Seenaa dargaggoo imala konteenara lubbuu namoota 64 galaafate irraa hafee

Madda suuraa, Dajanee Degefu
Dargaggoo Dajanee Dagafaa jedhama. Umurii waggaa 18 wayita ta’u karaa Mooyyaaleetiin Keenyaa keessa qaxxaamuruun Afriikaa Kibbaa galuuf maatiisaan adda bahe.
Yeroo manaa ka’uuf qarshi kuma sadii keessiitti qabachu hima. Haa ta’u malee daandii erga eegaleen booda imalli akka inni eegee ture hintaaneef.
Biyyoota afriikaa afur qaxxaamuruun bakka yaade Afriikaa Kibbaa osoo hingaliin baatiiwwan torban darban keessatti imalarra osuma jiruu hiriyyoota isaa 64 du’aan of biraa dhabe.
Abbaa carraa ta’uunis deeggarsa dhaabbata idil-addunyaa dhimmoota baqattootaa irratti hojjatuutiin lubbusaatiin gara biyyaatti deebii’uu danda’e.
Eddoon dhalootasaa Naannoo Ummattoota Kibbaa dhiheenya Magaalaa Hosaa’inaa ganda baadiyaa Aanaa Shashaggoo keessa ta’u dubbata.
Erga haatiisaa du’aniin booda abbaan isaa qonnaan bulaa ta’an ijoolleessaanii shaniif waan gahaa dhiyeessuuf rakkachu hima.
Sababii kanaan ture Dajaneen barnoota isaa kutaa shaniitti adda kutuun hojii barbaacha qe’ee maatii irraa akka fagaatu kan taasise.
Jalqabas Oromiyaa magaalaa Bishooftuu dhaquun hojii humnaa osuma hajjataa jiruu jidduun waa’ee gara Afriikaa Kibbaa imalu dhagaha.
Waamicha Johaansbargi
Yaanni gara Johaansibari imalu kunis erga Dajanee kan hawwate fira isaa kan duraan Afriikaa Kibbaa jiraatuu tokko dhagaheen booda ta’u dubbata.
‘‘Firoonniiifi hiriiyyoon kiyya Afriikaa Kibbaa jiran hojjatanii akka ofi geedaran waanan beekuuf anis deemuun qaba jedhe murteessuun Fuulbaana guyyaa 2 iimala eegale,’’ jedha Dajaneen.
Dajaneen BBC waliin gaaffiifi deebii kana kan taasise erga Finfinneetti deebii’uun guyyaa 14’f addatti bahee turuun dirqama xumureen booda ture.
Firrii isaas waamicha qofaa osoo hintaane, imala illeen akka mijeesseef hima. Kunis nama dadabarsu mijjeessuufi maallaqa barbaachisu hunda kanfaleefiira.
Imalli kallattii kibbaa gara Afriikaa KIbbaatti
Imalli Bishooftuurraa karaa Hawaasaatiin qaxxaamuranii Moyyaalee galuun Itoophiyaarraa eegalamees Keniyaa keessa qaxxaamuruun Mombaasaa keessa darbuun gara Taamzaaniyaatti qajeelu hima.
Imala isaanii wanti adda taasisuu ammoo akka humnoota nageenyaan hin qabamneef jecha halkana imalusaaniiti. Malli geejibbaas bakka gara bakkaatti adda addaa ture jedha. Yeroo tokko tokkoo miilaan, yeroo biraa ammo motaraan, yoo jedhan ammo konkolaataa fe’umsaa, inni yoo dhibee ammo konteenara keessaatti naqamuun imalaa turu hima.
Guyyaa guyyaa gammoojjiifi bosona keessa rafuun dabaraa kan imalan yoo ta’u, namoonni dadabarsanis markaa boqoolloo akka kennaniif dubbata.
Haala sanaan imalaa turanis innifi hiriyyoonisaa 20 Taanzaaniyaa keessatti eegdootaan qabamusaanii ni yaadata.
Haa ta’u malee namoonni isaan dadabarsan maallaqa eegdootaaf kennannii ta’u mala, garuu guyyaa lama keessatti gadhiifamusaanii dubbata Dajaneen.
Baayyinni namoota waliin yeroo gara yeroo garaa gara akka ture dubbata. Namoonni isaan dadabarsanis akkasuma ni gegeedaramu ture jedha. ‘‘Wal harkaa nu fuudhu turan,’’ jedha.
Namoota waliin imalaa turan keessa kan Afaan Ingliizii yaalan waan turaniif namoota isaan dadabarsan waliin hanga tokko waliigaluuf carraa akka umeef dubbata.
Haa ta’u malee Maalaawiii keessa darbuun Mozaambiik erga gahaniin booda dararamatu isaan eeggate.
Darara konteenara keessaa
Guyyaa mudannoon sukkaneessaan isa mudate sanaa yoo yaadatus, ‘‘sa’aatii meeqa akka ta’ee waan hinbeekneef, tilmaamaan alkan keessaa sa’aatii sadii ykn afur ni ta’a’’ jedha Dajaneen.
‘‘Baayinni keenya 57 ni taana. Jarri nu dadabarsaniif geessanii daandii cirrachaa tokkorra nu teesisan. Tokko turanii ammo namoota 21 nutti dabalan,’’ jedha attamiin 78 akka ta’an yoo himu.
Itti aansees konkolaataa konteenara tokko fiduun akka seenaniif dirqisiisu hima. ‘‘Hinseennu jechuun kan baqachuu eegalan jiraatulleen reebichaafi dorsiisaan dirqisiisanii akka galchaniifi kana keessa ijoolleen miidhaman akka turan yaadata.
Balaa konteenara sana keessatti namoota hanga sanaa fee’u qabaatu yaaduun kadhatanis kan dhagu hinargannee. Imalli isaaniis iyyaafi boo’ichaan eegale.
‘‘Keessattuu dubartii takkittiin nu waliin turte maaliif hincabsinee? Jechuun nu jajabeessaa turte. Isheenis hunda dura akka duute nan yaadadha. Osuuma kadhattuu booda boqatte. Anis dadhabaan demee,’’ jechuun haala ture hima.
Haa ta’u malee konteenarichi imala isaa hindhaabne ture.
Boodas ‘’ganama keessaa sa’aatii 11 natti fakkaata karri yoo banamuun dhagahe. Yoo ofi baruus miila kirratti ijoolleen kufaniiru.’’
Humnootiin nageenyaa achi turanis ‘lammiilee Itoophiyaatii? Yoo jedhan dhagahusaa dubbata.
Deebii gara biyyaatti
Dajaneen namoota konteenara keessa galfamee keessaa lubbuun namoota 64 alkan sana darbuu hima. Innifi kanneen 10 lubbuun hafan waliin deeggarsa dhaabbata IOM jedhamuun gara biyyaa deebiifamaniiru.
Balaa sanaan booda haasaa bilbilaa maatii waliin ture yoo yaadatuus, ‘’eenyu naan jedhan. Anis Dajaneedha jennaa, akka du’ee waan yaadaa turaniif na amanu dadhan,’’ jedha.
Du’aatiin imaltoota kanneenis baatii Bitooteessaa keessa mata duree midiyaalee ta’e ture. Maatiinis kan hafe eenyuu akka ture waan hinbeeknee ilmisaanii lubbuun hafa jedhanii yaaduu aka itti ulfaate hima.
Obbolleettiinsaa angafti bilbila kaafte turte naasuun itti cufuun booda ammo erga naasuu irraa bayyannatteen booda deebiiste akka bilbilteef BBC’tti hime.
‘‘Kanaan booda yoo dhabee kadhadheen nyaadha malee lammaffaa imala Afriikaa Kibbaa hinyaalu’’ jedheera.
Namoota Dajanee waliin imalaa turan keessaa kan yeroo lammaffaaf yaalii imalaa irra turan jiraachu hima.
Dhiibbaa COVID-19 baqattoota irraan gahaa jiru
Dajaneefi hiriyyoonni isaan du’arraa hafanis gara biyyaatti wayita deebiifamaniitti akkuma biyya galaniin maatiitti makamu hin dandeenye.
Akkuma imaltoota biyya alaatii deebii’an kamiitti guyyoota 14’f addatti baafamuun turuun boodas qoratamanii koronaavaayirasii irraa bilisa ta’usaanii mirkanaa’u qaba ture.
Duree dhaabbata isaan gara biyyaatti deebiise IOM kan ta’an Maawuriin Achiingi, tibba koronaavaayirasiin kanatti imaltoota seeraan alaa kan akka Dajanee fa’iif deeggarsa taasisuun baayyee akka isaan rakkise dubbatu.
Baqattoonni kunneen gara biyyasaanii deebii’an wayita taasifamuttis adeemsichi haala fayyaa baqattootaa eeguun raawwatamu qabaata. Akkasumas baqattoonni mataansaanii osoo hinbariin dhukkubicha akka hindabarsiineef of eeggannoo cimaan taasifamu qabaata jedhu.
‘‘Kanaafu tarkaanfiiwwan dura hintaasifne hunda amma raawwataa jirra,’’ jedhu. ‘‘Ejjannoon keenya ifaadha. Bakka weerarri addunyaa hunda jeeqaa jiru kanatti sochiin baqattoota hedduu taasisuun hingorfamu.’’
Kanaafu biyyoonni baqattoota sababii adda addaatiin daangaasaanii qaxxaamuruun seenan gara biyya irraa dhufaniitti deebiisuuf sardamuurra kunuunsa akka taasisaniif gorsu Achiingi.


















