Koronaavaayiras: Indiyaatti daa’imman 100 ol haadholii Covid-19 dhukkubsatan irraa dhalatan

Ogeessonni yeroo deessisaa jiranitti

Indiyaa gama lixaa magaalaa Mumbaayi keessatti daa’imman 100 ol haadholii Covid-19 qabamanii hospitaala seenan irraa dhalatan.

Daa’imman kunneen fayyummaa guutuudhaan dhalatan jedha hospitaalichi.

Doktaroonni hospitaala Lokmanya Tilak, kan haadholiin vaayirasichaan qabaman hedduun keessatti yaalamaa jiran, keessaa hojjetan akka jedhanitti daa’imman 115 dhalatan keessaa sadi jalqaba wayita dhalatan poozatiiva turan, boodarra garuu qorannoo yeroo dheeraa booda bilisa ta’uunsaanii mirkanaa’e.

Haadholiin garaatti baatan lama hospitaalichatti du’an, tokko akkuma daa’imnishee dhalatteen duute.

Namoonni 20,000 caalan qabamuu fi 730 kan caalan ammo du’uu kan mirkaneessite magaalaan giddu gala maallaqaa, daldalaa fi bashannanaa taate Mumbaayi yeroo ammaa giddu gala vaayirasichaa taateetti.

Daa’imman haadholii Covid-19 dhukkubsatan irraa dhalatan kunneen keessaa walakkaa ol wal’aansa baqaqsanii yaaluutiin dhalatan, kan hafan ammoo karuma nagaa dhalatan jedhan qondaaltonni.

Haadholiin kun hedduunsaanii hsopitaalota biroo irraa da’umsaa kan rifariin barreeffameefii hospitaala kana seenan yoo ta’u, vaayirasichaan manatti qabamanii hospitaala seenanii fi hospitaala seenanii qabamanii kan jedhu ifa hin bane.

Doktaroonni 65 ta’anii fi narsoonni 20 caalan haadholii koronaavaayirasiidhaan qabaman kunneen wal’aanaa jiru.

Ogeessota fayyaa Indiyaa

Hospitaalichatti Dursaa Damee Fayyaa Dubartootaa kan ta’an Doktar Aarun Nayaak, ‘’harmooliin poozatiiva ta’an hedduunsaanii mallattoolee sasalphaa agarsiisaa jiru, isaan yaaluudhaan milkaa’aa waan jirruuf, wayita isaan bayyanatan gara manasaaniitti nagaadhaan ni deebisna’’ jedhan.

Haadholiin kunneen da'umsa booda torbee tokkoof kutaadhuma da'umsaa keessa turuun dawaa haaydirooksiikiloorookwiin jedhamu fudhatu ,isa booda guyyaa 10'f adda ba'anii turu, daa'imman haadharraa adda baasanii tursiisuun waan hin danda'amneef haati maaskii uffattee hoosisaa turti.

kanaan dura daa'imi tokko Chaayinaa, iddoo jalqaba vaayirasichi itti mul'ate Wuhaan keessatti dhalattee sa'atii 30 keessatti Covid-19 qabamtee turte,

Bitootessa darbe Ameerikaa kutaa biyyaa Chikaagoo keessatti daa'imti ji'a ja'aa vaayirasichaan kan duute yoo ta'u, dhiyeenyuma kanammoo Wales keessatti daa'imti guyyaa sadi erga haati poozatiivii taatee booda vaayirasichaan duuteetti.

Indiyaatti hanga ammaatti namoota 112,442 vaayirasichaan qabaman keessaa 3,438 du’anii, 45,422 ammoo bayyanataniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa