Indiyaatti dubartoota hin gudeedamnu jedhanirraa rifeensi haadame

dubartoonni lamaan humnaan rifeensi isaanii haadame

Madda suuraa, ANI

Indiyaa bulchiinsa Bihaar keessatti, gartuun dhiirotaa dubartootni lama gudeedamuu waan ofirra lolaniif jecha akka "adabbiitti" rifeensa isaanii haaduu isaaniin namootni lama to'annoo jala oolaniiru.

Gartuun kun, aanga'aa naannichaa tokko of keessaa qaba. Namoonni kun, karoora gudeeduu qabachuun mana jireenyaa haadhaafi intalaa keessa humnaan seenuu isaanii poolisiin dubbateera.

Yeroo dubartoonni kun gudeedamuu ofirraa dhorkanitti, namootnii kun isaan reebuufi rifeensaa isaanii haaduun ganda sana keessa isaan deemsisaniiru.

Yakkaa kanaan shakkamtoota shan biroo barbaadaa akka jiru Poolisiin dubbateera.

"Uleetiin hedduu reebamne. Qaamnikoo madaa qofadha, kan intala koos akkanuma," jechuun harmeen kun eejansii oduu ANI'tti himaniiru.

Rifeensi isaani kan haadame namoota gandichaa fulduratti ta'uu isaas dubartoonni kun dubbataniiru.

"Dhiiroti kunneen mana isaani seenuun intala ishee gudeeduuf yaalani" jechuun polisiin tokko midiyaa biyyattitti himeera. Dabalataaniis harmeen kun mucaa ishee gargaaruun namoota kana loluun of irraa dhorkuu isaanii dubbateera.

Komishiniin dubartoota naannichaa gochaa kana balaaleeffachuun "ejjeennoon cimaa" akka fudhatamuu ibsaniiru.

Gochii akkanaa bulchiinsa kana keessatti yommuu raawwatu isa jalqabaa miti.

Ebla keessa shamarreen tokko yalii gudeeddi dhiirota waan ofirraa lolteef asiidiin itti naqameera.

ji'oottan muraasa duras dubartiin Bihaar reebamtee, qullaa buufamtee, gabaa gandichaa keessa deemsifamteetti,.

Mormiin haleellaa saalaa hawaasa Indiyaa kan hedduu guddate bara 2012tti barattuun tokko atoobisii Delhii irratti gartuu dhirootaan gudeedamte erga ajjeefamte booda.

Bara 2018tti da'immaan irratti haleellaan erga bayyaatee booda gochi kun deebi'ee dhimma cimaa ta'e.

Haata'u malee gudeeddiifi haleellan dubartoota irratti raawwatamu guutuu biyyattii keessatti gabaafamuun isaa itti fufee jira.