Waligaltee Itoophiyaa fi Ertiraa utuu walii hin galamin waggaa 25 gaheef maaltu fala?

Itoophiyaa fi Ertiraan yeroo waligaltee Aljersi mallatteessan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira muummee Itoophiyaa yeroo sanaa kan turan Mallas Zeenaawii fi Pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afeworqii Aljeersitti mudd12, 2000 wayita waligaltee mallatteesan.

Erga waligalteen Aljeersi waraana Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasaa ture dhaabsise mallatteefamee waggaa 25ffaa isaa torban darbe ture.

Waligaltichi dhimma daangaa biyyoota lamaanii murtessuu dabalatee wal dhabdee isaanii hundeerra hiikuu kan jedhu of keessatti qabatuyyuu, waggota kurna lamaaf walakkaa boodallee waligaltee irratti walii hin galamne ta'ee itti fufeera.

Amma biyyootni lamaan inumaa atakaroon marsaa biraa keessa galanaiiru.

Garuu biyyootni fi dhaabiileen idil addunyaa waligaltichi akka hojiirraa ooluuf waamicha gochuu itti fufaniiru. Torban kanas waamichi kun akkan jabaatera.

Ofii wali galteen sun maaf akkas falmisiisa ta'e? Falli isaa hoo maal ta'uu danda'a?

Yuniversitii Finfinneetti barnoota seenaan PhD barataa kan jiran obbo Mabratee Gergidoo akkataan waliigalticha hojirra oolchuuf yaadame bu'ura irraa rakkoo akka qabu ta'uu himu.

Dhimmi wal dhabdee biyyoota lamaanii sun ''dhimma daangaa qofa hin turre, gaaffii eenyummaa, dhimma siyaasaa fi dinagdeellee kan dabalatuudha'' jedhan.

Waligaltee sana boodaa akkataan murtee Komishiinii daangaa biyyoota lamaanii keessumaa fedhi fi dantaa Itoophiyaa eegsisuu irratti hanqina akka qabuu eeran.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Adeemsa mo'icha gam lachuu(Win win approach) waan hin qabneef Itoophiyaan itti hin gammane. Kun ammoo dhimmicha waggootaaf dhimma furmaata dhabeessa ta'ee akka yoon ga'u taasiseera jechuun xiinxala isaanii himan.

Waraanni Itoo-Ertiraa ALA Caamsaa 6, bara 1998 magaalaa daangaa biyyoota lamaanii irratti argamtu Baadimmee jedhamtutti ifatti eegalame.

Magaalattiin qabeenyaa addaa qabaachu baattullee, biyyoonni lamaanu akka bulchiinsa isaanii jala taatuuf fedhii olaanaa qabachurraa kan ka'e waraana walitti banan.

Waraanni kun waggoota lamaaf jechuunis Hanga Mudde 12, 2000tti kan adeemsifame yoo ta'u gam lamaanittuu dhumaatiin fi buqqa'iinsa namoota akkasumas mancaatii dinagdee guddaan qaqqabsiise.

Akka gabaasaaleen jedhanitti, waraanichi lubbuu namoota kuma 70 hanga kuma 80tti tilmaamaman galaafateera.Ragaaleen lakkofsi kun kanarra gudda ta'uu ibsanis jiru.

Waxabajjii 18, bara 2000 tti garuu giddu seentummaa UN fi kanneen biroon waligalteen dhukaasa dhaabuu taasifame. Muddee 12 irrattis waraana dhaabuu hojirra oolchuufi dubbi karaa nagaan hiikuu Aljeeriyaa magaalaa Aljeersi tti waligalteen mallatteeffame.

Waligaltee sanas wayita sanatti Ministira muummee Itoophiyaa kan turan Mallas Zeenaawii fi Pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afeworqiitu mallatteesse.

Dhabbanni biyyoota gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa fi Aljeeriyaan kanneen jaarsummaan waligaltichaa mallatteessisan turan.

Waraana dhaabuu dabalataan maddi wal dhabbii isaanii furmaata waaraa akka argatuuf komishiniin walabaa dhimma daangaa fi beenyaa hundeeffame.

Komishiinichi maal murteesse?

Murtee Komishinichaa akka hojirra oolu Ertiraan gaafataa turte.Itoophiyaan ammo daantaakoo hin eegne jechuun lafarra harkifte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Murtee Komishinichaa akka hojirra oolu Ertiraan gaafataa turte.Itoophiyaan ammo daantaakoo hin eegne jechuun lafarra harkifte

Walii galticha irratti waraana dhaabuun dursee kan mallatteeffame yoo ta'u, sun akka itti fufu akkasumas dhimmi wal dhibdee karaa komishiinii daangaa walabaan furmaata akka argatu walii galame.

Komishiinichis walaba ta'ee dhimmota waliigalteewwan yeroo kolonii fi seera addunyaa irratti hundaa'uun daangaa isaanii daangeessuu dabalatee dhimmota ilaalamuu qabu jedhu furuuf hojmanee fudhatee irratti hojjataa ture.

Dhimmi buufata doonii Asabii fi Itoophiyaan akka Galaanaa Diimaatti baatu ilaaluu addatti waligaltee Aljersi keessatti hin eeramne. Komiin Itoophiyaa ''dantaan koo hin eegamne jettu'' kanaan wal qabataa?

obbo Mabratee Gergidoo '' dhimma Asabii fi Galaana Diimaan wal qabatu irratti haalli waggaa 25 dura tureef amma jiru adda adda'' jedhu. Garuu hanga faayidaa biyyalessaa qabutti dhimmi wal hin qabanneef hin jiru jechuun ibsan.

Komishiiniin dhimma daangaa kun maddoota wal dhabdee fi falmisiisoo keesumaa waligalteewwan yeroo kolonii turanii turan xinxaluun yaada furmaata akka dhiyeessu kan aangoon kennameef.

Biyyootni lamaan ragaalee qaban dhiyeeffatanii komiishinicha fuulduratti erga wal falmanii booda qorannoo isaa itti dabaluun murtii isaa isa 'dhumaa fi dirqisiisaa' jedhame Eebla 13 bara 2002 dabarse.

Murtee kanaanis magaala wal-dhabdeen irratti uumame keessaa tokko kan taate Badimmee daangaa Eertiraa keessa galchuun dhimmota kaan keessa harka fudhate.

Murtee sana keessatti haalli siyaasaa hoggantoota biyyoota lamaan gidduu ture dhibbaa akkamii akka fide, dhimmi eenyummaa fi abba biyyummaa akkasumallee fedhiin ummtaa fi kanneen biroo ilaalacha keessa waan galan miti jedhu obbo Mabraateen.

''Biyyi tokko kan fudhattu tokkommo kan kennitu ykn kan miidhamtu yoo ta'e maddi wal dhabbii furmaata waaraa argachuuf rakkisaadha. Yoo hojirra oole Itoophiyaan waan fayyadamtu qabaattus irra caalatti garuu Ertiraaf kan loogudha'' jedhan. Itoophiyaanis sanumaaf murtee sana hojiirra oolchuu didde jechuun himan.

Itiyoophiyaan murtee Komishiinichi isa dhumaa fi ol iyyannoo bira hin qabu jedhee murteesse kuffifte Baadimmee keessaa loltoota ishee baasuu diduun,akkuma qabateetti bulchuu itti fufte. Mariin biraa akka taasifamu gaafattes.

Ertiraan gama isheen hanga murteen sun hojirra oolutti dhimmoota biroo mari'achuu akka hin barbaanne ibsuun gara waggoota 20tti dhiyaatuuf biyyoota lamaan gidduu utuu "waraannis nagaanis hin jiraatin" ture.

Bara 2018 bulchiinsa mootummaan MM Itoophiyaa Abiy Ahmad jalatti murtii komishiinichaa guutummaatti hojirra akka oolu murteessu beeksisuun, walitti dhufeenyi dippilomaasii, daldalaa, fi imala akka deebi'ee eegalu taasifame.

MM Abiy badhaasa noobeelii nageenyaa yoo argatan, Ertiraan ammoo qoqqobbii biyyootni meeshaa waraanaa akka ishetti hin gurgurre irra kaa'ame jalaa ba'uun carraa meeshaa waraanaa bitachuu argatte.

Itoophiyaan murtee komishiinii daangaa hojirraa oolchuuf murteessuun dhimma Asab fi galaana diimatti bahuu ilaalcha keessa galchuun ta'uu kan eeran obbo Mabraateen, sun ammoo mootummaa Ertiraa biratti fudhatama argachuu dhabuun ijjannoo sana duubatti kan deebise ta'uu eeru.

Haalli kun biyyootni lamaan akka diinatti akka wal ilaalanii fi yaaddoo wal waraansaa kan biraatti isaan deebiseera.

Gaaffii Galaana Diimaaf atakarootti deebi'uu

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afwerkiif Adoolessa 16, bara 2018 Finfinneetti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afwerkiif Adoolessa 16, bara 2018 Finfinneetti

Itoophiyaan gaaffiin ulaa galaanaa karaa biyyootni lamaanuu irraa fayyadamuu danda'aniin akka furmaata argatuu gaafattee.

Kunis diinumaan biyyoota lamaanii hundeeraa furuuf yoo ta'u Ertiraan garuu gaafiicha ija gaariin hin ilaallee.

Inumaa gaaffii walabummaa biyya ishee cabsuuf dhiyaate gochuun Itoophiyaa himatte.

MM Abiy ifatti, yeroo Eertiraan bara 1993 Itoophiyaarra adda baate Itoophiyaan akka galaanatti hin baane taasisuun "dogongora" ta'uu ibsuun akka 'sirratus' dubbatan.

Dubbiin kun , Asmaraatti dallansuu uumuun muddamni biyyoota lamaanii sadarkaa amma jiran irra akka gahu taasiseera.

Eertiraan Itoophiyaan galaanatti bahuuf humnaa waraana fayyadamtee birmadumma daangaa koo cabsuufi jechuun himatti. Itoophiyaanis Eertiraan diinaa keessoo waliin shira narratti xaxaa jirti jechuun marsaa hedduuf himateetti.

Akka gabaasaaleen mul'isanitti sochiin fi qophiin waraanaa gama lamaaninuu waan jiru fakkaata. Itoophiyaan garuu irra deddeebiin gaaffii ishee karaa nagaa fi dippilomaasii qofaan mirkaneeffachuu akka barbaaddu ibsiti.

Dargaggota waggaa 18 ol dirqamaan leenjii waraanaa kan galchitu Ertiraan erga muddamni kun uumamee loltoota eeggatoo fi yeroo hojii isaanii xumuran deebiftee qacaruun agarsiiftu qophii waraana keessa tokkodha.

Akkasumas biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne akka Masrii fi Saawudittpi michoomuun tumsa cimsataa jirti.

Tarkaanfii guddaa Mudde 12, 2025 fudhatteeni, Dhaabbata Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) keessa baate. Dhaabbatichas ''dantaa Ertiraa eegaa hin jiru loogii qaba'' jechuun himachuun ni yaadatama.

Haala kanaan furmaatni argamu hin jiru jechuun yaada furmaata isaanii eeru, Yuniversitii Finfinneetti barnoota seenaan PhD barataa kan jiran obbo Mabratee Gergidoo.

Halli dogoogroota waggaa 25 dura turan itti fufu akka hin qabne yoo barbaachise dhimmi biyyoota lamaanii irra deebi'amee akka ilaalamu gaafata. Adeemsi kennanii fudhachuu ykn biyyota lamaanuu faayidaa waloo irratti walii gachiisu yoo hin jiraatin furmaatni waaraa akka hin jiranne ibsu.

Akka obbo Mabraateen jedhanitti Itoophiyaaf dhimma daanga caalaa dhimmi ulaa galaanaa dhimma murteessadha.Biyyootni lamaan yaada wal balleessuu keessa ba'uun waliin guddachuu fi wal tumsuu yoo qabatan dhimmootni kaan furamuuf heddu ulfaataa akka hin taane dubbata.

''Waraana keessa namni biyyi fayyadamu hin jiru. Waraanni biyyoota lamaanifu balaa guddaa qaba. Furmaatni karaa dippilomaasi, wali galuu fi afuura obbolummaatin walitti dhiyaachuu keessa jira.''

Waamicha Idil-addunyaa

Barreessa olaanaan UN yeroo sanaa Kofi Annan waligalticha jaarsummaan xumuruu wayita mallatteessan

Madda suuraa, UN

Ibsa waa'ee suuraa, Barreessa olaanaan UN yeroo sanaa Kofi Annan waligalticha jaarsummaan xumuruu wayita mallatteessan

Waldhabdeen hammaataa dhufeen hawaasni addunyaa biyyotni lamaan qarqara wal dhabbii irraa ga'an kanarraa akka duubatti deebi'an waamicha tokkummaa fi hatattamaa dhiyeessaniiru..

Waggaa 25ffaa waliigaltee Aljeersi irratti barreessaan olaanaa Dhaabbatni Biyyota Gamtoomanii, Gamtaan Awurooppaa,Komishiniin Gamataa Afrikaa fi gamtaan biyyoota dhihaa ibsa baasaniin, biyyootni lamaan wantoota waliigaltee Aljersi jalatti tole walii jedhan kabajuf murannoosaanii akka haaressan gaafataniiru.

Barreessaa Olaanaan Biyyoota Biyyoota Gamatoomanii Antooniyoo Gutaareez amma wayita muddamni dhalateetti biyyootni lamaanmul'ata nagaa waaraa fiduutti akka jabaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummootni Kaanadaa, Jappaan, Noorweey, Tuurkiyeefi Yunaayitiid Kiingidam yaadannoo waggaa 25ffaa waliigaltee Aljeersi kana ilaalchisee ibsa waloo baasaniin kabajamuu waliigaltee kanaaf deeggarsa akka godhan ibsan.

Ergaan ijoo dhabbilee kanneenii waliigaltee Aljeers fi murteen daangaa komishiinii walabaa hundeeffame kan dhumaa waan ta'eef kabajamuu qaba kan jedhuudha..

Dhaabbileen akka' International Crisis Group' biyyootni lamaan komii seenaa, dhimmoota furmaata hin argannee, fi wal amantaa siyaasaa dhabuun "balaa hamaa keessa akka wal hin galchine " akeekkachiisera.