Dhiirota Chaayinaa haadha warraa hin qabneefi dubartoota daa’ima godhachuu hin feene

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsa uummataa waggaa 10tti al tokko adeemsifamuun baay’inni uummata Chaayinaa bara 1960 asitti lakkoofsa gad-aanaa jedhamuun hiri’isuutu beekame. Kunis imaammatni to’annoo maatii akka dhaabbatu gochuuf deema.
Tahus lammiileen Chaayinaa muraasni imaammata qofa miti waan kana kan hambisu jechaa jiru.
Liilliin haatishee baayyee ishee dhiphistus isheen garuu karoora yeroo dhiyootti mucaa godhachuu hin qabdu.
Liilliin nama ganna 31 yoo taatu, ‘’jireenya koo yaaddoo mucaa guddisuun alatti jiraachuun fedha,’’ jetti.
‘’Hiriyyoota daa’imman qaban muraasa qaba. Isaaniis mucaa isaaniif eegduu gaarii argachuufi mana barumsaa filatamaa galchuu irratti baayyee haasa’u, anaaf kuni baayyee dadhabsiisaa dha,’’ jetti.
Lilliin haatishee kana miidiyaatti dubbachuu yoo barte ni gadditi jettee ijaa yaaddeef maqaan kuni fedhasheetiin kan geeddarame dha.
Haa tahu malee ilaalchi dhaloota gidduu jiru gargar tahuun dargaggooti magaalaa daa’ima godhachuu irratti yaada isaan qaban agarsiisa. Qorannoonis kanuma agarsiisa.
Ragaa lakkoofsa uummataa dhiyeenya gadhiifameen bara darbe qofa Chaayinaatti daa’imman miiliyoona 12 tahan dhalataniiru. Kunis kan bara 2016 miiliyoona 18 ture irraa hir’ina baayyee agarsiiseera.
Dimshaashatti lakkoofsi uummataa kan dabalaa jiru yoo tahu garuu saffisa baayyee gad-aanaa taheeni, kunimmoo Chaayinaa lakkoofsi uummataa ishee yeroo eegameen dura akka gad-hin buune yaaddesseera.
Lakkoofsi uummataa kuni rakkoo kan tahe sababa caasaa umrii fuggisoo taheetiin, ijoollee haaraa dhalatturra namoota dulloomantu baay’ata.
Kuni akkanaan itti fufa taanaan fuulduratti hojjettoonni warreen dullooman gargaaran hin jiraatanii jechuu dha. Namooti baayyee tajaajila fayyaafi hawaasaa akka malee ni barbaadus taha.
Niing Jizhee waajira Istaatistiiksii keessaa kan hojjetu yoo tahu daa’imman dhalatan hir’isuun bu’aa guddina hawaasaafi diinagdee uummata Chaayinaati jedha.
Biyyoonni guddachaa hammuma deeman hojii fi barnootaaf dursa kennuutiin hammi ijoollee dhalatanii ni hir’ata.
Biyyooti ollaa kanneen akka Jaappaaniifi Kooriyaa Kibbaa ijoollee godhachuu jajjabeessuuf haalota garaagaraa mijeessan illee rakkoon wal-fakkaataa isaan mudataa jira.
Garaagarummaa koorniyaa guddaa
Hayyoonni garuu dhimma Chaayinaa kana akka malee yaaddessaa dha jedhu, sababiinsaa immoo Chaayinaatti dhiiroti maatii qabaachuu dhiisii haadha warraa argachuuyyuu ni rakkatu.
Garaagarummaa lakkoofsa uummataa saalaa guddaatu jira, bara darbe lakkoofsi dhiirotaa miiliyoona 34.9’n kan dubartootaa caala.
Kuni egaa bu’aa imaammata Chaayinaa daa’ima tokko qabaachuu bara 1979tti labsame irraa dhufe dha.
Aadaa daa’ima dubaraa caalaa dhiira caalsifatutti namoonni ulfa akka baasaniifi bara 1980 irraa kaasees dhiiroti baayyeen akka dhalatan tahe.
‘’Haalli kuni gabaa gaa’elaa irratti rakkoo buuse, keesumaa immoo dhiirota qabeenya hin qabneef,’’ jedhu Dr Muu Zheeng hayyuun Soshiyoolojii National University of Singapore irraa.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2016tti mootummaan imaammata sana dhaabee, maatiin ijoollee lama akka godhatan eeyyame.
Haa tahu malee haaromsi kuni saffisa lakkofsa daa’imman dhalatanii dabaluu hin dandeenye. Tahus lakkoofsi uummataa dabaluu jalqabe ergasii.
‘Haala kanaan eenyu mucaa godhachuu barbaada?’
Ogeessotni imaammata kana laaffisuun gargaarsa maallaqaa, barnootaafi eegumsaa daa’immanii waliin hin dhufne jedhu.
Namoonni baayyeen gatii jireenyaa qaalii tahaa dhufe kanaan ijoollee guddisuudhaaf humna hin qabaatan.
‘’Namoonni ijoollee godhachuu otoo hin taane guddisuu sodaatuu,’’ jedhu Dr Muun.
Kana malees haalli namoonni milkaa’ina jireenyaa ilaalan geeddarameera-keesumaa warreen magaalawwan gurguddoo jiraataniif.
Mucaa godhachuufi gaa’ela dhaabuun mallattoo milkaa’inaa tahuun isaanii hafaa dhufeera. Inumaayyuu guddina dhunfaa irratti xiyyeefatama jedhan.
Dubartoonni ammallee daa’immanii kunuunsuun hojii isaanii akka tahe qofatti yaadama.
Chaayinaan abbootiif guyyaa boqonnaa 14 qabaattus, dhiiroti garuu boqonnaa sana hin fudhatan. Yeroo guutuu fudhatanii shoora abbummaa bahachuun immoo kan hin yaadmane dha.
Kanaaf dubartoonni murtoon daa’ima godhachuu hojii isaanii jalaa busheessa jedhanii sodaatu.
Miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weeboo irratti ‘dhaloonni haaraa Chaayinaa maaliif daa’ima godhachuuf fedhii dhaban,’ mata duree jedhuun dhimmi kuni ijoo dubbii tahee ture. Al miiliyoona 440 caalaas qoodamera.
‘’Dhugaan lafa jiru hojiin baayyee dubartootaaf kan hin mijanne dha, warreen hojii gaarii qaban immoo harkaa akka bahu hin fedhan. Haala kanaan eenyutu daa’ima godhachuuf ija jabaataree?,’’ jedhe inni tokko miidiyaa hawaasaa kanarraa.

Madda suuraa, Getty Images
Magaalawwan muraasni guyyaa boqonnaa dahumsaa dheeressanillee kaanimmoo guyyaa 98 caalaa boqonnaa kennuun qaawwa loogii koorniyaa iddoo hojii jiru ni bal’isa jedhu.
Baatii Bitootessaa Choongkiing hojii haaraaf yoo qacaramtu yeroo garaatti ishee hafu hojiishee akka gadhiistu akka mallatteessitu dirqamtee turte.
Furmaata argachuuf yeroonsaa darbeeraa?
Dhorkaawwan daa’imman godhachuu waliin jiran hundi dhihootti ka’uun isaanii hin oolu jechuun maddeen Rooyitarsitti himan. Waggaa sadiifi shan gidduutti tahuunsaa waan hin oolle tahus ibsaniiru.
Gariin garuu Chaayinaan imaammata to’annoo maatii battalaan akka haqxu waamicha dhiyeessaa jiru.
‘’Bilisummaan daa’ima godhachuu jiraattonni ijoollee godhachuu fedhan yeroo jiranitti kennamuu qaba,’’ kan jedhanis jiru.
‘’Yeroo namoonni ijoollee godhachuu hin barbaannetti bilisummaa kana yoo kennite faayidaa-maleessa taha,’’ jedhu.
Tahus dubartoonni magaalawwan kanneen akka Beejiingiifi Shaangaay jiraatan daa’ima godhachuu akkuma hin feene warreen baadiyyaa jiraatan immoo maatii bal’aa qabaachuu fedhu jedhu.
Maddi Rooyitarsitti haasa’an keessaa akka jedhutti naannolee baadiyaattii lakkoofsi uummata yoo gara malee dabalemmoo hiyyuummaafi hojii dhabdummaaf sababa tahuu mala jedha.
Furmaatni tokkoofi tokko tahe jiraachuu baatus Chaayinaan garuu haala lakkoofsa uummataa kana iddootti deebisuu dandeessi jedhu Dr Ji’aang Kuwaanbaawoo Yunivarsiitii Xi'an Jiaotong irraa.
Lakkoofsi daa’imman dhalatanii safarri (reetiinsaa) hir’atus lakkoofsi uummataa ammas guddachaa jira, sababiinsaa immoo aadaan Chaayinaa gaa’ela godhachuu fi maatii horachuu ammallee jiru dha jedhu.
Maatii deeggaruufis tarkaanfii garaagaraa fudhatamaa jira. Kanaaf Lilliinis daa’ima godhachuuf yaada geeddarti taha.
‘’Ijoollee guddisuuf qabeenya gahaa yoon qabaadhe, yaadaan qophii nan taha haati koos ni gammaddi,’’ jetti isheenis.













