Koronaavaayirasii fi Da'umsa: Yaaddannoo ulmaa deessuu Itoophiyaa tibba Covid-19 keessa

Madda suuraa, Getty Images
Tibba weerarrii koronaavaayirasii yaaddoo addunyaa itti ta'ee kanatti namoonni hedduun tajaajila wal'aansa idilee argachuuf gara mana yaalaa deemuu hir'isuun kan isaan yaaddesse ta'u oggeessonni fayyaa wayita dubbatan dhagahamu.
Qaamoolee hawaasaa tajaajila mana yaalaa isaanii adda kutuu hin qabaanne keessaay dubartiin ulfaa isaan tokko.
Haadhooliin tokko tokko sooda vaayirasichaan ni qabamna jedhurraa ka'un mana yaalaa dhaquu akka sodaatan himu.
Deessuu kanneen keessaa tokko Aaddee Masarat Gaaddisa (maqaan ishii kan jijjiirame) jedhamti. Tibba Covid-19 kanatti dahuumsi maal fakkaataafi aadaawwan ulmaa (gola ciisaa dubartii deessee) keessatti maaltu akka jijjiirame nutti himte jirti.
Aadde Masarat tibba garaatti baattuutti buufata fayyaa dhaquudhaan hordoffii taasisuuf yaaddoo cimaan itti yaadatti.
Ta'ulleen of eeggannoo waliin hordoffii ishee hunda xumuruun baatii tokkoon dura mana yaalaatti dahuu nutti himte.
Haata'u malee qophiilee fi sirni aadaa kana dura ulmaa deessuutti baraman hedduun sababii Covid-19'n geeddaramu akkanaan BBC'tti himte.

Dahumsaaf mana yaalaa deemuufi yaaddoo ture
Dhuma baatii ulfaa kiyyarratti wayitan hospitaala dhaquu miira bitaa natti galuu keessan ture.
Karra hospitaalichaa irraatti dubartiin tokko nama seenu hunda ho'a qaama saanii safarti. Ishee bira darbee keessa wayitan galuuttis, namni hundi maaskii kaawwateera.
Namoota osoo maaskii hin kaawwatiin dhaqaniifis hospitaalichaan kennamaaf waan tureef kan maaskii hin kaawwatiin hin mullatu ture.
Kutaa narsootaafi keessummeesitootaa biratti ammoo 'kana darbuun hin danda'amu' jedhamuun sararri kaa'amee ture.

Dabareen kiyya gahee wayitan hakiima kiyya bira galeettis teessoon wal'aanamaa kan duriirra hakiimarraa fagaatee kaa'ameera.
Wayita bahamuutti harkaan kan haxaawwamu dhangala'aan (saanitaayizariin) hospitaalicha keessa bakkuma hundatti fanniffamee mul'ata. Walumaagalattiis wanti hundinuu geeddarameera.
Ofi eeggannoon isaanii kunis gama tokkoon miira nageenyaa natti umulleen, gama biraatiin ammoo dhiphina natti ta'e ture.
Isaan boodas manuma kiyya taa'uun hanga ciniinsuu (mixuun) na eegaluutti maaliifan hin eegganne jedhee yaadu eegaleen ture. Garuu kana hin goone dhaqaatuman ture.
Keessattuu torban lamaan dhumaarratti hordoffiin hakiimaa cimaan akka na barbaachisu dahumsa ijjoollee kiyya lamaan duraa irraa waanan hubadheef, cimeetuman of eeggannoon hordooffii kiyya xumure.
Manaa bahuuf wayitan yaaduuttis maaskii kaawwachuufi saanitaayizara qabachuu mirkanneessuun hojii kiyya duraa ture.
Keessattu oggeessoonni fayyaa ana caalaa vaayirasichaaf saaxilamtoota ta'uu yoon yaadu, kan kiyya natti salphata ture.
Haaluma akkasiitiin Waaqatti kadhannaa taasisaatuma hordoffi kiyya xumure.
Maatii dhokatanii dahuu
Guyyaan dahumsaaf mana yaalaa deemeettis, hangan nagaan hiikamuutti eenyuuttu akka hin himneef abbaa warraa kiyya waliin walii gallee.
Sababiin isaas wayitan ijoollee kiya lamaan daheetti akkuman mana yaalaa galuun koo barameen maatiin walitti qabamuun ala dhaabbatanii hangan hiikamuutti eegu turan.
Amma garuu kun akka raawwatamu hin barbaanne.
Mana yaalaattis sababiidhuma koronaatiin walqabatee namni deessuu tokko gargaaruuf hayyamamu nama tokkicha qofaa ta'uun barraa'eera.
Maatiin keenya garuu kun akka isaan hin dhaabne waan beeknuuf ciniinsuun na jalqabu isaa dhoksine turre.
Ta'us ammoo kutaa dahumsaan walqabatee yaaddoon gara biraa narraa hin hafne ture.
Dur kutaa dahumsaa keessa deessuufi narsoota hedduutu jira ture. Ammas akkas taanaan carraan vaayirasichaaf saaxilamu olaanaa ta'e jechuun yaadaan ture.
Deessuun vaayirasichi qabe dhiheenyatti achitti deessee yoo ta'e hoo? Ciniinsuurra ta'ee attamiinan of eeguu danda'aa? fi gaaffiilee hedduun natti dhufaa turan. Hundumaa Rabbitti kenneen akkas jedhe:
''Yaa Rabbii ijoollee kiyya irraa na hin ajjeessiin. Daa'ima biraan argadhaatti maatiin kiyya akka hin bittinoofne ayyaana ke naaf baayyiisi.''
Akka carraa ta'ee kutaa dahumsaa yoon galuu ana qofatu ture. Sireenis kan durii irraa waliirraa fafaggeeffamaniiru.
Tibba ciniinsuuttis sibiila siree qabachuuf baayyeen of qusadha ture. Oggeettiin fayyaa mataanshee naaf hordooffii taasisuuf yoo natti maxxantu nan sodaadha ture. Kunis isheef of eeggachuufi ofii kiyyaafis sodaachuun ture.
Booda garuu hospitaala seenee sa'aatii sadii keessatti nagaan hiikamee mucaa nagaa hammadhe.
Ulmaa fira malee qofaatti dabarsuu
Dahuumsaan boodas nagaan hiikamuu bilbilaan maatiifi firatti himame. Osoo dur ta'e haadhatu mucaa hammatee illilleen gara manaa galama ture.
Ollaanis dhufee 'baga nagaan hiikamte, kan dhalate siif haa guddattu' jedhee eebba dhangalaasa ture.
Amma garuu kun hin jiru ture. Anuumaafi abbaa warraa kootu mucaa keenya qabatee gara manaa gale.
Guyyoota dahumsaa jalqabaarratti akkuma kan dura sana maal akkan godhu wallaaleen ture.
Mataa fi dugda deessuu jedhamuun kunuunsi dur naaf taasifamu hundi amma hin jiru.
Margaan marqamee, namoonni walitti qabamuun eebbii ture sana fa'iin arguu hawwee ture.
Keessattu qophiin guyyaa shanii yaaddannoo aadaa gola deessuutti hindagatamne ture. Sirnichas firoonni walitti qabamiin wali arguuf carraa olaanaattan lakkaa'aa ture.
Amma garuu aadaa akkasii bareedaa kana hundaa Covid-19n booda, hawwiin ala raawwachuuf baay'ee rakkisaadha.
Waanti hundi karaadhuma bilbilaatiin ta'eera. Isaafuu osoo gammachuun walii ibsamee hin xumuramne, gara waa'ee oduu koronaavaayirasiitti ce'ama.
Keessattuu haatii kiyya garaa dhalaa itti ta'ee, ''omaa hin ta'u daqiiqaadhuma shaniif si argee deebii'ulaata?'' jetti.
Yeroo biraa ammo waan mana ulmaatti na arguu dhabdeef, baricha abaaruun boo'uuf wayita jettuun bilbilaan mataduree haasaa jalaa geeddaran ture.
Haati kiyya ana eebbisuuf akka manaa hin baane kanan dhorkaa tureefis, sababii namoonni akka haadha kiyyaa umuriin jaaraniifi dhalattuu akka amma argadhee kun Covid-19 kanaaf caalaa saaxilamtoota ta'aniif isaaniif yaaduun ture.
Haaluma kanaanis firriifi hiriyyoonni kiyya akka durii dhufanii osoo na hin eebbiisiin kunoo baatii lakkoofsisaan jira.
Nageenya hunda keenyaatiif jecha amma guuyyaan fooyya'e dhufuutti kunoo anis ulmaa gola deessuu keessatti qofaadhuma dabarsuu itti fufeera.

















