Keeniyaatti intalli waggaa 12 baatii tokkotti dhiirota lamatti heerumte

Harka

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaatti waggaa 18 dura heerumuun yakka

Keeniyaatti aanga'oonni Kaawuntii Naarok shamarree umuriin waggaa 12 kan baatii tokko keessatti dhiiroota lamatti heerumsiifamte baraaruun abbaasheefi jarreen lamaan barbaachaa jiraachuu beeksiisan.

Abbaan shamarree tanaas kan Kaawuntii Naarook Lixa Magaalaa guddoo Naayiroobiitti argaman akka jaarsa waggaa 51'tti heerumtuuf intalasaanii dirqisiisan.

Achiniis isa biraa miliqxee baanaan, dhiira biraa kan waggaa 35'tti heerumsiisan.

Heeruma lammaffaan booda qaamoolee mirgoota daa'immaniitiif hojjataniifi qondaaltoota motummaatiin baraaramte.

Akka seera biyya Keeniyaatti nama umurii waggaa 18 gadii fuudhuun yookaan itti heerumuun yakka.

Namni mirgoota daa'immaniif falmu kun akka jedheetti, osoo inni intala biraa baraaruuf hojjataa jiru waa'ee ishee kanaa dhagahuu hima.

''Abbaan ishee dirqiin akka jaarsatti heerumtuuf kennan. Isheenis tole jettee heerumuun alatti carraa biraa hinqabdu turte,'' Jooshuwaa Kaaputaah Waldaa Nagaa Kaawuntii Naarok irraa BBC'tti hime.

Itti dabaluunis, hiyyummaafi sababii koronaavaayirasitiin manni barnootaa cufamunsaa akka heerumni daa'immanii baayyatuuf gumaachee jira jedhan.

"Maatiin wayita ijoolleesaanii heerumsiisaniitti kennaa loonii lama ykn sadii argatu, kanaanis dogoggoru, '' jedheera.

Keeniyaatti heerumni umurii malee hangam baay'ata?

Shamarran umuriin hingahiin herumsisuun hawaasa Maasaayi keessatti dhimma irra deddeebiin mul'atu tahuu dubbata gabaasaan BBC Pitar Mwaayi.

Kana malees shamarran Maasaayi miseensoota maatiin akka madda qabeenyaatti kan ilaalmaniifi nama abbaan shamarree loon hedduu kenna jedhee yaaduutti akka herumsiifaman dabalee himeera.

Mootummaan gochawwan akkasii kan hambiisuuf yaalii taasisuulleen seeroota bahan haalaan hojiirra oolfamaa waan hinjirreefuu, ammalleen shamarran balaa kanaaf saaxilamaa jiraachuu dubbata.

Namni gocha kanaaf to'atame jiraa?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Dubartii kubbaa millaan heeruma ijoollummaa akka hafu godhaa jirtu

Gaazexaan Istaandaard akka gabaaseetti erga namtichi jalqabaa akka uwwiisaatti loon afur kenneen booda, intalli dubraa kun heruuma didde.

Achiis maatii keessaa warreen dhiiraatiin reebichi irratti taasifame.

''Jaarsa duraa jalaa ergan baheen booda mana warra kiyyaatti deebi'uun sodaadhe. Isaaniis dirqiin na deebisu.

Kanaafuu namticha ganna 35, kan maatii ofiisaa qabu waliin bade,'' jettee jirti shamarreen tun.

Isaan boodas abbaan shamarree bakka isheen jirtu adda baasuun fuudhee jaarsa waggaa 51tti deebiiseen.

Wayita aanga'oonni mootummaa manicha qaqqabaniittis namtichi manaa bahuun badeera.

Ammattis poolisiin abbaa intalaafi jarreen lamaan shamarree tana baatii tokko keessatti fuudhan barbaadaa jira.

Yoo itti murtaa'ees adabbii hidhaa hanga waggaa shanii fi/ykn maallaqaan hanga doolaara 10,000 itti murtaa'uu danda'a.