Dubartoonni heeruma amaatiin isaanii waliif hariiroo attamii qabu?

Madda suuraa, Getty Images
Haati warraa 'hamtuun' akkuma jirtu, abbaan warraa 'atakaroo' jaalatus jira. Of tuuluufi fakkeessuun garuu kan amaatii caale hin jiru.
Yeroo baay'ee amaatiin nama to'achuu jaalatti akkuma jedhamu, amaatiin Indiyaa immoo qoosaa keessa nama miitis jedhama.
Dubartoonni baay'een yeroo heeruman mana abbaa warraa isaaniitti waan galaniif hariiroon isaan amaatii isaanii waliin qaban murteessaadha.
Haalli jireenyaa isaanii immoo kabaja amaatii isaaniif qabaniin wal qabachuu danda'a.
Fiilmiiwwan Booliiwuud keessatti amaatiin haadha baayyee rakkattuufi marartuu taate faallaatti fakkeeffamti.
Isheen ni abboomti, haadha warraa mucaashee harkaa dirqamaan waa fudhatti, ilmasheefi maatii guutuu ni to'atti.
Diraamaan Indiyaa walitti fufaa ''Amaatiinis yeroo tokko haadha warraa turte,'' jedhamuun hiikame ijoo dubbii tahee ture.

Madda suuraa, AFP
Indiyaattii amma dhimmi amaatii irratti qorannoon gosa isaatiin adda tahe adeemsifamaa jira.
Bara 2018 qorattoonni Bostaniifi Delihii dubartoota heeruman 671, kan umuriin isaanii 18-30, gandoota 28 godina Jaanpuur jedhamtu- kan namoonni isaanii aadaa jabeessan, ummata hanga ummata Biraaziil gahu qabanidha.
Qorannoo kanaaf dubartiin filatamte gidduugalaan umuriinshee 26 yoo tahu, abbaan warraashee immoo 33 dha.
Harki caalu saba Hinduu yoo tahan, sadarkaa jireenyaa gad aanaa qabu. Abbootiin warraa harka 60 tahan lafa qonnaa dhuunfaatti qabu.
Dubartoonni harka 70 tahan amaatii isaanii waliin jiraatu.
Dubartoonni kunneen amaatiiwwan/soddaatiiwwan isaanii hangam dhiibbaa akka irra geessisan, hangam namoota biroo waliin hariiroo akka uuman, manaa akka bahuu danda'aniifi dhiibbaan amaatii isaanii bilisummaa, tajaajila fayyaa argachuufi amala isaanii to'achuu irratti qaban iyyaafatan.
Dubartoota amaatii/soddaatii isaanii waliin jiraatan manaa bahuufi namoota kaan waliin hariiroo uumuuf bilisummaa daangeffame qabu.
Kun daangeffamuu isaatiin immoo, odeeffannoo argachuu qaban, hiriyyaa, ofitti amanamummaa fi abjuu horachuu danda'an dhabaniiru.
Silaa dhimma fayyaa, wal-hormaatfi karoora maatii irratti odeeffannoo argatu tureeyyuu.

Madda suuraa, Robert Nickelsberg/Getty Images
Dubartoonni %36 tahan naannoo isaanii keessatti hiriyyaa dhihoo ykn fira hin qaban. Harki 22 immoo ciraa dhumaasaa firaa fi hiriyyaa bira deeman hin qaban.
Dubartoota %14 qofatu qofaa isaanii gara buufata fayyaa akka deeman eyyamamaaf. Harki 12 immoo akka maatii fi hiriyyaa isaanii dubbisan ni eyyamamaaf.
Qorattoonni kunneen dubartoota amaatii isaanii waliin kanneen hin jiraanne warra jiraatan, harka 18 irra caalaa hiriyyaa qabu.
Dubartiin amaatii qabdu garuu,''maatii karoorfachuu fi dhimmoota wal qabatan biroo akka hin raawwanneef,'' ishee to'atti.
Yeroo tokko tokko amaatiin ijoollee baayyee barbaaduu dandeessi- dhiira qofa barbaaduu dandeessi- fedhii haadha warraan alattii jechuu dha.
Dubartoonni %48 tahan soddaatiin isaanii karoora maatiin hin fayyadamtan akka isaan jedhan ni dubbatu.
Abbaan warraa intalaa bakkaa bakkatti socho'ee nama hojii hojjetu taanaan to'annoo soddaatii inumaayyuu ni cima.

Madda suuraa, Getty Images
Argannoo qorannichaa akka agarsiisutti amalli nama to'achuu wal-hormaataafi karoora maatiif ilaalcha qabdurraa burqa.
Dubartoonnii hiriyyaa qaban carraan isaan buufata fayyaa deemuufi tajaajila karoora maatii aragachuu bal'aadha, jedhu qorattoonni.
Dubartoonni Indiyaa gandoota Indiyaa keessa jiraatan soddaatii isaaniifi abbaa warraa isaaniitiin alatti hiriyyaa iccitii itti odeeffatan xiqqoo qabu.
Warra qorannoo kanarratti hirmaatan keessaa ganda Juwaanpuur keessa hiriyaa lama qofa qabu.
Ameerikaatti dubartiin tokko yoo xiqqaate hiriyyoota dhihoo saddeet qabdi.
Indiyaattii dubartoota harka 33 qoaftu moobaayilii qaba, hariiroon isaan iddoo fagootti qabanis baayyee daangeeffamaadha.
amaatii/Soddaatii waliin jiraachuun guutummaan guutuutti faayidaa hin qabu jechuun hin danda'amu sababiinsaa yeroo ulfaa baayyee isaan gargaaru.
Dimshaashatti garuu amaatiin/soddaatii dubartii waliin jiraachuun bilisummaa dubartootaa ni mulqa.
Warri qorannicha hojjetan waraqaa qorannoo isaanii 'Abaarsa soddaatii' kan jedhan baruullee Za Ikoonomist irraa fudhataniiti.
Baruulichi bara 2013 keessa waa'ee maatiin Indiyaa haala ammaayyaa taheen jiraachuu jalqabuu isaanii eera.













