Hawaasa isaa gargaaruuf jecha hakiima boronqii qabate

Madda suuraa, Dr. Mohamed Ali
Ahimad Abdii Dooh, mana barumsaa Waarder naannoo Somaaletti argamutti barataa kutaa 11ffaati. Hospitaalatti tajaajila fayyaa kennuun kan isaan beeku Doktar Mohaammad barnoota dabalataa mana barumsaa isaatti kennaa jiru.
Hakiimni kuni daree isaaniin seenanii isaaffi hiriyyoota isaaf barnoota baayolojiifi keemistirii irratti barnoota dabalataa keennuusaanii yoo argu dinqameera.
Dr Mohaammad Alii fi Dr Ahimad Naasir hospitaala waliigalaa Waardeer, iddoo tajaajila fayyaa kennan irraa Sanbataafi Dilbata gara mana barumsaa boronqii qabatanii deemu Waarderitti deemu.
Imala oolmaa deebisuu
Waarder magaalaa Jigjigaa irraa km520 fagaattee argamtu dha. Dr Mohaammad Alii manuma barumsaa Wardeerdhumatti baratan
Yeroo Dr Mohaammad barataa turanitti meeshaaleen deeggarsa barnootaa gatii hin turreef barattoonni barnoota isaaniin jaboo tahan barattoota barumsa isaanii laafoo tahan ni gargaaru.

Madda suuraa, Mohamed farah
Warri kutaadhaan isaan dura turan barnoota bu'uuraa warreen jedhaman isaan qo'achiisuun barnoota isaanii akka jabaatan.
Barnoota isaanii sadarkaa lammaffaa irratti qabxii fiduun Yunivarsiitii Jimmaa galuun Fayyaa qo'atan. Erga eebbifamaniin boodas Waardeeradhumatti ramadaman.Qe'een isaanii Waarderaan maasii fi tabbi isaa akkuma durii haa tahuyyuu malee waan tokko hir'atee jira.
Barattoonni aanaa Doolloo irraa gara barnootaa sadarkaa olaanaatti galan yeroo dhaa yerootti lakkoofsi isaanii hir'isaa dhufuu dha jedhu Dr Mahaammad.
''Nuti gariin keenya Injiinara, kaan ogeeyyii seeraafi hakiimota faa taanee yoo barannu naannoo keenyarraa barattoonni yunivarsiitii galan xiqqoo tahuun nu yaaddesse.
Achiin booda namoota barataa meeqatu yunivarsiitii gale jechuun qorannoo jalqaban.
Argannoon qorannoo isaanii kan tilaamaniin gaditti tahuu dubbatu, waan fala jedhanis lafa kaa'an.
Barnooti kennamu dadhabaa tauu, meeshaalee gargaarsa barnootaa guutamuu dhabuu, barsiisota gahumsa qaban dhabuu tahuu adda baafneerra jedha.
Kanaa fala dha kan jedhanis barattootaaf barnoota dabalataa kennuun dursuu akka qabu amanan.
Barattoota gidduu immoo dorgommii qopheessuufi warra harka qalleeyyii tahan immoo hanga danda'an deeggarsa gochuuf murteessan

Madda suuraa, Dr. Mohamed Ali
Obbo Mohaammad Furahaan Yunivarsiitii Jigjigaatti barsiisaa mummee barnoota Ikonomiksiiti. Isaanis naannoodhuma Waardeeraatti baratan. Dhalatootta naannoo sanaa hojii garaagaraa irratti bobba'anii jiran walitti qabuun waldaa hundeessan, namooti 150 miseensa, saddeet immoo yaada tola ooltummaa kana qindeessuuf filaman.
'Dolloo garee tola ooltotaa jechuun maqaa moggaasan. Deeggarsi taasisan maallaqaan ykn humnaan tahuu danda'a jedhan.
Dr Mahaammad miseensa garee kanaa yoo tahu kaayyoo dhaabbichaa humnaafi maallaqaan gargaaraa akka jirus ni dubbata. Hiriyyoonni isaanii Dr Ahimad Naasir faa immoo seenaafi Herreega barsiisuuf waliigalaniitu eegalani.
Barataa Ahimad Abdii hojii hakiimota kanaa akkaa fakkeenyaatti akka ilaalu dubbata. 'Namoota kaan akka gargaarruuf nu jajjabeessu'' jedha.
Namoota naannoo biroo irraa buqqa'anii dhufaniinis gargaarsa meeshaalee barnootaa dabalatee, barnoota dabalataallee ni keenninaafi jedhan Dr Mahaammad.
Obbo Mahaammad Furahaan immoo aanaalee godinicha jala jiran torba keessatti mana barnootaa bultiifi mana kitaabaa guddaa banuuf kaayyoo qabu.
Hojii tolaan raawwatamu kanaaf dhalattoonni naannichaaji'atti takkaa deemuun deeggarsa akka godhan dubbatu. Hojjettooni fayyaa fi barnootaa magaalaa jiraatan immoo torbee torbeetti deemuun ijoollee barsiisu jedhu.
Tola ooltummaan akkasii bala'inaan akka baratamu fedhii akka qaban ni ibsu.
Barataa Abdiinis yeroon qormaataa dhiyaachuu himuun deeggarsa bara kana argateen qabxii gaarii akka fidu BBCtti himeera.















