Tarsiimoon haaraa US waa'ee muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiruu maal jedha?

MM Abiy Ahmad fi Pirezidant Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, Getty Images

Tarsiimoon nageenya biyyaalessaa haaraa Ameerikaa bulchiinsi Pirezidant Doonaald Tiraamp baase tooftaa Yunaayitid Isteet kanaan dura Afrikaa waliin walitti dhufeenya taasiftu walumaagalatti kan jijjiirudha.

Dokimantiin fuula 33 qabu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa baase kun dhaadannoo Tiraamp 'Dursa ameerikaaf' ykn 'America First' jedhu bu'uura godhachuun kallattii ittiin dhaadannoo kana milkeessuun qopha'e.

Hariiroon Ameerikaan Afrikaa waliin taasiftu tarsiimoo nageenya biyyaalessaa biyyattii karaa eegsisuun akka ta'u ibseera.

Kun ammoo tooftaa kanaan dura barame ykn akka bulchiinsa Ameerikaa ammaan dura turan gargaarsa irratti kan hundaa'e osoo hin taane gara daldalaafi carraawwan invesitmentiitti kan jijjiiramedha.

Ameerikaan akka jettutti, tasgabbiin michootashee Afrikaatiif barbaachisaa waan ta'eef ardii kanarratti waraanni akka dhaabbatuufi carraa walitti bu'insa akka hin jiraanne gochuurratti hojjetti.

Kanumarraa ka'uun Gaanfa Afrikaa keessatti akka waliigalaatti, addatti ammoo muddama Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti dhiyeenya kana mul'achaa dhufe akka gara waraanaatti hin jijjiiramne akka hojjettu akeeka dokumantiin Ameerikaa haaraa kun.

Dhiyeenya kana wal waraansa Sudaan keessa jiru dhaabsisuuf Ameerikaan yaada dhiyeessitee irratti hojjechaa jirti.

Akkasumas , waraana Dimookiraatik Koongoo (DRC) keessa waggoota 30 oliif ture Mudde 4, 2025 pirezidaantota DRC fi Ruwaandaa Waayit Hausitti waamtee waliigaltee nagaa akka mallatteessan gooteetti Ameerikaan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Har'i Afrikaafi addunyaatiif guyyaa addaati. Biyyoonni lamaan waan ittiin beekaman hedduu qabu," jedhe Tiraamp sirna wal mallatteessuu kanarratti.

Itti dabaluun, Ameerikaan biyyoota lamaan waliin waliigalteewwan haaraa kan mallatteesiste yoo ta'u, albuudota baayyee barbaachisoo ta'an biyyoonni Afrikaa kunneen qaban haala waliin itti fayyadamuu danda'anirratti "karra haaraa bananiiru" jedhe.

Kana malees, Ameerikaan michootashee Baha Giddu-galeessaa waliin ta'uun waraana Sudaan keessa jiru furuudhaaf itti deema ajirti.

Ilmi mootii Sa'ud Rabiyaa jalqaba ji'a kanaarra wayita Waashigiten daawwaranitti Pirezidant Doonaald Tiraamp akka rakkoo Sudaan keessa seenuuf gaafatanii ture.

Dokumantiin tarsiimoo nageenya biyyaalessaa Ameerikaa kun itti dabaluun carraa waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa (akkasumas Somaaliyaa) gidduu jiraachuu haala hambisuun danda'amurratti hojjeta jedha.

Gorsaan olaanaa dhimma Afrikaa Pirezidant Doonaald Tiraamp Maasaad Biluus Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin Finfinneetti, akkasumas Ministira dhimma alaa Ertiraa Osmaan Saahilee waliin Kaayirootti wal argee duubateera.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) waliin bilbilaan jalqaba ji'a kanaa mariiyachuu ministeerri dhimma alaa US beeksisee ture.

Mariin aanga'oota lamaanii tasgabbii qaxanaa sanaafi dhimmoota Gaanfa Afrikaa keessati nagaa waara'aafi bu'uura qabu ijaaruun danda'amurratti kan fuulleeffate akka ta'es itti aanaa dubbi-himaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Toomii Pigootii ibsa Mudde 3, 2025 kenneen himee ture.

Ministirri dhimma alaa Ameerikaa akka ibsetti, yeroo bilbilaan mariyatan kanatti aanga'oonni lamaan Amerikaa fi Itoophiyaan nagaafi tasgabbii naannichaatti akka uumamu gochuuf murannoo waloo qaban mirkaneessaniiru.

Keessumaa, Gaanfa Afrikaa bakka sochiin jii'oopolotikaa wal xaxaa ta'e mul'atu keessatti bu'uraa nagaa kaa'uudhaaf, akkasumas haala tumsa waliif gochuu cimsuun danda'amurrratti mariyachuun isaanii himameera.

Baruma kana Adoolessa keessa Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad galma waloo nageenyaafi guddina dinagdee Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun bilbilaan mariyachuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon MM Abiy Ahimad waliin haasa'uun kun yeroo muddamni naannoo Tigraay keessatti dhaga'amaa jiruufi Ertiraafi Itoophiyaan ammoo wal himmachaa jiranitti ture

Pirezidant Isaayyaas fi MM Abiy

Madda suuraa, Ethiopia Government

Ministtirri dhimma Alaa US marii isaanii MM Abiy waliin taasisan kanaan barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannichaa hubachiisaniiru.

Marii yeroo sanaatiin, Ruubiyoon haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan taasifte kan diqisiifatan yoo ta'u, daldalaa fi invastimantii US babal'isuuf carraa guddaa qaban kaasanii dubbataniiru.

Hariiroon 'waraannis kan hin jirre', lollis kann hin jirre [no war, no peace environment] waggoota 20 oliif Itoophiyaafi Ertiraa gidduu ture bara 2018 MM Abiy Ahimad aangootti dhufuu hordofee bakka sirriitit deebiyee ture.

Bara 2020 keessa waraana naannoo tigraay keessa tures waliin ta'un duulanii ture, haata'u malee hariiroon biyyoota lamaanii Waliigalteen Piritooriyaa mallatta'auu hordofee boora'e.

Onkoloolessa 2023 yeroo MM Abiy dabalatee anga'ooni Itoophiyaa barbaachisummaa ulaa galaanaa Itoophiyaaf mala jedhan kaasuu jalqabanitti muddani biyyoota lamaan gidduu ture daran hammaachaa dhufe.

Jechoota walitti deddeebisuun mootummoota lamaan gidduutti itti fufes waraana biraa Gaanfa Afirkaa keessatti kaasuuf deema jedhamee sodaatamaa tureera.

'Hariiroo gargaarsaarraa gara daldalaafi investimentii'

Dokimentiin haaraa kun imaammanni dhimma alaa US Afrikaa ilaalchisuun qabdu akka jijjiirame ifatti mul'iseera.

Ameerikana duraan "gargaarsa kennuun ayidiyoolojii gabaa bilisaa (liberal ideology)" biyyootarratti fe'uu yaaddi.

Ameerikaan gargaarsa alaa dhiyeessuu dhiistee qabeenya uumamaa bal'aa Afrikaan qabdu gara carraa diinagdeefi investimentiitti jijjiiruun hariiroo daldalaa Afrikaa-US daran cimsuu barbaaddi. Kana kan gootu ammoo 'biyyoota filataman' waliin michummaa horachuunidha.

Yaadni 'biyyoota filataman' jedhu kun ammoo kan kanaan dura bulchiisni Joorj W. Bush 'biyyoota adda-duree' [anchor countries] jedhuun waamu waliin wal fakkaata. Haata'u malee, bulchiinsi Tiraamp biyyoota warra kam akka filatu ilaalchisee ibsa bal'aa hin kennine.

Itoophiyaan yeroo dheeraa 'biyyoota adda-duree' [anchor countries] tokko kan turte yoo taatu, Ertiraan garuu yeroo dheeraaf imaammata dhimma alaa Ameerika amormuun beekamti.

Gaaffiifi deebii Waxabajji darbe taasiseen pirezidantiin Ertiraa Isayyaas Afawarqii, Ertiraan Ameerikaa waliin "michummaa haaraa" qabaachuu barbaaddi, keessuma Doonaald Tiraamp waliin jedhee ture.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti michummaan dinagdee US Afrikaa waliin taasiftu kan bara bulchiinsa Baaraak Obaamaa ture dhiyeessii annisaa Afrikaa babal'isuurratti xiyyeffaturraa kan fagaatu miti jedhu.

Waliigaltee carraa meeshaalee Afrikaarraa qaraxarraa bilisaan gabaa Ameerikaaakkka seenu gochuu 'African Growth and Opportunity Act' (AGOA) foyyeessuufi bal'isuu malu kan jedhanis jiru.

Waliigaltee kanarraa fayyadamaan kan turte Itoophiyaan, waraana Tigraay keessa ture hodofee omisha qaraxarraa bilisa gabaa Ameerikaa galchaa turte keessaa dhorkamteetti.

Dokumentiin tarsiimoo nageneya biyyaalessaa Ameerikaa haaraa kun Pirezidant Tiraamp "waraana Itoophiyaafi Masirii akka dhaabsise" ibsa.

Haata'u malee, kun dhubbii falmisiisaadha, sababiin isaa atakaaroofi muddama dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Abbayaa irratti sadarkaa jechaa malee waraanni lafarratti Itoophiyaafi Masirii giddutti dhalateeru hin jiru.

Akka waliigalaatti dokumantiin Tarsiimoo Nageenya Biyyaalessaa US gadhiifame haaraa kun Afrikaa ilaalchisee jijjiiramni imaammataa akka jiru agarsiisa. Itoophiyaa dabalatee addatti michummaa waliin uumuummachuun kan barbaachisu filachuufi Gaanfa Afrikaa keessatti walitti bu'insi akka hin jiraanne hojjechuurratti kan fuulleffatedha.

Waashingiteen sektara gurguddoo investimentii Afrikaa keessatti gageessuu barbaaddu adda baastee kan ibsite yoo ta'u, inarjiifi albuudonni barbaachisuu warra adda duraati.

Dokumentiin kun biyyoota "dandettii qabaniifi amanamoo ta'en", keessumaa naannoowwan akka humna nukilaraa, zayita boba'aa fi tekinooloojii gaazii umamaan dhaabbileen Ameerikaatiif gabaa jiru banaa taasisan waliin tumsa guddaa akka gootu ibsa.

Dokumantii tarsiimoo nageenya biyyaalessaa Ameerikaa kun yaaddoo garee milishaa Islaamistirraa dhufu itti fufee mul'atu jedhes kaasera, garuu ardittii keessa "Ameerikaan yeroo dheeraaf turuu ykn itti gaafatamummaa dheeraa fudhachuu" kan jedhu dhiisuu qabdu jedha.

"Ameerikaan waggoota kurnan dhufan keessaa biyya addunyaarratti hunda caalaa cimtuu, badhaatuu, akkasumas milkooftuu taatee itti fuftu ta'u mirkaneessuuf, biyyi keenya walitti dhufeenya addunyaa waliin qabdurratti tarsiimoo bifa walqixxaataa ta'eefi xiyyeeffannoo qabu filatti," jeda dikumantichi.