Indiyaa: Namoonni jaha daa'ima gudeedan hidhaman, sadi umurii guutuu

Dhimmi gudeedamuu daa'ima kanaa uummata oriisise

Madda suuraa, Getty Images

Indiyaa, kutaa biyyaa Kashmiir keessatti namoonni sadi daa'ima waggaa saddeeti gudedanii, dararanii ajjeesan hidhaa umurii guutuun adabaman

Poolisoonni sadi ragaa dhoksuun yakkamtoota jedhaman ammoo hidhaa waggaa shaniin adabamaniiru.

Daa'imni gosa warra musliimota horsiisanii bulanii taate kun Amajjii bara 2018 bosonaa magaalaa Katuwaa jedhamtu keessatti argamte.

Dhiirota sababa ajjeefamuu daa'ima kanaatiin to'annaa jala oolfaman deeggaruun gareen warra Hinduu hiriira bahanii turan.

Kun uummata oriisisee faallaa isaanii lammileen hedduun mormiif bahanii turan, kunis qalbii miidiyaalee hedduu hawwatee ture.

Daa'imni ganna saddeetii kun jalqaba bara 2018 achi buuteen ishii dhabamee torbee sadi booda ture reeffi ishii bosona keessatti kan argame.

Akka qorannoon mul'isutti daa'imni kun guyyootaaf erga gudeedamte booda, reebamtee ajjeefamte.

Sababi ishiin xiyyeeffannaa keessa galteef ammoo gosa ishiin irraa dhufte Gujaars jedhaman shororkeessuufi.

Indiyaa keessatti garaagartee daqiiqaa 15 gidduutti daa'imni tokko miidhaan saal-qunnamtii irra gaha jedha ragaan mootummaa kan bara 2016.

Miidhaan saal-qunnamtii daa'imman irra gahu daran dabalaa akka jiruu himama.

Daa'imman miidhaan saal-qunnamtii irra gahe hedduu qabaachuun biyyattiin addunyaarraa sadarkaa duraarra jirti. Haa ta'u malee namoonni dhimmicha ifatti dubbachuuf fedhii hin qabani.

Gudeedamtee ajjeefamuun daa'ima kana hanga warri Hinduu warra ishee gudeedan deeggaranii hiriira bahaniitti xiyyeeffannaa hin arganne ture.

Kanneen warra ishee gudeede deeggaranii hiriira bahan keessa aanga'oonni paartii biyya bulchaa jiruu 'Bharatiya Janata Party' (BJP) lama jiraachuun ammoo caalaatti dubbichaaf xiyyeeffannaa kennisiise.

Warri Hinduu gosa warra shamarree kanaa waliin yeroo mara lafa irratti wal dhabu.

Dhimmi daa'ima kanaa biyyattiin seera haaraa namoota daa'ima waggaa 12 gadii gudeedan du'an adabu akka tumtu sababa ta'eera.