hin jiru," jedhan qondaalli kun.

Garuu namoonni baay'een naannoo biraa ykn biyyoota ollaarraa illee waan dhufaniif ganda waliin walitti dhufeenya waan hin qabneef kun waan nama ajaa'ibu miti.

Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani jedhutti, bara darbe Senegaal irraa gara odola Kaanaarii dhaquuf otoo yaalan yoo xiqqaate namoonni 559 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Akkasumas ji'oota jahan darban keessatti qofa, Kaanaariin godaantota 7,000 ol simatteetti.